14/11/2025
Itoophiyaatti hakiimni tokko irbaata osoo nyaachaa jiruu mana nyaataa keessaa hidhattootaan butame.
Gadhiisuuf haati warraa isaa Birrii miliyoona 3.5 akka kaffaltu gaafatamte.
Liqeeffattee, fira irraa kadhattee erga kaffaltee garuu waan isheen hin eegne tahe.
Hakiimni Hospitaala Waliigalaa matammaatii hidhattootaan butame akka gadhiifamuuf maallaqni gaafatame kaffalamus ajjeefamee argame.