06/09/2026
Handhuura Eenyummaa Keenyaa
🌎🌍🗺
Aadaa namas taatu kaan keenya suutumaan argachaa deemna,
Kaan bulee Qulqulla'aa waan oromoo barumaan geenya.
Miilaan daandii eebbisaa, karaa qajeelaa qabannee,
Waan nama cinaatti dhiisnee, kan keenya qabannee.
Beekumsa abbootii keenyaa suutumaan walitti qabnee,
Eenyummaa dagatame san haaromsinee ibsinee.
Barumsi seenaa keenyaa kan calaqqisu qulqulluun,
Gadaa fi safuu dhugaatiin kan ifu hundagunduu.
Boraatii abbaa keenyaa dagachuudhaa deebinee,
Waan keenya dhandhamanna, of ta'uu keenya arginee.
Dhaloonni ammaa kunis deebi'ee hidda qabata,
Aadaa calaqqisaa kanaan sirnaan qajeelfamaa deema.
Baroota hedduuf kufee, dukkana keessa tures,
Ifa dhugaa Oromootiin boruun keenya ni calaqqisa!