07/09/2025
Tokkoo Yoo sirbee gammaduu
Dheechisee buraqee
Yoo Harmeen dhigaa bosuu
Rabbii qubaa qabaree
Kamtuu kamif dinaa
Kamtuu kamif dhigaa
Gargara waalalee nutoo
Hunduu Waal hadheefatee
Waalitin kataa hebboo
Ergaa qomoon qomoon ganee
Waalittii garagalchee dugdaa
Ergaa harkii harkaa muree
Waaliitti tahee dinaa
Baraa Bineensii bosonaa
Bo'ee Waal Awaaluu
Baraa dhalii namaa
Nasuu Waalif dhabee
Qalee Waal Awaaluu
Hunduu sumii batee
Akkaa bofaa Waal hidaa
Namni namumaa gatee
Binneesnii Waalif dhigaa
Ossoo nuu waali galee
Ofitttii qabnee qomoo
Alagaan maaf nuu nyaatii
Akkaa hoolaa nu qaltee
Nutoo Waalif dhabee
Tasaa Waalif nasuu
Ormii maal yaa godhuu
Harkumaa keenyatuu
qalee Waal Awwaale