29/07/2024
Haala itti fayyadama Biqiltuu Asaangiraa yokan Banjii,
Dhukkuboota Onnee yaaluu fi Kolestiroolii miidhaa Qabu LDL dhiiga keessaa Hirrisuuf,
Dhukkuba, Dhiibbaa dhiigaa fi Sukkaaraa yaaluuf Baallii isaa Tumamee Cafaqame Fallaana Guddaa Tokko Bishaan Leetira walakkaa wajjin Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko dhuguma Guyyaa laaqana Dura Burcuqoo Tokko halkan Nyaata Dura Burcuqoo tokko,
Guyyaa 5
dhukkuboota Sombaa kan Akka Asmii fi Daranyoo sombaa
Utaalloo fi Taayifoodii Yaaluuf,
Firiin isaa Tumamee Daakuu isaa Fallaana Guddaa Tokko Aannan Burcuqoo Tokko Wajjin Danfisamee garaa duwwaatti dhuguma . guyyaa 3
Nama Saree Maraatuun Ciniineef Dawaadha, hundee/hidda, isaa Tumamee Cafaqame Qaama Bakka ciniiname irratti miidhama, Akkasumas Hiddi isaa Tumamee Cafaqame Bishaan isaa Cuunfame Calalamee Siinii Bunaa Tokko Garaa Duwwaatti dhugama, Guyyaa 5 itti fayyadama,
Rakkoo Hirriba dhabuu, dhaabuu fi Jeeqamu Sammuu yaaluuf
Daakuu firii isaa yokan Daakuu Baala isaa Fallaana Guddaa Tokko Aannan Burcuqoo Tokko Wajjin Danfisamee Hirriba dura dhugama, guyyaa 3,
Dhukkuba Garaachaa fi Marrimaanii yaaluuf Akkasumas Ciniinnaa Garaatiif, Baalli isaa Tumamee Cafaqame Akka Shaayiitti Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko dhuguma. Guyyaa 4,
Rifeensa mataa Harca'e yokan Buqqa'e Deebisee Biqilchuu Danda'a, Baalli isaa Xixiqqoon Tumamee Cafaqame Mataa Guutuutti Dibatama daqiiqaa 10 booda bishaan Qulqulluun dhiqatama, guyyaa 7
Dhukkuba Sihirii Falfalaa fi Budaa yokan ija namaa yaaluuf Hundee,hidda, isaa fi Firii isaa Tumamee Cafaqame Aduu keessatti Gogafama sana booda, daakuu isaa Zayitii ijersaa yokan Zayitii Zayituunaa wajjin walitti makame Qaama Guutuutti Dibatama, Akkasumas Ni ulatama yokan Ni Aarfatama,
Dhukkuba Gaggabdoo Sammuu fi Onnee Wajjin Walqabatu Akkasumas Gaggabdoo Gosa hunda yaaluuf
Firiin isaa Akka Bunaatti Akaa'amee, Akkuma Bunaatti Tumama, Akkasumas Baalli isaa jiidhaa isaa Tumamee Cafaqame Aduu keessatti Gogafama, Erg