17/11/2022
"Shaneen garee namoota nagaa ajjeesuufi gidirsu malee kaayyoo ifa ta'e hin qabu" MM Dr. Abiyi Ahmed..
MM Dr. Abiy Ahimad haasaa mana maree bakka bu'oota ummataaf taasisaniin akka jedhanitti, gareen maqaa Shaneen of gurmeessee jiru namoota nagaa ajjeesuu, saamuufi gidirsuu malee kaayyoo ifaa hin qabdu jechuun dubbatan. Maqaaf nan qabsa'a jedha malee tooftaa qabsoo kan hin hubanne, namoota deggertoota paarti biroo ta'uu isaanii qofaaf kan ajjeesuudhas jedhan.
Gareen kun dhala namaaf kabaja kan hin qabne, maallaqa fidi jechuun dirqisiisee kan nama saamuufi nama ajjeesuudha. Kanneen kana godhan kun dhala namaarraa uumaaman jechuun nama rakkisa kan jedhan muummichi ministeeraa Dr. Abiyiin, maqaa ummata Oromoon of-moggaasee socho'us hawaasa naannoo Wanciitti beenyaan kennameefii misoomni pirojektii turisizimii hojjetamaa jiru akka hin milkoofneef qabeenya gubuufi saamuun misoomni akka hin milkoofne taasisaa jira jedhan.
Qabeenyaa ummatichaa gubaa, mana isaatti ajjeesaa, kan ilaalcha biraa qabu ajjeessaa qabsoo ummatichaa milkeessuun hin danda'amu.
Gareen kun waan barreeffamee ittiin hogganamu kan hin qabne, kan hogganaa hin qabne, kaayyoo hin qaban. Garee saamichaafi ajjechaaf gurmaa'eedha jedhan.
Ta'us kaayyoon qabaachuun gocha kanarraa of deebisani karaa nagaa akka qabsaaโaniif ammas karri keenya banaadha jedhan.
Mootummaan Federaalaafi naannoo Oromiyaa garee kana dhaabamsiisuuf hojii balโaan hojjetaa tureera. Ammas rakkoo kana furuuf qindoominaan hojjechaa jirra kan jedhan muummichi ministeeraa, hawaasni keenyas garee kana dhoksuu dhiisee of keessaa saaxiluu qabas jechuun dhaamaniiru.