11/10/2022
Jedha ummatni Maccaa
"Maal nutoo....
Gaafa Harargeen buqqa'e
Gaafa lola Sumaalee
Lubbun birmachaa ture
Yoomin callisee ilaale
Gaafa 'Master pilaanii'
Gaafa kutan finfinnee
Kichuu keenya gabbaree
"Hin ta'u"jennee dinne
Gaafa Harargeen dheebotu
Nutisoo asii dheebonnaa
Firaaf aantee utuu qabnuu
Dachiirraa dhumnee banna?
Oromummaaf hidda hoo
Dhiigaan walitti qabnaa
Akkamiin ulee ormaan
Seenaaf mogolee cabna?"
Akkas jedhee isin waaca
Macci dhiigni keessanii
Abiddi Maccaa gube bor
Darbuunsaa hin ooluu
Hin laalinaa teessanii❤💚❤