Biruk

Biruk Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Biruk, Gimbi.

03/03/2026
01/02/2026

RASUULLI RABBII S.A.W HAADHA WARRAA 11 FUUDHE
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Khadiijaa Bintu Khuweeylid
2: Soowdaa Bintu Zam’aa
3: Aa’ishaa Binti Abuu Bakri Siddiiq
4: Hafsaa Binti Umar Ibnul Khaxxaab
5: Zeeynab Bintu Khuzeeymaa
6: Ummu Salamaa: Hind Bintu Abii Umayyaa
7: Zeeynab Bintu Jahsh
8: Juweeyriyaa Bintul Haaris
9: Ummu Habiibaa : Ramlaa Bintu Abii Sufiyaan
10: Safiyyaa Bintu Huyayyi
11: Meeymunaa Bintul Haaris Al-Hilaaliyyaa

• Rasuulli Rabbii Haadha warraa dila kana hunda fedhinnaa isaa bahuuf osoo hin taane Sababa adda adaatiif Isaan fuudhe. Dubartoonni Rasuulli fuudhe takka malee hundi isaanii isa duratti heerumanii garii jaarsi isaanii irraa du’ee harmallooman.

• Isiin Takkittiin Dubrummaan Rasuula keenyatti heerumte Aaishaa Bintu Abuu Bakru Siddiiqi.

• Rasuulli Keenya Gaafa Khadiijaa fuudhu Umriin isaa amata 25 qofa ture. Khadiijaa m’n ammoo Yeroo san amata 40 turte, yeroo sanitti khadiijaan amata 15 Rasuula kheenyarra guddoo turte. Khaadijaan isiitu jalqaba Rasuula Keenya jaalatee manguddummaa itti ergate, manguddummaa isii qeebalanii rasuulli isii fuudhan. Osoo isii hin fuudhin dura ammoo Rasuulli Khaadijaaf Naggada isii dalaguu tureef. Amanamummaa isaa fii haalaa fii amala isaa akkasuma nama addaa tahuu isaa hubattee isa jaalattee manguddoo ergattee itti heerumte.

• Rasuulli Keenya Osoo khadiijaan lubbuun jirtuu jaartii biraa takkallee isii irratti hin fuune, yeroo isii wajjiin jiraate keessatti ilmaan isaa torbanirraa jaha Khadiijaa irraa arkate.

• Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam osoo dubartii biraa hin fuudhin Khadiijaa wajjiin amata 25 jiraate. Eega isiin duute booda Haadha manaa isaa tan lammaffaa Soowdaa Bintu Zam’aa fuudhe.

• khadiijaan waan qabdu hundaan Rasuula Keenya bira dhaabbattee akka inni da’awaa baballisuuf qabeenya, humna, beekkumsaa fii akkasuma waan qabdu hundaan Isa cinaa dhaabbachuu turte.

• Haadha Warra Rasuula Keenyaa hunda Rabbiin isaan irraa haa jaalatuu, isaan haadhoowwan keenya toltuu malee hamtuu takkaan isaan hin Yaamnu, isaan jaalanna isaan kabajna.

• Rasuula Keenya ammoo nagayaa fii Rahmanni Rabbii kan dhuma hin qabne isaan irra haa jiraatu.

• Obboleeyyan Islaamaa barreeffamni Kun bu’aa qaba jettanii yoo yaaddan dubisaa obboleeyyan keessaniifiis share godhaatii Kheeyrii tanarraa qooda fudhadhaa.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa Jazaakumullaahu Kheeyran.

Barreeffama kana Keesatti yoon haqa qunname Rabbii Kiyya Irraahi, yoon dogongore ammoo Nafsiyyaa tiyyaa fii Sheeyxaanarraahi.

Dogongora Yoo arkitan na sirreessaan Dhaamsa kiyya.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

𝗪𝗔𝗔 𝗔𝗙𝗨𝗥 𝗥𝗔𝗕𝗕𝗜𝗜𝗡 𝗦𝗜𝗜𝗙 𝗛𝗔𝗔 𝗞𝗘𝗡𝗡𝗨••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: 𝗶𝗶𝗺𝗮𝗮𝗻𝗮 𝗚𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂2: 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗼𝗱𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂3: 𝗤𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗮𝗮...
25/11/2025

𝗪𝗔𝗔 𝗔𝗙𝗨𝗥 𝗥𝗔𝗕𝗕𝗜𝗜𝗡 𝗦𝗜𝗜𝗙 𝗛𝗔𝗔 𝗞𝗘𝗡𝗡𝗨
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: 𝗶𝗶𝗺𝗮𝗮𝗻𝗮 𝗚𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂

2: 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗼𝗱𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂

3: 𝗤𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂

4: 𝗨𝗺𝗿𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝘁𝘂𝘂

• 𝗪𝗮𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗳 𝗛𝗮𝗮 𝗹𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝘀𝘂𝘂

1: 𝗞𝗵𝗲𝗲𝘆𝗿𝗶𝗶 𝗛𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

2: 𝗛𝗮𝗿𝗮𝗮𝗺 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

3: 𝗜𝗯𝗮𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗛𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

4: 𝗗𝗶𝗹𝗶𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗧𝗼𝗼𝘄𝗯𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

• 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗪𝗮𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗤𝗮𝗯𝘂 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶 𝗛𝗮𝗮 𝗚𝗼𝗱𝗵𝘂

1: 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮𝗮

2: 𝗞𝗵𝗮𝗯𝗮𝗷𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮𝗮

3: 𝗤𝘂𝘂𝗾𝗮𝗺𝗮 𝗦𝗮𝗯𝗮𝗮

4: 𝗙𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗞𝗶𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮

• 𝗪𝗮𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶 𝗛𝗮𝗮 𝗕𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝘀𝘂

1: 𝗔𝗮𝗹𝗶𝗺𝗮 𝗦𝗮𝗮𝗵𝗶𝗯𝘂𝘂

2: 𝗛𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮 𝗳𝗶𝗶 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗞𝗵𝗮𝗯𝗮𝗷𝘂𝘂

3: 𝗞𝗵𝗲𝗲𝘆𝗿𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗔𝗷𝗮𝗷𝘂𝘂

4: 𝗛𝗮𝗺𝘁𝘂𝘂𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗗𝗵𝗼𝗼𝗿𝗸𝘂𝘂

• 𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿𝗮𝗻 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗦𝗶𝗶𝗳 𝗛𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗻𝗻𝘂

1: 𝗕𝗮𝗹𝗹𝗼𝗼 𝗜𝘀𝗶𝗶 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗥𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼𝗻 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

2: 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗜𝘀𝗶𝗶 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗚𝗮𝗱𝗱𝗶 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

3: 𝗔𝗿𝗸𝗮𝘁𝗮 𝗜𝘀𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗯𝗻𝗶 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

4: 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮 𝗜𝘀𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗝𝗶𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

• 𝗗𝘂’𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗛𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘂𝘂

1: 𝗛𝗮𝗿𝗮𝗮𝗺 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗗𝘂’𝘂𝘂

2: 𝗗𝗮𝗿𝗴𝗮𝗴𝗴𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂’𝘂𝘂

3: 𝗗𝗶𝗻𝗴𝗮𝘁𝘁𝗮𝘁𝗶 𝗗𝘂’𝘂𝘂

4: 𝗞𝗼𝗻𝗸𝗼𝗹𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂’𝘂𝘂

• 𝗬𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 W𝗮𝗮𝗻 𝗦𝗶 𝗸𝗮𝗱𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲 𝗛𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗡𝘂𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗤𝗲𝗲𝗯𝗮𝗹𝗶

Amiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin

!!!

Address

Gimbi

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biruk posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share