10/07/2026
🌿 Guyyaa Jumu'aa Kabajamaa Kana 🌿
Guyyaan Jumu'aan guyyaa rahmataa, araaramaa fi yeroo du'aan itti caalaatti qeebalamtu keessaa isa guddaadha. Kanaaf har'a harka keenya gara Rabbii ol kaasnee wal haa yaadannu.
🤲 Yaa Rabbii! Cubbuu keenya hunda nuuf araarami. Qalbii keenya iimaanaan nuuf guuti. Karaa Kee sirrii irrati nu jabeessi. Dhumni keenya gaarii akka ta'u nuuf godhi.
🤲 Yaa Rabbii! Dhukkubsattoota hunda fayyaa guutuu deebisifi. Warra hospitaala keessa jiran, warra mana isaanii keessatti dhukkubsatan, fi warra dhukkubni isaanii nama irraa dhokate hunda araarama Keeti fi fayyaa isaanii guutuu kennifi.
🤲 Yaa Rabbii! Warra yaaddoo,fi gaddaa dhiphina jireenyaatiin qalbiin isaanii cabdee hunda boqonnaa fi tasgabbii qalbii isaaniitif kenni. Yaaddoo isaanii gammachuudhaan jijjiiri; imimmaan isaanii gammachuun bakka buusi.
🤲 Yaa Rabbii! Nama hojii barbaadu hunda hojii gaarii isaaf kenni. Nama rakkoo maallaqaatiin dhiphate bal'ina rizqii isaaf banu. Nama liqii keessa jiru liqii isaa irraa baasi.
🤲 Yaa Rabbii! Maatii keenya nagaan tiksi. Ijoollee keenya qajeelchi. Warra du'an hunda araaramifi. Qabrii isaanii ifa godhi; Jannatal Firdawsiin isaan qananiisi.😢
🤲 Yaa Rabbii! Uummata Muslimaa addunyaa guutuu keessaa jiran nagayaa fi tokkummaa irratti jabeessi. Warra cunqurfaman gargaari; warra beela'an soori; warra sodaa fi rakkoo keessa jiran nageenya isaaniif deebisi.
🤲 Yaa Rabbii! Du'aaii keenya har'aa nuuf qeebali. Guyyaa Jumu'aa kana sababaa araaramaa, rahmataa, milkaa'inaa fi gammachuu keenya nuuf godhi.
Aamiin Yaa Rabbal-'Aalamiin. 🌹
اللهم صلِّ وسلم وبارك على نبينا محمد، وعلى آله وصحبه أجمعين.🤲💜🤍❤🖤
゚viralシ