20/09/2022
Irra deebiin kan maxxanfame.
Hawaasni deebii isin irraa eegaa jira.
1. Laaptoopii Instractor Tsagayee mana jireenya kootii fudhatame jechaa ture eenyu akka fudhate fi eessa akka jiru ifa godhaa.
2. Waggaa 4 dura meeshaalee dhumataa baasna jettanii meeshaalee fayyaa kanneen akka lookaroota fayyaa konkolaata jala dhaabdani feetanii baastan kanaafis hawasni shakki isinirraa qaba ibsa godhaafi.
3. TV 'n guddichi mana bashananaa keessatti yeroo dheeraaf tajaajilaa ture ijji keessan otoo arguu gurri keessan otoo dhagahuu cal' istanii achi buute isaa dhabne. Kanas eenyu akka fudhatee adda nuuf baasa.
4. Dhiyeenyuma kana tiraaktara haarawa irraa shaaftiin tilmaamaan hanga Q. 80,000_100,000 bituu danda'u mooraa keessatti hiikkamee dhabame, ni cal'ifame. Maaliif ibsa barbaanna.
5. Dinaamoon konkolaatarraa hiikkame achi buuteen dhabame. Eessa jira? Tarkaanfii maal fudhattan?
6. Laaptooppota 8 tokkoon isaa hanga Q. 60,000 tiin haarawa jettanii gatii qaaliin bichisiistan keessa 4 ogeessi qoratee moofaadha gaafa isiniin jedhu itti gaafatamumma eenyuufu otoo hin laatin, namoota gocha malaamaltummaa kana raawwatan seeratti otoo hin himatin ustan. Maaf???
7. Yeroo dhihoo "SMART CLASS" dha koompitarri 4 halkan tokkotti dhabamsiifame. Maaf cal'istan? Yoom barbaaddanii barbaachisistan?
Walumaa gala Qaamni kolleejjii bulchaa jirra jettu meeshaalee armaan olitti eerame kanaa fi kanneen biroo asi keessa dhabamsiifaman atantamaan gabaasa dhiyessuu qabdu. Itti gaafatamummaan jiraachuu qaba. Kana ta'uu baannaan adeemsoleen sadarkaa sadarkaan jirtanii fi qaamni manajmentii kollejjii kanaa "share" hattoota wajjiin qabdu jennee amanna. Qabeenyi mootummaa fi hawaasaa tajaajila sirriitiif oolu qaba. Waajjirri kominikeeshiinii magaalichaa fi midiyaaleenis waan kana quba qabaadha.