01/10/2025
🌅
=======================
1,Qorumsi kan sitti baayy'atuuf; Dadhabina kee mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate mul'isa.
***********
2, Namni maalif akka du'u hin beeyne.Maalif akka jiraatus hin beeku.
************
3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin eegalin.
************
4, Nama Gammachiisuf jattee gammachuu kee hin dhabin.
************
5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi,Nama yaada xiqqaa irraa fagaadhu.
************
6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu jaalatu;Sababni yeroo mara waan isaan dhaggeeffatu itti fakkaata.!!!
************
7, Beekaa ta'uun humna siif kenna.Amala gaarii qabaachuun kabaja siif kenna.
*************
8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata.
*************
9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu.
*************
10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu barbaaddu hawwuun gowwummaadha.
**************
11, Moo'ataa kan si taasisu Baay'ina deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti amanamummaa ati qabduudha.
*************
Galatooma !❤
gochuu hin dagatina!
Dubbisiin biroo akka siin qaqaabu namooni barbaadan godha!
Mu'ee Islamic oromoo official