27/03/2026
ASOOSAMA: GUFUU JAALALAA
–
Ganama barii tokko, qilleensi laafaan magaalaa keessa faca’aa ture. Aduun suuta suuta ba'aa, jireenya haaraa guyyaa sanaaf banuu fakkaatti.
Fayyeeraa Kabbadaa dargaggoo hojii isaa irratti cimaa fi ofitti amanamummaa qabu ture. Guyyaa sana akka guyyaa biraa hojii isaa jalqabuuf ariifachaa ture. Sammuun isaa karoora jireenya isaa fi milkaa’ina isaa irratti xiyyeeffatee ture; jaalalaaf iddoo hin kennine.
Garuu jireenyi yeroo tokko tokkoo waan namni hin yaadne nama mudaachiifti...
Daandii irra deemaa osoo jiruu, utuu hin eegiin, dubartii tokko wajjin walitti bu’e. Kitaabni ishee harkaa bu’ee lafa irratti faca’e.
“Dhiifama… ani si hin argine,” jedhe Fayyeeraan, sagalee gad aanaa fi kabajaan.
Dubartiin sun suuta ol ilaalte—ijji ishee ifaa fi tasgabbaa’aa, garuu keessa ishee keessatti wanti tokko dhokataa fakkaata ture.
“Aniyyuu hin yaanne,” jette isheen, suuta seeqxee.
maqaan mucaayyoo Leelloo Futtaasaa jedhamti. Barattuu yunivarsiitiiti, garuu jireenya ishee keessatti rakkoo fi iccitii baay’ee qabdi.
Fayyeeraan kitaabota lafaa kaasee harka isheetti kenne. Yeroo san, harki isaanii wal tuqe—yeroo gabaabaa yaadaan badan lachuun isaaniyyuu, garuu qalbii isaanii keessatti wanti haaraan boba’e.
Fayyeeraan yeroo jalqabaaf waan adda ta’e itti dhaga’ame.
Leelloonis, nama dura ishee keessa seenee hin beekne tokko akka argu jalqabde.
“Galatoomi,” jette Leelloon.
“Rakkoo hin qabu,” jedhe Fayyeeraan, garuu sammuu isaa keessaa:
“Dubartii kana maalirra adda godha?” jedhee of gaafate.
Isaan lamaanuu gara hojii isaanii deeman… garuu yaadni isaanii wal bira hin fagaanne.
Guyyaa sana irraa eegalee, jireenyi isaanii suuta suuta jijjiiramuu jalqabe—...
jaalala, gufuu, fi dhugaa dhokataa gara fuulduraatti isaan eeggachaa jiru hin beekne.
ittii fufaa.