Misbaay Jamaal

Misbaay Jamaal Namni addunyaa faana deemu hin dandeenye addunyauu itti faayadama malee hummaa hin aragtuu .

29/10/2021

Laal abdiisaa agaa
Goota onnee dhagaa
Loltuu taaddee birruu
Dhiibduu lammii ciru
Yaa elemoo qilxuu
Jettii samii xiixxu
Waaqoo guutuu yartuun
Du'aasaa baqattu
Jaarraa abbaa Gadaa
Qaroo ija barbadaa
Koo nadhii gammadaa
Dhaalma keen shammada
Eessa koon gammada
Keessa Koo na madaa
Imimmaan shammada
Dahoo sabaaf tulluu
Hagarii ilma tulluu
Baheessi waan galuu
Ameessi waan dhalu
Baaroo ilma tumsaa
Yaa usmaayyoo muussaa
Erga lafaa sin dhabne
Midhaan kamtu nu quubsa
Jayna mudhii irreeysaa
Yaa alamuu qixxeeysaa
Ilma addunyaa Koo
Kiloltuu too eebbisaa
Haadha tamtu isin deebisa??
Silaa Kan du'ee
Gad dabre waan galu
Imimmaan Koo siif jige
Abbaa Koo yaa hacaaluu
Isa si galaafate
Maal je'ee abaaruu
Leelloo mudhii soonsaa
Yaa maammoo mazammir
Akkamiin haa dagadhu
Seenaa kee taammir
Loltuu bakar waaree
Tasfaahun camadaa
Eega nutti dhiiftan kuttan
Keeysankeenyatti nadaa
Cisni isinitti haa tolu
Dhugaa nadhii maddaa
Nuti dhaloonni qubee
Imaanaa teeysan baanneerra
Galmaasaa qaqabsiisuf
Dhumnees dhabamneerra
Hidhamnees miidhamneerra
Silaa harka kankoo taatee
Jannatan isin affeera
Garuu anaa ol jannan
Hojii rabbii ta'eeraa
Egaa jazaa KEEYSAN argadha
Nu isin dhaalleerra

29/10/2021
27/10/2021

-Yaa ijoollee OROMOO! Imala qabsoo saba keenyaa kana keessatti tarkaanfin inni jalqabaa walkabajuu fi wal danda’uudha! Wal beeku osoo hintaane, waliif beekudha. Ilaalcha waliif qabnu qajeelfachuudha! Ulfina Dibaabee Oromummaa jala jiru beekudha!

-Daabbof jettanii walittis hindhiyaatinaa, walirraas hinfagaatinaa! Yeroo hunda qe’ee nu saamuf, achi gama sanii diinni dhaabatee wal nyaachuu keenya asitti akka eegaa jiru quba qabaadhaa! Kiyyoo diinaa keessaa akka jirru dammaqinaa fi of eeggannoodhan tarkaanfadhaa!

-Walii keessan gidduutti jaalalaa fi kabaja magarsaa, humnaa fi hirkoo waliif ta’aa! Yoo akkas goone bor ofii keenyaf miti, biyya keenyaf ni taana, warra har’aatif qofa miti, dhaloota boruutifillee karaa taana. Qabeenya barbaadne horanna, gamoo barbaanne qe’ee abbaa keenyatirratti ijaarranna, warqii barbaanne uffanna, addunyaa barbaanne naannoofnee jiraanna!

-Yoo har’a walitti garagalle garuu bishaan lagaa waraabnee dhugnu tanayyuu dhiitnee, dhoofnee wal harkaa bittinneessina! Alagaa harkaa fi miila dhiqatee, kophee fi surreellee uffatee hinbeekne san ‘ gooftaa fi mootii ofirratti goonee gabbarra! Boo’aa jiraanna!

-Yoo akka saree lafeerratti wal nyaachuu dhiifnee, gama sanatti muul’ata guddaa qabnurratti hojjannee, wal kabajnee, wal dandeenye, qabnee lafaa wal kaasne garuu ni tokkoomna, walii wajjin hojjanna, yoo walii wajjin hojjanne, wan barbaannu arganna, ni bilisoomna, ni walaboomna, yoo wal aboomne waan hundaa qabna jechuudha!

-Kana hundaaf yaa Oromoo ittuma yaadii dammaqi, akka diinni hinaafutti wal jaaladhuu, wal kabajii walii wajjin hojjadhuu jijjiirami! Oromoo dirqama wal danda’uu qabda, dirqama wal kabajuu qabda, wal kabaji, wal danda’i yaa sabakoo!💌

27/10/2021
27/10/2021
27/10/2021

!...

Gaafa alagaan seente
Gidduu obbolaa lamaanii
Tuuta kanniisaa moo'ee
Damma fixa hamaani!
~
Oliif gadi hurgufee
Gaagura fayyaa raasa
Ishee diddee hiddites
Waabee godheetu baasa!
~
Jisaas mammalaasee
Dhiigashee cuunfata
Gaagurattii onsee
Moo'atee dhuunfata
~
Osoo tokkoomaniitii
Waardiyyaan hamaa hiddee
Gatantarsuun deebisu
Ni ajjeesu yoo didde!
~
Qoraan wolitti dhufee
Ibidda nuuf qabsiisa
Gamtaa dhabuun salphina
Qe'ee nama dhabsiisa
~
Kanaafuu haa tokkoomnu
Tikfachuuf mana keenya
Gaafasuu sodaatamnee
Galma yaannellee geenya!
~
Inni Bahaa fi dhihaa
Worri kaabaafi kibbaa
Oromoon Tokkichumaa
Hundeen buqqisaa jibbaa!

✍️...

27/10/2021

1. Wɑ sɑdii eegii
⭐saba kee
⭐hɑɑdhɑ
⭐ijɑ

2. Wɑ sɑdiif qophɑɑ'i
⭐dirqɑmɑ sitti lɑɑtɑmu
⭐beekumsɑɑf
⭐gɑɑ'ilɑɑf

3. Wɑ sɑdii kɑbɑjjii
⭐wɑɑdɑɑ ke
⭐hiryɑɑ ke
⭐gɑɑ'ilɑ ke

4. Wɑ sɑdii too'ɑdhuu
⭐Arɑbɑɑ ke
⭐dɑllɑnsuu ke
⭐miirɑ ke

5. Wɑ sɑdii dinqisiifɑdhu
⭐bɑreedinɑ
⭐jireenyɑɑ
⭐uumɑmɑɑ

6. Wɑ sɑdii jibbii
⭐komii
⭐inɑɑffɑɑ
⭐hɑmeenyɑ

7. Wɑnti sɑdii bɑyyee si bɑrbɑɑchisuu
⭐Amɑntɑɑ
⭐Abdii
⭐jɑɑlɑlɑ

🙏

Hiriyyoota Keetif Godhii.

Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)1,boraana2 ,bareentuBooranni Ilmman.12 dhalee isaanis1,wallagga2,callabba3,gor...
25/10/2021

Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)
1,boraana
2 ,bareentu
Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis
1,wallagga
2,callabba
3,goree
4,goofaa
5,sidaamoo
6,arii
7,dacee
8,garrii
9,guraa
10,giriirraa
11,naayroobii.fii
12,gujii
Bareentuun Ilmman 5,dhalee
1,xummuungaa
2,murawwa
3,karrayyuu
4,hunbanna
5,Qal’oo
Xummuungaan Ilmman 3dhalee
1,arsii
2,asoosaa
3,hawaasa
Murawwaan,1dhalee.innis.ltuudha.jedhama.
Ituun,10,dhalee.isaanis
1,waatee
2,gaamoo
3,baayee
4,galaan
5,Addaayyoo
6,baabboo.
7,waaree
8,algaa
9,gaaddullaa
10,Elolloo
Karrayyuun,barentuu.ilmmaan.12.dhalee
1,dullachaa
2,Abbichuu
3,gonbichuu
4,sayyuu
5,oboo
6,oborii
7,jiillee
8,bullaalla
9,mucee
10,galaan
11,salaalee,
12,wallo
Hunbannaan.ilma,1dhalee
Innis.Anniyyaa.jedhama
Anniyyaa..7dhalee
1,malkka
2,baabboo
3,dinbii
4,baaduu..(biduu)
5,mucii
6,naanna.a
7,kudheedhee
Qallo.4.. dhalee
1.ala
2,daga
3,oborraa
4,baabbile
Ala 12 dhalee
1,abbayii
2,nuunnu
3,kaaku
4,buubbu
5,diiramuu
6,abbaadho
7,goollo
8,Eerii
9,utayyu
10,gaalan
11,meettaa
12,arroojjii
Dagaa,,3 dhalee
1,noolee
2,jaarsoo
3,huume.
Oborraan..3 dhalee
1,akkichu
2,bil,l
3,dooranii
Baabbile 3 dhalee
1,gantuub
2,hawiyyaa
3,hawaasilee
Arsiin, 2 dhalee
1,sikkoo
2,mandoo
Sikkoo ,5 dhalee
1,buullaalla
2,wucaalee
3,wooji
4,jaawwii
5,llaannii
Mandi,,7 dhalee
1,raayituu(raa’idoo)
2,hawaxxuu
3,karaara
4,karrayyuu
5,meettaa
6,arroojii
7,garjeeda
Akkichuu.. oborraa ilma,2, dhalee
1,dhaayii
2,biliidaa
Dhaayii 3,dhalee
1,dukkoo
2,kooyee
3,allaatayya
Billiidaan, 3 dhalee
1,godaana
2,busaa
3,allaa
Gujiin boorana 3 dhalee
1,hookkuu
2,Uraagaa
3,matii..maatii
Hookkuun 7dhalee
1,galalchaa
2,oborraa
3,michillee
4,heeraa
5,bundhituu
6,kinnoo
7,baallaa
Uraaggaan 6 dhalee
1,goolloo
2,hallaa”oo
3,Agantuu
4,daraartuu
5,sarboortuu
6,waajituu
Maatiin 3 dhalee
1,hirqaantuu
2,linsoolee
3,hundee. Itti fufaaaaaa
Yoo karaa daabee itti guttaaa issin sabaa koo oromo hortee kushii horaa bulaa badhadha dagagaa lslissaa akka hababoo gaanaa.

25/10/2021

Adda fagenya

• Ulamaa'ota kheenya kan dur barsiisaa turaniifi ammallee baadiyyaa kheysaa barsiisaa jiran yo laallu:
~ baratuuf yaroo dheertuu
~ barsiisuuf ganamarraa hanga galgalaatti barsiisu.
~ Itti hojjatuufiis halkaniif guyyaas itti fufaan hojjatu.

• Gara keenya deebinee yoo if laalle :
~ baratuuf yaroo hin qabu je'ee waanuma sababa hin taane sababa godhata.
~ barsiisuufis, itti hojjatuufiis yaroo akka waan hin qabnee godhee sababuma hin jirre dhiheyfata.
• yoo hojjatellee daqiiqaa muraasa hojjatee hanguma san qillensarratti post godha.
Hordoftoonni isaa ammo isuma tana share godha. Waan kheyrii share godhuun badii qaba jechuuf odoo hin taane hojiin keenya hangam akka gadi bu'aa dhufe agarsiisuufi.

• Kallattuma hundaanuu warreen duraatiifi boodaa jidduu adda fagenya guddaatu jira.
Warri ammaa Khun hojjatuurra dubbatuufi kharoorsaatuma jiraatuun yaroo fixa. Karoorri hojitti hin hiikamin maal fayyada?!!!
Yaroo garii yoo laalte booda mana jaaruufis internetuma fayyadamna jadhanii ta'a kharoorsuuf jiru nama jechisiisa.
Akkuma fedhes tahu yaroo qoqqoonnee haa fayyadamnuu!!!

25/10/2021

mucaa tiqqaa aara(angry) isaa to'achuu hin dandeenye tokkootu jira. abbaan isaa rakkoo amala isaa kana hubateeti guyyaa tokko mucaa isaa kana yaamee mismaara kaartoona tokko guutee itti kannee, yeroo aarte hunda mismaara tokko dallaa irraatti dhahi ja'ee ajajeen. mucaanis tole ja'ee irraa fudhate.

guyyaa duraarratti mismaaraa 29 dallawa irratti dhahe. torbaanota itti aanan keessatti lakkuma aara ofii to'achuu baraa dhufeen mismaarota dallawarratti dhahu hir'isaa deeme. mismaara dallawarratti dhahuurra aaraa isaa to'achuun hangam salpaa akka ta'e hubateeti boodarra oso hin dhahin oolee gammadaa abbatti hime.
abbaanis amma ammoo wayta aara khee to'achuu dandeesse hundatti mismaara khana dallawarraa guuri ja'ee ajajeen.

mucaanis guyyoota muraasa booda dhumarratti mismaara hundaahuu guuree fixee fiigee abbatti hime. abbaanis mucaa harka qabee dallawa san bira geessee akkana ja'een "ilma khoo gaarii gootee garuu ammoo dallawa khana laali u'uraa isaanii.. akka duraanii hin jiranii deebisus hin dandeessu. yeroo aartee dheekkamsan waa jettu hunda godaannisa akkanaa khana dhiisaa deemta.

weyta aarte usteetuma kha looltee(dheekkamtee) waa meeqa laaqqattu yoo ta'e boodarra yeroo qabbanoytee aarri sun sirraa gale khaxa'uu fi nama madeessuu khee ni barta achi booda wanni ati godhuu dandeessu gadduu fi dhiifama gaafachuudha. tarii dhiifama siif godhan ta'a garuu madaan ati madeessite sun abadan xabaasaa itti ta'eetuma hafa.

25/10/2021

#2021

25/10/2021

Kaayyoon ture bulle milka,awa.

Address

Bilisummaa
Ch'elenk'o
093698

Telephone

+251994738901

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Misbaay Jamaal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share