13/07/2021
Lalisaa Indiris Adam
Hussein Tulutu qaaccesse. Ulfaadhu🙏
Kuullee Koo
===========
Akkuma beekamu Walloon damee oromoo baarentummaa yoo ta’u gosa oromoo karrayyuu keessaa isa tokko.Latiinsi hiddasaa akka kitaaba piroofeesar Alamaayyoo Hayilee (seenaa oromoo hanga jaarraa 16ffaa) keessatti caqasametti, Karrayyuun hangafa baarentummaa yoo ta’u iddoo gurguddaa lamatti qoodama.Innis Baasoo fi Dullacha jedhama.Damee Dullachaa keessaa Liibanii fi Walloon karrrayyuurraa kan citan yoo ta’u, kan hafan maquma dullachaan Afaaritti makamanii jiru.Liiban gara kaaba Gondaritti kan hafe yoo ta’u, walloo immoo naannawa wallootti faca’ee maqaa naannootti of moggaasuun kan jiruudha jechaa itti fufa kitaabichi.
Haceen wallee isaa kanaan oromiyaa taa’ee, kutaa qaama isaa iraa addaan citetti yaadaan nu geessa. Tuulamaa fi walloo deebisee walitti hidha.Lafa malee garaan akka addaan nama hin fageessine walaloo bareedaa ta’een addeessa. Baale Madda Walaabuu ka’ee, shawaan qaar’iee walloo nu qubachiisa.
Osoo jennuu walaloo sirba kanaa yaada burqisiisuun irra jireessa isaa kan katabe dardara hog-barruu cimaa lafaa dhufaa jiru Lalisaa Indiris Adam dha.Dhihoo kana barruu qorannoo masters isaa hojiiwwan Haacaaluu irratti hojjatee qabxii gaariin defend godheera. Haceen amma dura walloo irratti sirba tokko dalaguu fedhii waan qabuuf sinnishaawu waliin wanta hafe itti dabaluun haala ajaa’ibaan dagaagsanii hojjataniiru.kanaanis waan seenaaf ta’u ol kaa’aniiru jechuu dandeenya.
Qabiyyee walalichaatti yoo dabarru,haceen yaaddoo bareedduu wallootiin cinqamee hirriba dhabuusaa,ati hoo akkuma kiyya na yaadaarta moo jechuun fala dhabuu isaa ibsuun jalqaba.
Yaadaa fi yaaddoo keetiin
Halkan ciisaa dhabe
Waanuma kee yaadutti
Maaf hirriba dhaba
Kee garaan akkamii
Kankoo ammas dide
Kunoo natti gama
Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo (x2)
Itti aansee Jaarraa hedduu of duuba deebi’uun hundee oromoo isa ganamaa nu yadachiisa.Bakka tumaa seeraaf heeraa, iddoo seena qabeessa-Madda walaabuu. Ab