Bedasa Ture

Bedasa Ture Everything is going to well

My name is Bedasa ture F**a .I was born in 1992 and I was start my Education in 1998then I was finsh my first degree in Hawassa university by Agricultural economics.now I employed in kercha agriculture office

14/07/2026

Callisuun Beekumsa malee
Wallalummaa hin se'in

14/07/2026

Atu Na geettaa

Ilmi tokko abbaa isaan gaaffii tokko gaafate: "Gatiin jireenyaa meeqa?" jedhee. 🥹😊Abbaan isaas fakkeenyaan ibsuufiif jed...
13/07/2026

Ilmi tokko abbaa isaan gaaffii tokko gaafate: "Gatiin jireenyaa meeqa?" jedhee. 🥹😊

Abbaan isaas fakkeenyaan ibsuufiif jedheetu dhagaa bareedaa tokko erga isaaf kenneen booda, iddoowwan gara garaatti akka geessu itti himee akkana jedheen:
"Namni kamiyyuu gatii isaa yoo si gaafate, homaa hin dubbatiin; quba kee lama qofa ol kaasii agarsiisi."
..

Ilmi sun jalqaba gara gabaa deeme. Jaartiin tokko:

"Meeqa?" jettee yeroo gaafattu, inni quba isaa lama ol kaasee agarsiise.

Isheenis:

"Birrii lama jechuu dha? Tole, nan bitadha" jette.
..

Itti aansuun gara mana kuusaa seenaa (muuziyeemii) deeme. Achittis yeroo gatii isaa gaafatan, quba isaa lama ol kaase.

Isaanis:

"Birrii kuma lama jechuu dha? Tole, nan bitadha" jedhan.
..

Dhuma irratti gara mana daldalaa dhagaa gatii guddaa qabu (dhagaa miidhaginaa) gurguruutti deeme. Abbaan dukkaanaa yeroo dhagaa sana argu rifatee:

"Kun dhagaa addunyaa irratti baay'ee dinqisiifamaa fi gatii guddaa qabu dha! Gatiin isaa meeqa?" jedheen.

Ilmi sun amma illee quba isaa lama ol kaase.

Abbaan dukkaanaa sunis:

"Birrii kuma dhibba lama jechuu dha? Ammauma nan bitadha!" jedhe.
..

Ilmi sun fiigee gara abbaa isaatti deebi'ee waan ta'e hunda itti hime.

Abbaan isaas akkana jedheen:

"Ilma koo, gatiin jireenya kee bakka ati of kaa'uu filattu fi namoota ati filattu irratti hundaa'a. Namoota tokko biratti gatiin kee 'birrii lama' qofa ta'uu danda'a; garuu namoota gatii kee beekan biratti immoo ati nama kabajamaa fi gatii guddaa qabdu taata."
..

Namoota gatii keenya xiqqeessan bira jiraachuun sirrii miti. Ofiin bakka sirrii keessatti kaa'uun barbaachisaa dha.

Gatii kee beeki; Gatii kee jiraadhu!

Ilmi tokko abbaa isaan gaaffii tokko gaafate: "Gatiin jireenyaa meeqa?" jedhee. Abbaan isaas fakkeenyaan ibsuufiif jedheetu dhagaa bareedaa tokko erga isaaf kenneen booda, iddoowwan gara garaatti akka geessu itti himee akkana jedheen:🥰

Obsaan Waan dubbistaniif Galatoomaa 💔🙏

13/07/2026

God is enough for your life
So
type God is enough

13/07/2026

Gatii Keeti meeqa?

06/07/2026

xiqqaachun Kan kee Har'a qofaf malee,
Borus itti fuufa hin se'in....

Be visionary Man
01/07/2026

Be visionary Man

01/07/2026

Jireenyaa keetif waaqi
Jabaa

01/07/2026

xiqqaachun Kan kee Har'a qofaf malee
Borus itti fuufa hin se'in....

📝Ati isa kam? ▬▬▬▬▬▬▬▬▬✅ Abbaan tokko hiikkaa jireenyaa ilma isaa barsiisuuf bishaan qodaa sadiitti naqee ibidda qabsiis...
01/07/2026

📝Ati isa kam?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✅ Abbaan tokko hiikkaa jireenyaa ilma isaa barsiisuuf bishaan qodaa sadiitti naqee ibidda qabsiise.
1. Qodaa jalqabaatti dinnicha.
2. Qodaa lammaffaatti hanqaaquu.
3. Qodaa sadaffaatti buna itti dabalee .

Daqiiqaa muraasa booda bu'aa isaa ilma isaatti agarsiise:
➡️1. Dinnichi: Utuu hin seenin dura jabaa ture, garuu bishaan bulluqaa keessa yeroo darbu, lallaafaa fi laafaa, dadhabaa ta'e.
➡️2. Hanqaaquun: Dadhabaa fi salphaatti kan caccabu yoo ta'u, bishaan bulluqaa keessa yeroo darbu garuu keessi isaa jabaate.
➡️3. [Garuu bunni adda ture]: Bishaan bulluqaa sana (rakkina) jijjiire! Bishaan sun akka mi’aawaa fi urgaawu taasise.

✉️ Ergaan isaa kana:

✅Jireenyi yeroo hunda "bishaan bulluqaa" (qormaata, rakkoo, oduu, gantummaa) siif dhiheessa. Gaaffiin inni guddaan "Ati eenyu?"

• Akkuma dinnichaa rakkina keessatti abdii kutattee harka kennitaa?

• Akkuma hanqaaquu sababa rakkootiin onnee kee jabeessitee, kan yaaddoftu...

• Moo akkuma bunaa naannoo kee jijjiirta? Rakkoo kana fayyadamtee urgooftuu fi mi'aa haaraa uumtaa?

🤭Yaadadhu: Waan alaan mul'atu utuu hin taane,... Wanti keessa kee jiru dhuma kee murteessa.

✍️ "Bishaan bulluqaa" har'a si mudate akka "bunaa" gara haala gaarii fi mi'aawaa" ta'etti jijjiiri!

Address

Kercha
Hagere Mariam

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bedasa Ture posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share