20/09/2022
D4/10/02/2015
Mootummaan Waaqayyoo mootummaa bara baraati.
📖Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne…kunis ilma isaa keessatti argama. 1Yoh 5:11
👌Mootummaan Waaqayyoo iddoo bara baraan gammachuudhaan keessa jiraatanidha.
👉Bakka boqonnaati, biyya dhukkubni, dullumni, duuti, dhabuu fi rakkachuun, boo’ichis hin jirredha.
👌Qabeenya guddaa qabaannee gurgurree ittiin bitachuu, matta’aa kenninees fudhachuu, ogummaa fi beekumsa keenyaan argachuu, tayitaa oolaanaa qabaanneef achitti galuu hin dandeenyu.
👉Addunyaa kana irraa namni beekumsaa fi dandeettii addaa qabuun, qabeenya isaatiin, taayitaa isaatiin waraqaa ragaa ittiin motummaa waaqayyootti galu argate hin jiru!
👌Namni fayyuu fi jireenya bara baraa argachuu kan danda’u ilma waaqayyootti yoo amane qofaadha.
📖“Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”
— 1Yoh. 5:12