01/08/2026
Falmii Finfinnee, Teessoo Mootummaa Federaalaa Moo Mirkaneessa Abbaa Biyyummaa Oromoo?
Xiinxala Oduu: Qabsoo Seenaa, Mirga Uumaa, fi Kaayyoo Taktikaa fi Istiraatejii
Finfinneen handhuura Oromiyaa, teessoo Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa, fi giddugala idil-addunyaati. Haa ta'u malee, komishiniin Marii Biyyaalessaa yeroo ammaa dhimma bulchiinsa magaalattii ajandaa marii godhatee jiraachuu isaatiin, dhimmi kun irra deebi'ee mata-duree guddicha politikaa biyyattii ta'ee jira.
Finfinneen Mootummaa Federaalaan buluu qabdi moo bulchiinsa Naannoo Oromiyaa jala galuu qabdi?
Gaaffiin kun uummata Oromoof gaaffii bulchiinsaa qofa osoo hin taane, gaaffii mirga uumaa, eenyummaa, fi haqa seenaa kan deebi'uu qabuudha.
Bu'uura Seenaa fi Mirga Uumaa Uummata Oromoo
Seenaan Finfinnee seenaa handhuura Oromiyaati. Jechi "Finfinnee" jedhu afaan, aadaa fi jireenya Oromoo Tuulamaa (kanneen akka Galaan, Abbichuu, Gullallee, Eekkaa, fi Sololoo) irraa kan maddeedha. Naannoon kun iddoo burqaa bishaan ho'aa, lafa marga qulqulluu, fi wiirtuu sirna Gadaa ture.
Tulluu Daalattii (Piiyaassaa):Bakka yaa'ii fi murtee seeraa Gullallee fi Gadaa Tuulamaa ture.
Hora Finfinnee (Filwohaa): Iddoowwan aadaa, tajaajila yaala, fi bakka eebbaa ture.
Mirgi uumaa (Natural Right) uummatas ta’e dachee kana irratti qabu seera hawaasummaatiinis ta'e seera idil-addunyaatiin kan maayii hin qabnees: Uummanni dachee sana irratti dhalate, seenaa fi qaroomina irratti ijaare abbummaa isaas mirkaneeffachuuf mirga guutuu qaba.
Seenaa Buqqa'iinsa fi Miidhaa Dinagdee
Dhuma jaarraa 19ffaa keessa, waraana babal'ina sirna feodaalaatiin uummanni Oromoo Tuulamaa meeshaa waraanaatiin qe'ee isaanii irraa humnaan buqqa'aniiru. Gochoonni summii seenaa turan keessaa:
Eenyummaa Haqsuu:
Maqaan "Finfinnee" jedhu haqamee, "Addis Ababa" jedhamee jijjiirame.
Sarbama Mirga Lafa fi Dimokiraasii: Sirni Gadaa diigamee, uummanni abbaa dachee ture "Gabbara" (qotee-bulaa mirga hin qabne) akka ta'u taasifame.
Babal'ina Seera-Maleessaa: Bara Haayile Sillaasee, Dargii, fi "EPRDF" keessa babal'inni magaalaa maqa "misoomaatiin" gaggeeffamaa ture qotee-bultoota Oromoo kumaatamaan lakkaa'aman buqqisee hiyyummaaf saaxileera.
Tumuulee Heeraa fi Faayidaa Istiraatejii Oromoof
Heerri FDRI bara 1994 keewwata 49(5) irratti: "Lafa, tajaajila hawaasummaa, qabeenya uumamaa fi dhimmoota wal-fakkaatan irratti faayidaan addaa Oromiyaa Finfinnee irraa qabdu ni kabajama," jedhee tumus, hojii irra oolmaan isaa waggoota hedduuf danqamaa tureera.
Uummata Oromoof faayidaan istiraatejii fi mirgi bu'uuraa galmaga'uu qaban kanneen gadiitii:
1. Abbummaa Dachee Mirkaneessuu: Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taatee fi mirgi lafaa kan uummata Oromoo waan ta'eef, bulchiinsi magaalattii guutummaatti ykn sirna qindaa'aa ta'een Mootummaa Naannoo Oromiyaa jala galuu qabdi.
2. Afaan Oromoo Afaan Hooggana fi Tajaajilaa Gochuu: Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii fi tajaajila idil-oomaa (official language) ta'ee itti fayyadamuu.
3. Kaffaltii fi Misooma Haqa-Qabeessa: Qabeenya, gibira, fi galii magaalattii irraa argamu irraa Oromiyaan qooda isaaf maluu argachuu, akkasumas qotee-bultoota buqqa'an deebisee utubuu fi beenyaa haqa-qabeessa kaffaluu.
4. Qabiyyeewwan Seenaa fi Aadaa Deebisuu: Iddoowwan seenaa kanneen akka Tulluu Daalattii fi Hora Finfinnee wiirtuu aadaa fi eenyummaa Oromoo ta'anii akka hojjetan gochuu.
Xumura
Dhimmi Finfinnee gaaffii bulchiinsaa qofa osoo hin taane, mirkaneessa abbaa biyyummaa fi wabii itti fufiinsa hawaas-dinagdee Uummata Oromooti.
Marii Biyyaalessaa fi sochii siyaasaa fuulduraa keessatti, furmaatni waaraan ka'u danda'u mirga uumaa Oromoon dachee isaa irratti qabu haaluudhaan osoo hin taane, abbummaa seenaa fi seeraa uummata Oromoo mirkaneessuudhaan qofa ta'a.
Girmaa Guddisaatiin
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook- Waliif TV
Youtube- www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Waliif TV Ilaalcha Haaraa