Adinan oro tube

Adinan oro tube Jibbaa hin beeynu🥰

Masjiidul-Aqsaan maalif Muslimtoota biratti Kabajamaa tahe !?:1.Qiblaa jalqabaa ture muslimtootaaf, Makkaan dura,2.Idoo ...
25/10/2023

Masjiidul-Aqsaan maalif Muslimtoota biratti Kabajamaa tahe !?:

1.Qiblaa jalqabaa ture muslimtootaaf, Makkaan dura,
2.Idoo israa fi Mi'iraajni(Ol bahinsa Nabi Muhammad .S.A.W gara Samii)
3.Mana Rabbii(Masjiida) 2ffaa Makkaan booda ijaarameedha,
4.Idoo Nabiyyoonni hedduun ittiin Awaalamaniidha,
5.Idoo Sahaaboonni hedduun ittiin Awaalamaniidha,
6.Idoo Rabbiin Kabajamtuu ykn Ebbifamtuu godheedha,
7.Idoo Qur'aana keessatti yeroo 70 ol Kabajaan dubbatamteedha,
8.Idoo malaa'ikaan Wahyii ittiin buusaa turteedha,
9.Idoo Nabiyyoonni hundi Nabi Muhammad S.A.W boodaa dhaabatanii itti salaataniidha,
10.Masjiida Maqaan saa Qur'aana keessatti dubbatamteedha
11.Masjiida Muslimtoota hunda biratti jaalatamaadha!

Namni Masjiida kana jaalattan "Yaa Rabbi Bilisoomsi" ja'aa!

Hedduu Gaddinee,Akka Itti Dubbannuf Afaan Wallaalle. Namoonni 4 ol Lubbuun Darbe!🥹Yaa Rabbi Gabroottan kee Kan Shahiidan...
02/06/2023

Hedduu Gaddinee,Akka Itti Dubbannuf Afaan Wallaalle. Namoonni 4 ol Lubbuun Darbe!🥹

Yaa Rabbi Gabroottan kee Kan Shahiidaniif Jannataan Nuuf qananiisi. Kan Madaahanifis madaa heenaa nuuf Godhi. Ummata keenya Nagaa atummaan Nuuf Tiiysi

Rabbi Tumsa kee🙏

Gaafiin mirgaa nagaadhaan gaafatamee yeroo deebisaa dhabe' taa'ee ukkaamamee Dhiita'a' wanni dhiita'aa deemummoo yeroo i...
26/05/2023

Gaafiin mirgaa nagaadhaan gaafatamee yeroo deebisaa dhabe' taa'ee ukkaamamee Dhiita'a' wanni dhiita'aa deemummoo yeroo isaa eeggatee dhoo'uun isaa hin hafu.
Ummata mirga isaa gaafatu irratti tarkaanfiin guyya har'aa fudhatame godaannisa seenaati.

Abaarsi Allaahaa zaalimtootarratti haa jiraatu!!
26/05/2023

Abaarsi Allaahaa zaalimtootarratti haa jiraatu!!

Rizqii hogga ja'ame qabeenya qofaatu nutti mullata, garuu qabeenyi gosa rizqiirraa tokko malee rizqiin isa qofaa miti.Be...
19/05/2023

Rizqii hogga ja'ame qabeenya qofaatu nutti mullata, garuu qabeenyi gosa rizqiirraa tokko malee rizqiin isa qofaa miti.
Beekkumsi gaariin rizqiidha, fayyaan qaamaa fi sammuu rizqii waan itti jijjiiran hin qabne, jaarsi/jaartiin gaariin rizqii guddoodha, ilmaani fi horteen gaariin rizqii qabeenyaan hin jijjiiramnerraahi, amalli gaarii fi jaalati namaas akkasuma rizqii qabeenyi hin binnerraahi, qabeenyi halaal gaariinis gosa rizqirraa tokko. Hundaa ol ibaadaaf rabbi si mijjeessee rizqii fi badhaasa guddaa; jannataaf si qopheessuun rizqii hundaa oliiti.

Razzaaq gosa riqzii hunda nu haa razaqu!

21/01/2023

Ji'a ramadaanaaf toora guyyaa 60 qofa hafe, warra dhaqqabatee irraa fayyadamu rabbi nu haa godhu!

Hayyuu keenya hoogganaa muslimoota itoopiyaa prezdaantii majilsa federaalaa sh hajjii ibraahimi wajjiin masjida rasuulaa...
17/12/2022

Hayyuu keenya hoogganaa muslimoota itoopiyaa
prezdaantii majilsa federaalaa sh hajjii ibraahimi
wajjiin masjida rasuulaatti Rabbiin gargaarsa saatiin isaanii waliin haa jiraatuun du'aa'ii tiyya!

Munzir she amiin

12/12/2022

Hoggu takka jaalallee keenya nabi muhammad irratti salawaata haa buusnu ﷺ ﷺ

Rabbiin Keenya S.W bifa, Gosa, Fii Qaama Namaa Hin laalu, Kan inni laalu Keessa namaati !! Meenqantamii jira Namni Bifti...
04/12/2022

Rabbiin Keenya S.W bifa, Gosa, Fii Qaama Namaa Hin laalu, Kan inni laalu Keessa namaati !! Meenqantamii jira Namni Bifti isaa Bareedaa kan Keessi Isaa Fokkotaa ! Ammas Meeqaantamii jira, namni Bifti isaa Fokkotaa kan keessi Isaa bareedaa !! Kanaafuu Dubbiin Gubbaa osoon tahin, keessa jechuu dha !!

Yaa Rabbi Keessa Keenya nuuf bareechii, Gabroottan kee Gaggaarii irraa nu Godhi !!!

Address

Baddessa
Addis Ababa

Telephone

+251921804083

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adinan oro tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Adinan oro tube:

Share