08/06/2022
Yeroo kam iyyuu caalaatti Oromoon amma yeroo akkaan murteessaa ta'e keecha jira. Dhimmichi dhimma Oromoo fi Oromiyaati. Yeroo wal falmuu osoo hin taane yeroo waliin ta'anii falmachuu keecha jirra. Mana keenya Oromiyaa kan sabni keenya Oromoo keecha jiraatu ijaarrachuuf daboo wal waamuu qabna. Gamaa gamanaa walitti duuluu dhiifnee kan utubaa fidu utubaa, kan dagalee fidu dagalee, kan citaa fidu citaa fi kan hidda ykn quuncee fidu hidda(quuncee) fidee ijaarsichatti golaba gochuu qabna.
Ijaarsa Oromiyaa aarsaa hedduun itti kanfalame daboodhaan itti dachaanee ijaaruun yoona. Oromoo waan takkan isiniif dhaama waliin ijaaraa malee, wal diigdanii diinaaf qaawwa hin baninaa. Humna waliif taa’aa malee, humna wal hin buusinaa. Hayyootni Oromoo walitti dhufuun haa mariyatamu.
Seenaa abboota keenya jaarraa 16ffaa yaadadhaa. Jabaadhaa of humneessaa; wal humneessaa Oromoo fi Oromiyaa ijaaraa.