21/01/2023
ππβ€πππβ€π
JAALALA HALAALAA!
yaa tokkittii waan ofii
kan baayyee na marartuu
onnee kiyya hatattee..
kan yaadaan na darartuu!
ππβ€πππβ€π
erga Dirqama jiruun
ati fagaattee narraa...
onneen koo si gaafatti
kunoo haguma har'aa
oksijiinii somba koo
ππβ€πππβ€π
sabboontuu beektu safuu
osoo akka garaatii
silaa sibiraan hafuu....
Yeroon irraan
sagalee kee dhaga'u
akka garaan na na'u
sitti himuun danda'u
ππβ€πππβ€π
borii keenya bareechuuf
halkaniif guyyaa kaattaa
beelaaf dheebuu hin jettu
waanuma argatte nyaattaa
ati naaf qaama kooti....
muddama koo gaggabdaa
gammachuus ta'ee rakkoo
ππβ€πππβ€π
dursitee na qaqqabdaa!
gubaan Jaalala keetii
akka giimiif rasaasaa
na bira jirta se'een
utubaatti asaasaa......
abshir woluma geenyaa
yoo fagaates karaanii
takkaayyuu addan baane
nuti qalbiif garaanii......
yoomuu gargar hin baanu
abdii kunnee jiruurraa....
bulchinee bubbulchinee
lafee uumna tiruurraa!......
ati gama jiraattee.......
an jiraadhus gamana
Gaafa tokko wol geenya
hin shakku nan amana
ππβ€πππβ€π
yoo sitti tole like share Follow
Gochu hin dagatinaa