Hangatuu Bareedduu Abdii

Hangatuu Bareedduu Abdii Namayyuu hin fakkaatin
Of tahuu hin qaanfatin. Dhaamsa Abbaa kiyya Ali Birra ti. Fuulli RABBII itti jedhee❤🙏❤

Fuula koo irratti koflee si agarsiisus Keessa koo garuu imimmaantu dhangala'aAti gammachuu kee nama biraa waliin dabarsa...
12/09/2026

Fuula koo irratti koflee si agarsiisus Keessa koo garuu imimmaantu dhangala'a

Ati gammachuu kee nama biraa waliin dabarsa jirta

Ana garuu kophummaa keessatti na dhiiste.🖤😭

💞🌻Bara 2019 Baga geessan 🌻💞💞🌻Jiruu kun Biiftuun 💞🌻💞🌻 Haaraan siif haa Bahuu 💖🌻        Barri Kun:-🌹Kan Nagaa🌹🌹Kan Jaalala...
10/09/2026

💞🌻Bara 2019 Baga geessan 🌻💞
💞🌻Jiruu kun Biiftuun 💞🌻
💞🌻 Haaraan siif haa Bahuu 💖🌻
Barri Kun:-
🌹Kan Nagaa🌹
🌹Kan Jaalala🌹
🌹Kan Gammachuu🌹
🌹Kan Gaarummaa🌹
🌹Kan dhiifamaa 🌹
🌹Nuuf haa ta'u 🌹
💞💞💯💯💯💖💖💞

Uffaata ati ofirra qabdu caalaa,Ulfina ati namaaf qabdutuu Namummaa kee ibsa.
08/09/2026

Uffaata ati ofirra qabdu caalaa,
Ulfina ati namaaf qabdutuu
Namummaa kee ibsa.

Jaalalaan miidhamuun (heartbreak) dhukkubbii alatti hin mul’anne, garuu keessoon namaa akka malee gubuu fi onnee kuffisu...
07/09/2026

Jaalalaan miidhamuun (heartbreak) dhukkubbii alatti hin mul’anne, garuu keessoon namaa akka malee gubuu fi onnee kuffisudha. Namni jaallatan tokko nama ganuu, dhiisee deemuu, ykn gatii nuuf kennuu dhabuun miira of-tuffachuu, dhiphina, fi abdii kutannaatti nu geessuu danda’a.

Garuu dhugaan jiru Jaalalaan miidhamuun xumura jireenya keetii miti; inni kutaa jireenya keetii isa haaraa fi jabaa ta’ee keessaa baatuudha. Onnee kee madaa'e waldhaanteedhaaf, gorsawwan bal’aa fi furtuu ta’an kanneen hordofi 👇👇

1️⃣. Dhukkubbii Kee Simadhu (Allow Yourself to Grieve)

Miira kee dhoksuuf hin yaalin. Booyuu, aaruun, fi gadduu yoo barbaadde gaddi. Miirri keessoo kee jiru dhiqamee bahuu qaba.

Ani nama cimaadha, hin booyu" jettee miira kee suppressor (ukkaamsuu) hin godhin. Dhukkubbii sana simattee keessa darbuun jalqaba bayyanannoti.

2️⃣. Of Balleessuu Dhiisi (Stop Blaming Yourself)

Namoonni baay’een yeroo jaalalaan miidhaman "Osoo akkas gochuu baadhee, osoo miidhagaa/miidhagduu ta'ee, hanqina kootiif na dhiise" jedhanii of miidhu.

💊 Hubadhu Namni si jaallachuuf murteesse mudaa kee wajjin si jaallata. Namni deemuuf murteesse immoo sababa uumeema deema. Problem-ni kan isaati malee kan keeti miti.

3️⃣. Seera "No-Contact" (Wal quunnamtii Cufuu) Hordofi

Social Media Stalking Dhiisi: Fuula isaa/ishee hordofuu, waan isaan post godhan ilaaluu fi hiriyoota isaanii gaafachuu dhaabi. Wanti kun madaa kee irratti soogidda dhangalaasa.

Nambarii isaanii block godhi ykn delete godhi. Suuraa fi ergaa isaanii (chat) balleessi. Madaa kee gogsuuf, badhaasa sana sammuu keessaa fageessuun dirqama.

4️⃣. Namni Sun "Barnoota" Malee "Bara Baraaf" Akka Hin Taane Fudhadhu

Namoonni jireenya keenya keessa gahaa ta'an hundi bara baraaf nu wajjin turuuf hin dhufan.

Inni/Isheen jireenya kee keessatti waa'ee ofii keetii, waa'ee dandeettii keetii, fi namoota akkamii fuulduratti hoorachuuf akka qabdu si barsiisuuf dhufan. Accident miti, barnootadha!

5️⃣. Of Jaallachuu fi Self-Care

Jaalala ati naaf qabdu caalaaKabaja ati naaf qabdutu Na boonsa bar my hubby ky 🥺❤
06/09/2026

Jaalala ati naaf qabdu caalaa
Kabaja ati naaf qabdutu
Na boonsa bar my hubby ky 🥺❤

Onnee Qulqulluun Akka Biiftuu Ganamati Jajjabina Namaaf Kenniti Allahamdulillaah❤🙏❤
25/08/2026

Onnee Qulqulluun Akka Biiftuu Ganamati Jajjabina Namaaf Kenniti Allahamdulillaah❤🙏❤

  haraami moo halaali? ♥️===♥️===♥️Namoonni tokko tokkoo akka waan jaalalti haraama taatee tokkotti yoo wa'ee jaalalaa d...
18/08/2026

haraami moo halaali? ♥️===♥️===♥️

Namoonni tokko tokkoo akka waan jaalalti haraama taatee tokkotti yoo wa'ee jaalalaa dubbatte Si jajuu garuu yaanni akkasii dogongora.

Sababniniis jaalalti kan onneeti onneeniis waan itti dhaga'amu irra hin gaafatantu.💝

kanaafu Jaalalti
halaalis mitii haraamaas mitii..

Jaalalti Sadarkaa qabdii
Irraa caaltuun jaalalaa tan
Rabbii fii Ergama isaa jaalachuti💚
Taaniis jaalala maati ofiitifii tan jaarsafi jaarti jiddutti argamtuudha

Jaalachuu fi jaalatamuun
Jireenya ilma nama keessati shoora guddaa qaba.

Osoo jaalalli hin jiraanne
fuudha fii herumnii hin jiruu.

Osoo fuudhafi heerumni jiraatuu baate ilmaan horuun hin jiruu.

Osoo ilmoon dhalatuu
Baate jiruu wanti
ja'ama hin jirtuu.

Kanaafuu jaalalti
bu'ura jireenyati.❣

Gabaabdumatti. Jaalalti bultii halaal jaaruuf jaalatan halaali.

Jaalalti zinaa itti dalaguuf
jaalatan haraami.

Rabbiin halaal malee haraam nun haa didu AMIIIN YAA RABBII ALAMIIN 🤲🥰

Sirritti laaluun sirritti si hubachiisa Sirritti hubatuun sirritti si dubbachiisa.😍  Hangatuu Bareedduu AbdiiNaaf godha ...
07/08/2026

Sirritti laaluun sirritti si hubachiisa
Sirritti hubatuun sirritti si dubbachiisa.😍



Hangatuu Bareedduu Abdii
Naaf godha 😍😍❤❤😍😍😍

Jaalalti dhugaa laaftuu miti, Jaalalti laaftuun immoo jaalala dhugaati miti jaalala sobatii!😍😍😍 Hangatuu Bareedduu Abdii
05/08/2026

Jaalalti dhugaa laaftuu miti, Jaalalti laaftuun immoo jaalala dhugaati miti jaalala sobatii!😍😍😍

Hangatuu Bareedduu Abdii

Namaa fuulaaf si jaalatee osoo hin taane nama fuula duraaf si jaalate jaaladhu ❤🫶❤️
03/08/2026

Namaa fuulaaf si jaalatee osoo hin taane
nama fuula duraaf si jaalate jaaladhu ❤🫶❤️

Address

West Harargee
Addis Ababa
CIROO

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hangatuu Bareedduu Abdii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share