Bilisummaa haa ta'u Oromiyaaf

Bilisummaa haa ta'u Oromiyaaf 430

02/07/2022

Ustaaz Kamaal Heebboo Rabbi si haa tiksu.

Qabsa'aa Sabaa fi Miseensa W*B*O kan ta'e Jaal Ustaaz Kamaal Heebboo irratti wanti toora Miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa jiru burjaajii uumaa jira, Namoonni itti dhiheenyaan dhimma kana hordofaa jiran dhimma kana hanga qulqulleessinutti nuuf obsaa jechaa jiru.

Rabbi Goota keenya Ustaaza keenya nuuf haa tiksu.

Du'aa'ii keessaniin hin dagatinaa.

28/04/2022
27/03/2022
06/03/2022

Minilik kalees diina keenya Arraas diina keenya borus diina keenya

04/03/2022

Boordiin Filannoo Itoophiyaa Hayyu Dureen ABO hidhaa mana keessaa irraa jiraachuu ibse.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa iyyata paartileen siyaasaa yeroo garaa garaatti dhiyeeffatan bu'uura godhachuun qorannoo taasisaa tureen, Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa mana isaaniitii akka hin baane ugguramanii manatti hidhamanii jiraachuu mirkaneesseera.

Obbo Daawud Ibsaa A.L.I Bitootessa 24, 2013 irraa eegalee, waggaa tokko guutuuf manaa akka gadi hin baane ugguramanii hidhaa dhaabbiirra jiraachuu iyyata paartiin isaanii yeroo garaagaraatti dhiyeesse bu'uura godhachuun gara mana jireenyaa isaanii deemee dhimmicha mirkaneessuu ibse Boordichi.

Gareen dhimma kana qulqulleessuuf Boordichi bobbaase, manni obbo Daawud Humnoota tikaa uffata Siivilii uffataniin to'atamee jiraachuu ibse. Obbo Daawud waliin wal-argee haala isaan mudate qulqulleeffachuufis danda'eera gareen kun.

Obbo Daawud A.L.I Bitootessa 24, 2013 irraa eegalee manni jireenyaa isaanii humnoota mootummaa hidhataniin to'atamuu, akka manaa gadi hin baaneef humnoota kanneeniin ugguramuu isaanii garee kanaaf ibsuu kan eere Boordiin Filannoo Itoophiyaa, kanaanis mirgi bakkaa bakkatti socho'uu isaanii sarbameera jedhe.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa, Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa, Hidhaa Dhaabbii ulaagaa seera kamiinuu fudhatama hin qabnerra jiraachuu ibsuun, gochi kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jedheera.

Komishiniin Poolisii Federaalaa Humnoota Tikaa Mana Obbo Daawud Ibsaatti ramade hatattamaan akka kaasu xalayaan kan gaafate Boordichi, mirgi bakkaa bakkatti socho'uu isaanii kabajamuu qaba jedhe.

Address

But
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bilisummaa haa ta'u Oromiyaaf posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share