20/01/2023
OBBOLEESSA KOO ATUU DAMMAADHA.
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
~yaa dammee damma nadhii kanniisaa.
Kan dhandhamee beeka
mi,aaf miidhagina saa
~Haldureen jireenyaa
Siif mijaawuu dhabdee.
Ol qabdee gad qabdee
Gaafa fala dhabde
Ergas of yaadattee
Gamaa rabbii gorte
As bira sitti hin kuttuu
Amna ijoo qabdee.
Yo feetellee tahi
Intiraansiif qophaawaa
Rabbiin siif haa godhu
Garee warra milkaawaa.
~ammallee yo taatee.
Eeggataa intiraansii
Rabbiin siif haa fidu
Qabxii haalaan dasii
~Atiis sumaan baana.
Barataa kooman korsii
Kan teenshinni qabee
Nyaachuu dhoorke qursii.
Wal afaan sihaa fidu fildiis
Tan ati feetu isii.
=qophaawaa si,oosii
Sin daganne jiisii
Barriis bara fakkaataa
Namuu numa use isii .
Laffaate boo dhiirti
Gaafa gadaa isii.
Ijoolleen teenyaa tuniis
Hunduu darbuu qabdii.......
~Atiis yaa qotataa
Abbaa lafa qabuu
Abba jimaa dhaabee
Kan kuduraallee qabu
Oomisha keetitti
Gatiis siif haa qabu.
Siduraa tiqqaattullee
Barakhaan siif haa kabu.
~Atiis yaa horsiisaa
Abbaa horii qabu
Abba gaala horsiisee
Kan loonille qabu
Abba re,ee horsiisee
Kan lukkuullee qabu.
Gatiin horii keetii
Miiliyeena siif dhaqu......
~Atilleen hojjataa
Abbaa miindaan jiru
Federaalarraa qabii
Kan hamma araddaaa jiru
Hidhaa harka namaa
Kana rabbiin sirraa haa ciru......
~Atilleen hojjataa
Yaa nama barbaadu tirfii
Amma jalqabdullee
Olguddadhu dafii.
Addunyaas dhaqqabii
Hulaa cinqiis cufi
Gadiis sin deebisinii
Achumaan itti fufi ....
~Atiis yaa baqataa
Roorrifamaa namaa
Gaaf tokko ni dabartii
Obsi firraa humaa.
~Yooniif taatellee
Baqataa ikkonoomii
Baqa roorroo dhabaatiif
Bahar tarkaanfatte dooniin
Abshir numa galtaa
Duroomtee doolaariin
~Ammallee yo taatee
Baqataa siyaasaa.
Roorroo saaykoolojjiitiin
Hacuucamtee caasaan
Akka waan bineensaa
Reebamtullee rasaasaan.
Biyyarraa fagaattee
Jiraattullee biyya ambaa san.
Obsi arguuf jirtaa
Bilisummaa dhugaa san............................
Guyyaanis guyyaadhaa
Wal afaan sihaa fidu
Tan yaaddees arkadhu ....