05/12/2025
SIRRIIDHAAN SIRRII; DOGOGGORAAN DOGOGGORA JECHUU HAA BARRU!
❏ Waan sirrii jabeeffachuu fi kan sirrii hin taane sirreeffachuu malee walitti qabanii harka reebuufiin nama hin siqsu. Nama waan dogoggoraatti akka sirriitti hamilee namaaf kenne caalaa namni nama miidhe jira natti hin fakkaatu. Namni akkanaa akka hin barre nama godha; dogoggoras hundeen dagaagsa. Sirriin sirrii jedhee, dogoggorattis quba qabee kan namatti himu qajeelchaadha. Kanatu nu barbaachisas.
⩩ Waan amaleeffanne tokko qabna. Nama sirrummaa keenya nutti himu olkaafna; kan nu jajes ni jajna! Nama mudaa keenya nutti agarsiisu immoo ni balaaleffanna.
⩩ Sababa malee olkaasuu fi gadi buusuu! Kana sammuutti qabanneetu yaada barbaachaaf waa qabannee gara nama biraa deemna. Ajaa'iba! Durayyuu sirrummaa keenya qofaa dhagahuu feenaa, maaliif gara nama biraa deemnee nama biraa qorra? Ani beekaa!
⩩ Dhumni shaakala akkanaa komii fi hamii ta'a. "Abaluun hojii koo gadi buuse. Kana immoo sababa malee hin jenne, ana irraa dhimma dhuunfaa qaba. Maal narraa qabaa? Maaltu keessa isa galche? Na goomateetu... gufuu natti ta'uufi... Muu!" Jechaa gara komii fi maqaa balleessiitti deemna.
⩩ Namuma silaa gargaarsaaf itti dhiyaanneen maaltu isa galche jennee komanna. Ofuma keenyaa yaada gaafannee yaada balfina, ofuma keenyaa nama tuqnee nan tuqame jenna. Kana summichi! Summii guddina keenyaa!
⩩ Wantin jechuu barbaade ifaadha! Sirriidhaan sirrii, dogoggoraanis dogoggora jechuun fala. Hamma kana hin taanetti, kan dabe hin sirratu, muuxannoon barbaachisus hin argamu. Kanaaf falli, waan sirrachuu qabu sirreessuudha. Madaala sirrii fi kan dogoggoraa adda baasuutu furmaata. Gochaan kun, dogoggoraa fi sirrii adda baasee fudhatamummaa isa sirrii ol kaasa. Kanaafuu sirrachuufis ta'e sirreessuuf qophaa'aa haa taanu. Walitti qabnee jajuu fi dimshaashumatti gadi buusuu irraa of eeguu haa barru.
✪ Waan goonu hundumaa keessatti hubannaan haa mul'atu. Akkanaan egeree keenya, egeree dhalootaa haa faayannu. Egeree sirriin waanuma s