Mudhii Qajimaa

Mudhii Qajimaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mudhii Qajimaa, College & University, Harar.

Shallaggiin qoodinsa qabeenyaa sirriitti hojiirra ooluu itti dhiheenyaan hordofuun danda'ameera - Obbo Shimallis Abdiisa...
06/07/2026

Shallaggiin qoodinsa qabeenyaa sirriitti hojiirra ooluu itti dhiheenyaan hordofuun danda'ameera - Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2018 (FMC) - Bara baajetaa kanatti shallaggiin qoodinsa qabeenyaa sirriitti hojiirra ooluu itti dhiheenyan hordofuun danda'ameera jedhan Mana Maree Federeeshiniitti walittiqabaqn Koree Dhaabbii Dhimma Baajeta deggersaa fi Galii Waloo Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis Abdiisaa akka dubbatanitti bara baajetaa 2018 keessatti naannolee gidduutti guddina madaalawaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojiileen bu'a qabeessa ta'an hedduun hojjetamaniiru.

Sirni qoodinsa bajata gargaarsaa fi galiiwwan waloo qorannoo fi karoora gurmaa'een akka hoogganamu gochuu qofa osoo hin taane, qabeenyawwan naannolee fi bulchiinsa magaalaatti darban haala ifa fi haqa qabeessa ta'een akka qoodaman hordoffii fi deeggarsi taasifamuu dubbataniiru.

Bara bajatichaa keessatti shallaggiin qoodinsa qabeenyaa haala sirriin hojiirra ooluu itti dhiheenyaan hordofuun danda'amuu ibsaanii, kunis qabeenyawwan darban irratti iftoomina guddisuu fi mootummoota gidduutti sirna ce'umsa fiiskaalaa cimsuuf gumaacha guddaa taasisuu ibsaniiru.

Dabalataanis, raabsama bu'uraalee misooma federaalaa haqa qabeessa gochuu fi gargaarsi addaa iftoomina fi itti gaafatamummaan naannoleef qoodamuu isaanii mirkaneessuun hojiilee tarsiimoof qajeelfama ijoo korichaa akka turan eeraniiru.

Guddina dinagdee fi hawaasummaa ariifachiisuu fi naannolee gidduutti fayyadamummaa haqa qabeessa dhugoomsuun carraaqqii yeroo dheeraa akka gaafatu ibsaanii, hudhaalee adda baasuu fi odeeffannoo yeroon walitti qabuun furmaata waaraa fiduuf akka hojjetamu ibsuu isaanii odeeffannoon Mana Maree Federeeshinii agarsiiseera.

Turkey
19/01/2023

Turkey

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mudhii Qajimaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share