Muumme shamsudin

Muumme shamsudin Culture

27/12/2025

Ollaa wal hin Agarre, wal hin beyne, wal hin dubbifne, wal hin gaafanne, rakkoos ta’ee bal’oos namuu waanuma asii fudhatee dhaqeen jiraata. “Ofii jettu miaa’ii” jedhe Namtichi, Rabbi galgala nuhaa tolchu. Aamiin

19/06/2025
11/09/2024

Iphone 16 Pro Max Guyyaa Arraa Gad Dhiifamatee Jirti
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Khalee Gurguranii iphone Bitachuu Rabbi Siin haa didu

Amatuu yeroo Kaampaaniin Apple Mobile Haaraya gad dhiisuun beekkama. Guyyaa Arraa iphone 16 Pro Max Gad dhiifamtee jirti.

Yeroo iphone haarayni baatu taatee addaa addaatu uumama.

1: iphone Bitachuuf khalee Gurguruu : Biyyoota Africa tokko tokko keessatti yeroo iphone 📱 haarayni baatu gariin namaa khalee ofii gurguree iphone bitata.

2: Dubartii fi iphone : Dubartoonni zamana kanaa iphone hedduu jaalatan, iphone Naaf biti waan feeteen siif godha siin ja’an. Wanni iphone jaalataniif suuraa babbareedduu itti kahuu fi walirratti boonanii Wal agarsiifachuufi.

Khalee Gurgurtee iPhone bitachuun ammaa gaa
Qaadhimaa teetiif iphone bituun amma gaa

Mee namni amata dabre khalee gurguree iphone 15 Pro Max bitate, amata kana hoo maal gurguree iphone 16 Pro Max Haa bitatu ?

Yaa Rabbi Khalee Teenya Nagaya Nuuf Godhi

By: Dr. Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

02/09/2023

OSOO HIN DHIHIN DHAQQABADHU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Hiriyyaan kiyya kan facebook Baharudiin Jamal Viidiyoo takka karaa inbooksiin natti erge. Wallaahi dhaamsi Viidyoo Sanirraa dhagahe akkaan qalbii na tuqe. Waan dhagahe san guutumaan guututti isiniif dhiheessuun na rakkisus, dhaamsa achirraa dhagahe takka isinii qooda.

Ergamaan Rabbii ﷺ “karaan salphaan jannata ittiin seenaan Haadhaa fi Abbaa ofii gammachiisuudha” jedhan.

Ilmi Abdallaah ibn Zubeeyr abbaan isaa jalaa duunaan booye. Ilmi Abdallaah ibn Zubeeyr, “An Waan Abbaan kiyya du’eefii miti kan booyu. An waan karaan salphaan gara jannataa ittiin seenu na jalaa cufameef booya” jedhe.

Hubannoo isaa laalaa mee. Abbaan isaa du’uu isaatiin karaan salphaan gara jannataa ittiin seenu waan jalaa cufameef booye. Haga guyyaa du’a abbaa isaatti haala gaarii kunuunsaa akka ture nu agarsiisa. Dubbii ergamaa Rabbii ﷺ dhugoomsee dalagaa irra oolchaa ture. Abbaa fi haati keenya yeroo hangamiif nu waliin akka turan hin beeknu.

Kanaafuu Namni Haadhaa fi Abbaan kee lubbuun jiran, kidimaa isaanii jabeessi. Isaan dallansiisuu fi mufachiisuu irraa of qusadhu. Yoo waa si gaafatan isaan hin didin. Waan isaan gammachiisu hojjachuudhaaf carraaqi.

Yoo akka carraa Abbaa fi Haati keenya gara aakhiraa deeman ammoo, du’aa’ii isaanii haa goonu. Maqaa isaaniitiin kheeyrii gurguddaa haa hojjannu. Ilmaan gaarii isaaniif haa taanu. Inni bar ilma abaluuti, Isiin bira intala abaluuti jedhaa, Maqaa Abbaa fi haadha keenyaa namni haala gaariin akka kaasan haa goonu.

YAA ALLAAH
► Nama Abbaa fi haadha keenyaaf ajajamnu nu taasisi
► Abbaa fi Haadha keenya nuu gammachiisi
► Haqa isaanii eeguu nuuf laaffisi
► Waan hundaa olitti jannata kee bareeda san keessa nuu qubsiisi

© Abu Ibtisam

https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149&mibextid=LQQJ4d

Adresse

Niarobi
Kenya
ALAM

Téléphone

+254770284385

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Muumme shamsudin publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter L'université

Envoyer un message à Muumme shamsudin:

Partager