Kudhaama jaalala

Kudhaama jaalala ✍️...Siif Mala
# # faana jiidha qabdi(Aartiin)

Wlyi Galgalli kee hin toliin 🤲🤲.Biyyaa bahuu malee jettee Waaqa meeqa waamte dhufteeLafee abboota kee aalte Dubbii afaan...
28/07/2026

Wlyi Galgalli kee hin toliin 🤲🤲.
Biyyaa bahuu malee jettee
Waaqa meeqa waamte dhuftee
Lafee abboota kee aalte
Dubbii afaan kee deebiste tufte

Guddiis-badii hin ta’iin
Gad-adeemtu hin ta’iin
Sobaan seenaa balleesita
Goomattuf goommanni hin margu
Booddee of- qaanesitaa .
Halkaniif guyyaa filatteef
Mataan namaa hin ta’uu luucaa
Wlyi Galgalli kee hin toliin
Salphadhu yaa salphoo mucaa .
Salphadhuu..🤺🚷

11/07/2026

2 buluuf jettee
9 waamte kakattii
Dubartiin qalbii hin qabne
Mana masaanutti baqatti

Sanyii garasuu dhukii ilmaan walee walisoo Harkii kee dheeraadha jiilcha gaafa adawwaa Sittan bahe anisoo…Bareeche uumma...
11/07/2026

Sanyii garasuu dhukii ilmaan walee walisoo
Harkii kee dheeraadha jiilcha gaafa adawwaa
Sittan bahe anisoo

Bareeche uummaman si marsee
Haroo ayeetu fi bishaan hoo’a kuullamte
Sanyii liiban xuqnaan carraan laman hin jiru
Al takkaan siif dhumatte .
Isayyuu moggaasni kee adda maqaa namaa qabdaa
Walisoo dirree goota maal keessa isaan dhabda.
Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatanii
Tattarsaastuu diina garbummaa
Walisoon hin komatanii.
143 .. Qaldanyaa ❤️❤️❤️💪

Gurree rabbii bareeche uume ❤️❤️❤️💪.Ati fagoo jiraattus rabbii gara kee yoo goree, Lafa namni sin argine ol baase si mul...
10/07/2026

Gurree rabbii bareeche uume ❤️❤️❤️💪.
Ati fagoo jiraattus rabbii gara kee yoo goree, Lafa namni sin argine ol baase si mul’isa 👌🏿👌🏿👌🏿

Qallattus mormumaa ofiiti Kan mataa namaaf baattu  Alagaan gantuudhaYoomillee bakkashee hin dagattu .Dhugaan dachee taan...
06/07/2026

Qallattus mormumaa ofiiti
Kan mataa namaaf baattu
Alagaan gantuudha
Yoomillee bakkashee hin dagattu .
Dhugaan dachee taanan
Soban ol kaasanii kakatanii
Jibba baraaf dhiisi
Maaliif boossa 2ffaa hin dhalatanii.
2 buluuf jettee
9 waamte kakattii
Dubartiin qalbii hin qabne
Mana masaanutti baqatti.
143❤️❤️
Share copylink godha mee page kun active yaa tahuuti 🙏🙏

Jaalala dhugaa mi’ooftu ❤️🙏
10/06/2026

Jaalala dhugaa mi’ooftu ❤️🙏

Seenaa Waggoota 36 Afriikaanonni Hin Daganne, Kaameruun Taphattoota Sagaliin Arjentiinaa Yeroo Injifatte San Maaltu Jedh...
10/06/2026

Seenaa Waggoota 36 Afriikaanonni Hin Daganne, Kaameruun Taphattoota Sagaliin Arjentiinaa Yeroo Injifatte San Maaltu Jedhame?

AMN PLUS- Waxabajjii 02/2018

Yeroon isaa bara 1990, Waggoota 36 dura taphattoonni garee biyyaalessaa Kaameruun dorgommii Waancaa Addunyaa irratti seenaa hin irraanfatamne hojjetan.

Afriikaarra biyya yeroo jalqabaaf nuusa xumuraaf geesse yeroo taate san Kaameruun seena addaa kan biraa katabdeetti.

Roojer Miilaa, Imaanu’eel Kundee fa’aan Maraadoonaa waliin yeroo itti walargan ture.

Tapha baninsaa Waancaa Addunyaa bara 1990 Xaaliyaaniin qopheessite irratti, Arjantiinaa fi Kaameruun isteediyaamii Saan Siirootti wal argan. Mootiin kubbaa miillaa yeroo sanii Maaraadoonaan garee Arjantiinaa waliin hiriireera.

Gareen biyyoolessaa Arjantiinaa kan yeroo sana dandeettii dinqisiisaa irra tureefi Diyaagoo Armaandoo Maaraadoonaan hoogganamu, tapha kanaaf tilmaama dursaa argatee ture.

Tilmaamni ogeessota kubbaa miilaa fi xiinxaltoota hunduu gara Arjantiinaatti yoo ta'u, garee biyyaalessaa Kaameruun kan Afriikaa irraa dhufeef eenyumayyuu carraa ni kennaaf jedhee hin eegne.

Gareen biyyoolessaa Kameeruun yeroo sana waltajjii Waancaa Addunyaa irratti tapha tokkollee mo'atee hin beeku; hirmaannaa isaa bara 1982 keessattis tapha sadii qixxeen xumuree ture kan deebi'e.

Leencota Hin Jilbeeffanne

Taphattoonni garee biyyoolessaa Kaameruun ("Leencota Hin Jilbeeffanne") gara Xaaliyaanii kan dhufan bashannanaaf hin turre; seenaa haaraa barreessuuf malee.

Boqonnaa dura dorgommii cimaa ta'een gareen lameen 0 fi 0 qixxee ba'uun xumuran.

Daqiiqaa 61ffaa irratti taphataan Kameeruun Andiree Kaanaa Biyik kaardii diimaa kallattiin argachuun dirree gadi-lakkisee ba'e.

Taphattoota 10 qofaani Maaraadoonaa fi hiriyoota isaa dura dhaabbachuun waan danda'amu hin fakkaatu ture.

Haata'u malee, Firaanswaa Omaam Biyik kubbaa addaan jifatee galchuun Kaameruun akka durtu taasise.

Goolichi erga galee booda, taphataan Kameeruun kan biraa Beenjamiin Maasiing kaardii diimaa arguun dirree gadi-lakkisee ba'e.

Seenaa Kubbaa Miilaa Afriikaa Kan Jijjiire

Kameeruun taphicha 1 fi 0n injifachuu kan dandeesse yoo ta'u, injifannoon kunis bifa kubbaa miilaa Afriikaa guutumaan guutuutti kan jijjiire ture.

Taphni kun seenaa Waancaa Addunyaa keessatti injifannoowwan gurguddoo fi hin eegamne keessaa tokko ta'ee seenaan yaadatama.

San booda, Romaaniyaa injifattee qabxii 6n ramaddii B irraa 1ffaa ba’uun dabarte.

Tapha Marsaa biyyoota 16tti, Kolombiyaa 2-0’n injifachuun nuusa xumuraaf gahuun Afriikaarraa biyya jalqabaa taate.

Nuusa xumuraa irratti Ingilaandiin 2-1’n dursaa turtus booda 2-2 walqixxaachuun daqiiqaa dabalataa 30 Irratti goolii 3ffaa keessummeessuun dorgommichaan ala taate.

Roojer Miilaan biyyasaa waliin haga nuusa xumuraa qofaatti imalus gooliiwwan 4 lakkoofsiseen taphataa gahumsa addaa agarsiise jedhamuun yaadatama.

Keessumaa Roojer Miilaan goolii yeroo galchu gammachuusaa qarqara rukuttaa rogaa irratti shubbisa agarsiisuun har’allee hedduun isa yaadatu.

Tagany Bafiqaaduutiin qindaa’e

Dargaggeessi Adonay jedhamu kan dhiheenya Kana Jaalatummaaafi dhageeytii guddaa Sabaaf sablammii biyya kanaa biratti hor...
21/05/2026

Dargaggeessi Adonay jedhamu kan dhiheenya Kana Jaalatummaaafi dhageeytii guddaa Sabaaf sablammii biyya kanaa biratti horate kun hojii dinqii hojjataa jira. Kana dura mucaan kun gara biyya kanadaa Deemee woggaa hedduu erga jiraatee Lammummaa biyya sanaa fudhatee booda dhiheenya gara biyyaa dhufe.

Yeroo kanaadaa turetti rakkoo guddaa keessa akka tureefi rakkoo isaa kanas karaa TikTok dargaggootaa karaa barsiisuu danda'uunis qoodaa ( Inspires) godhaa ture. Bu'aa bu'iin mucaan kun jireenya isaa keessatti dabarse irraa waa heddu barachuun ni danda'ama. Isuma dargoggoo ta'aa umurii kanan akkanatti waa hubatanii muxannoo ofii akkaataa namni biraa irraa barachuu danda'uun ergaa isaa dabarsuu danda'uuniifi keessumattuu Sirritti nama of beeksisuu danda'unis cimina.

Namoonni hedduun jireenya isaafi ergaa inni dabarsuu irraa baratanii kan isa jaallatanuufi dinqisiifatan heedduu jiru. Akkasumas kan isa qeeqanus. Kanneen isa qeeqan ስግጥ ፍምስ kan jedhu sanaan. Akka Ijoollummaatti hanqina qabaachuufi Dogoggora qabachuu ni mala,
qabas. Ni beekas!

Dubbii keenya irratti waanti nuti amma dubbannu boor aarsaa nukaffalchiisuu danda'a. Adonay dogoggora akkanaa qaba. Waan hundaafuu mucaan kun Namoota miidiyaa Hawaasaa kana bebbeekamoo addunyaa kanneen akka Show Ispiid yeroo gara biyya keenyaa dhufu haala baay'ee mijeessee mucaan sun akka biyya kana beeksisu godhee jira.

mucaan Adonay jedhamu kun mul'ata guddaa qaba. Ilaalcha gaarii qaba. Nama guddina isaa keessatti namni biraa akka guddatu godhuudha. Namoonni gurguddoon adunyaa kana irratti milkaa'ina gurguddoo goonfatan giddina isaanii keessatti nama biraa hammataa deemuu. Biyya keenya keessatti Inaaffaa, Jibbaa baay'ata. Nama biraa kufaatii isaa arganii itti gammaduufi kufaatii ijoollee biyyaafi namaa dhagahuu, keessummattuu namoota xiqqoo isii mul'atanii yoo kufan namoota baay'ee gammachuudha. Kun amala namoota ofiifis mul'ata guddinaa hin qabnee agarsiisa. Namni mul'ataafi kaayyoo qabu kuufaatii namaa dhagahuu hin barbaadu.

Amalii akkanaa Darggaggoota biyya keenyaafi Darbee hanga Sadarkaa biyyaatti waan barameedha. Namoonni biyya keenyaa gaafa biyya alaa bahanis wal irratti jibbaa fi holola oofuu, isa xiqqoo mul'ate kuffisuuf galgalaa ganama namoota dadhaboo akka isaanii barbaadanii holola miidiyaa hawaasaa kanaan Oofuudha. Mee hadaara yaa biyyaa kana keessaa bahaa. Jireenya namaa keessaa bahaa jireenya keessaan jiraadhaa


Namoonni nul'ataniifi guddatan yoo gufuun itti baay'ates jireenya mataa isaanii worra jiraataa juraniidha. Yoo dandeessan gargaaraa yoo inni rakkoo qabaates hanga dandeessan yoo yaaddaniif itti himaa. Ykn Duaa'ii godhaafi. Hanga jireenya namaa keessas baatanuttiifi hamii fi jibbaa namaa bira ooltanu hojjatadhaa.

Waa'ee mucaatti gaafa deebinu warri biyya faranjii jiratanu caarraa guddaa qabdu, hojii keessan hojjataa Afaan baradhaa. Mucaa kana har'a Sadarkaa Idil-addunyaatti ( International Level) wanti isa guddisaa jiru Afaan inni akkasitti danda'uudha. Keessumattuu warri Social media kana fayyadamtan beekamtii keessan Afaan deeggaradhaa. Faayidaa hedduu ittin boor argachuu dandeessu.

Mucaan Adonay kun Siyaasaa keessa hin galuu. Ijoollee keenya Diiyaaspooraa hedduun biyya alaa jiraatan yeroo baay'ee Siyaasaa garee woyii deeggaruu isarratti walarrbsaa Ooluu. gandaan walqooduufis waan isaan hin laallanne keessa gangalataa oolan. Mucaa kanarras baradhaa wasn faayidaa osiniif qabu irratti dabarsaa miidiyaa hawaasaa kanas fayyadamaa.

Afaan beekuuniifi beekamtii qabaachuufi Miidiyaa hawaasaa kana sirnaan itti Fayyadamuu Immoo Obboleessa keenya Ilama Oromoo jabaa Fakkeenya darggogoota keenyaa hedduuf ta'uu danda'u Gemeda Olana Kebede ilaalaa, irraa baraadha. Inni Oromoo itti duulaa male. Sagantaa miidhagaafi bareedaa dhengaddaa magaalaa Finfinnee qophaa'ee namoota bebbeekamoo Afrikaa irraa walitti qabaman Kan Qindeesse ( Coordinate) godhe gammeedha. Moormuu mirga qabdu. Garuu gaafiin isin worrii waa mormitan maaliif waan akkanaa hin qindeessitanuree?

Nama qeequun woma jiru. Nama arrbsuun garuu ifaaffaa qofa miti, Nama kufaafii dhadhabaa ta''uu namaa agarsiisa. Mucaan Adonay jedhamu kun Osoo har'a Oromoo ta'ee geessitanii garee woyiitti laxxaftanii itti duulaa jirtu silaa. Namni akka Ijoollee Social media Irra jiranuu nama keenyaa walitti Duuluu, Nama mul'ate kuffisuuf fiigu nama keenyaa saba biyya kanaa keessa hin jiru.

Nama Du'eefi boo'uun amma amala baramaa ta'eera. Nama mul'ateen yoo xiqqoo inni dogoghoree ykn ajandaa garee woyii duukaa deemuu dide keenyaa miti, ebeluuf sagalee gaafa akkasii ta'uu dide jedhamee itti duulama. Inni beekamaa ta'es hiryaa isaa kufaatii isaa dhagahuu barbaada. Maa nacaalee, ykn na Caala jedhee.

Jara kaan irraa baradhaa yaa biyyaa. Mucaa kana Irraas waan hedduu barachuun ni danda'ama. Adonay Biyya isaa beekamtii gama Social media argateen beeksisaa jira. Namoota bebbekamoo gara biyyaa fidee maqaa biyyaa beeksisaa (promote ) jira. Kanaanis Ofiifis Faayidaa hedduu ittiin argataa jira. Biyyi kun kooti Itoophiyaa kedhee namoota biyya hambaa fidee biyya barsiisaa Caarraa namoota gurguddoon Sadarkaa addunyaatti walbaruu daran guddifataa jira.

Mucaan kun Jaallannus jibbinis Boor Kana Caalaa Sadarkaa addunyaatti namoota dhiibbaa uumaan ta'aa jira. Beekamtii isaa kanaan maallaqa guddaas har'a ittin argataa jira. Keessattuu beekamtii har'a maqaa biyya Itoophiyaa argataa jiru kana bor kaayyoo biraaf ( Purpose) biraaf fayyadamuun isaa ni mala.

Mee Namoonni Biyya Farjii jirtan biyyi kun keenyaa miti jettan Warri beekumsa qabdan Protect Biyya fayyaduu danda'u dhaabbilee biyya alaa jiran amansiisaa fidaa maqaa biyya kana rakkoo yoo jiraates waan gaariin fayyadamaatii ofii keessaniifis dandeettii ittin piroojektii amansiistanii fiddanii biyyas ofis fayyaduu hubattuu. Har'a yoo kana gootan boor dhiibbaa Siyaasaa, Diinagdee Uumuufi Bu'aas buusuu dandeessu waan ta'ef.

Inaaffaa, Jibbaa, ana maleen nama nyaatti. Nama kuffisti. Hojii fi Kaayyoo ofii yaaduu dhiisanii Nama jibban sana sammuu ofii keessa kaa'atanii galgalaafi ganama Ciinca'uu taati.

Dargaggeessa Ismaartii ajaa’ibaa .😍
Salim….✍️

Address

Dubai, Abu Dhabi
Addis Ababa
12345

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kudhaama jaalala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Kudhaama jaalala:

Shortcuts

Share