07/07/2026
Qaala’iinsa gatii guutummaan dhabamsiisuun hin danda’amu, tasgabbeessuun garuu ni danda’ama - Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Qaala’iinsa gatii guutummaan dhabamsiisuun hin danda’amu, tasgabbeessuun garuu ni danda’ama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaata 2019 ilaalchisee Yaadaa fi gaaffii dhimmoota diinagdeerratti miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Hanqina mana jireenyaa furuuf bara baajataa 2018 keessa manneen jireenyaa miiliyoonni1.2 ijaaramuu fi bara 2019 ammoo manneen jireenyaa miiliyoona1.5 ijaaruuf karoorfamuu kaasan Dookta Abiy Ahimad.
Finfinneetti qofaaa Daandiin Asfaalitii Kiiloomeetirri kumni1 ol ijaaramuu ibsan.
Ijaarsi Buufataalee xiyyaaraa 7 xumuramuu kaasan.
Piroojektoota sababoota garaagaraan harkifatan xumuruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.
Baajata bara 2019 hanga danda’ametti baasii akkaataa qusatuun hojiirra oolchuuf kan hojjetamu ta’uu himan.
Naannoleen galii isaanii akka fooyyeessan deeggarsi barbaachisu akka taasifamuu ibsanii, baajatni dhimma ramadameef akka oolu hojiin hordoffii fi to’annoo akka cimu hubachiisan.
Hannaa fi malaammaltummaa dhabamsiisuuf hojiin ragaa fi ragaa qofarratti hundaa’e ni hojjetamas jedhan.
Itiyoophiyaa keessa kan jiru hattoonni namoota dhuunfaa malee hanna dhaabbatummaa waan hin taaneef hattoota dhuunfaa to’achuun ammoo daran rakkisaa ta’uu kaasan.