Be Oke

Be Oke On your page we can share sweat information and news

01/05/2026
21/12/2025
13/08/2025

Har`a Qusachuun Boruu Ofii Ijaaruudha!
==
Qusachuun fedha nama dhuunfaa fakkaatus dirqama biyya ijaaruu ti. Oromoon Aadaa qusannaa jiruufi jireenya maatiifi hawaasa isaa ittiin cimsatu qaba. Mootummaanis aadaa kana cimsuuf qusannoorratti hojjechaa jira. Qusannoonis jecha salphaa fakkaatus, bu'uura jireenya hiikkaa qabuufi egeree abdachiisaa ta’e ijaaruu dha.

Biyyoonni qusannoo sirnaan fayyadaman misooma diinagdee saffisaa galmeessan ni jiru. Singaapoor dhaabbata qusannoo biyyaalessaa bifa tarsimoo ta’een ijaartee sababa qusannoo cimaan uummata isaanii mana jireenyaa, tajaajila fayyaa fi kkf akka argatan taasifamaniiru. Jaappaan uummanni isaanii aadaa qusannoo mataa isaatiin sirnaan dagaagee qabeenya dhuunfaa cimaa ijaaruu dandaa`aniiru. Iswiizerlaandii sirna baankii cimaafi maallaqaa diriirsuudhaan qusannoo cimaa fi hojimaata bulchiinsa gaarii amansiisaa qabaachuun biyya beekamtuu dha.

Tooftaan qusannoo milkaa'aa ta’es karoora, sirna to'annoofi fedhii dhuunfaa keessatti daangaa diriirsuu irraa jalqabee karoora bajataa baasuun galiifi baasii ofii sirreessuun, hir`ina baasii irratti xiyyeeffachuudha. Akkasumas baankii ykn mala qusannoo biroo fayyadamuun dhaabbilee mootummaafi dhaabbilee maallaqaatti gargaaramuun ni dandaa`ama. Gama biraan qabeenya qaban sassaabuufi qusannoo maatii irratti hundaa'e fayyadamuunis tooftaa biraa dha.

Bu’aa qusannoon qabu keessaas muraasni rakkoon tasaa yoo dhufu dandamachuuf,carraa investimantii fi hojii uummachuuf madda ka`umsaa ni ta’a. Jireenya tasgabbii qabu yaaddoo irraa bilisa ta`eefi abdii guutuu qabu akka jiraataniifi gama mootummaanis galiifi baajata sirnaan to’achuu dandeessisa. Walumaagala qusannoon hojii gara fuulduraatti nagaa, tasgabbiifi bilisummaa maallaqaa fiduuf bu'uura. Daangaa ofii beekuun boruu ifaa qabaachuu nama dandeessisa.

Face Book https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Whatapp :https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28

Website:https://www.oromiacommunication.gov.et/

13/08/2025
13/08/2025
22/05/2025

Smart city

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Be Oke posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Be Oke:

Share