Galmee Jaalala Dhugaa"

Galmee Jaalala Dhugaa" jaalalii fudhaa fi heeruma ka’umsa .. love for .....

Yaa ijoolummaMii'ooftuu akka damaa
16/07/2023

Yaa ijoolumma
Mii'ooftuu akka damaa

16/07/2023

""Fagoo fi dhiihootti kan biyyaa keessa fi biyya alaa jaalalii koo gara fb isii haagahuu jeechaa waa'e jaalala irratti oddofannof yeroo dhihootti nu egaa.

11/05/2023

Jaalala Dhugaa /
/ / ///
Jaalala Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamittan Beeka?
Gaaffilee armaan gadii deebisi:
1. “Jaalala dhugaa” jechuun maal jechuudha? ․․․․․
2. “Jaalala sinsinnii” jechuun maal jechuudha? ․․․․․
3. Lamaan isaanii garaagarummaa akkamii qabu
jettee yaadda? ․․․․․
GAAFFILEE armaan olii deebisuun sitti hin ulfaanne
taʼa. Garaagarummaa jaalala dhugaa fi jaalala
sinsinnii gidduu jiru hubachuun salphaa fakkaachuu
dandaʼa.
Dargaggeessa ykn shamarree tokkorra ija yeroo
buufattu garuu wanti hundi ni jijjiirama. Yeruma
sana jaallatte, sana booda wanti kan biraan sitti hin
mulʼatu. Jaalalli akka si qabe shakkii tokkollee hin
qabdu. Garuu jaalala dhugaadha moo sinsinniidha?
Kana beekuu kan dandeessu akkamitti? Deebii isaa
beekuuf jalqaba waggoota dhihoodhaa asitti
ilaalchi saala faallaadhaaf qabdu akkamitti akka
jijjiirame haa ilaallu. Fakkeenyaaf, gaaffilee armaan
gadii ilaali:
● Umurii kee waggaa shanitti saala faallaadhaaf
ilaalcha akkamii qabda turte?
● Amma hoo ilaalcha akkamii qabda?
Deebiin kee yeroo umurii saal-lammeessoo keessa galtu
ilaalchi saala faallaadhaaf qabdu jijjiiramuu akka
jalqabe argisiisa. Biraayan inni umuriin isaa waggaa 12
taʼe, “Shamarran babbareedoo akka taʼan hubachuun
jalqabe” jedheera. Shamarreen waggaa 16 Iileen
jedhamtu jijjiirama waggoota dhihoodhaa asitti ishii
mudate ilaalchisee akkana jetteetti: “Hiriyoonni koo
hundi waaʼee dhiirotaa haasaʼuu jalqaban; anis dhiirri
salphaatti na hawwachuu jalqabe.”
Amma namni saalli isaa kan keerraa adda taʼe si
hawwachuu jalqabeera; maarree, miira baayʼee cimaa
taʼe kana dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
Miira kana akka hin qabne fakkeessuun caalaatti
akka hammaatu gochuu dandaʼa; kanaafuu, carraa
kana waaʼee hawwatamuu, waaʼee jaalala sinsinnii fi
waaʼee jaalala dhugaa barachuuf itti fayyadamuu
dandeessa. Garaagarummaa wantoota sadan kanaa
hubachuun kee utuu hin barbaachisin gadduurraa si
eega, yeroo boodammoo jaalala dhugaa argachuuf si
gargaara.

AMALOOTA JAALALA DHUGAA KURNAN # share gochuun waliif dabarsaaKan akka jalalaa jaalatamuufi faarfamu jirahinfakkaatu.Hun...
17/02/2022

AMALOOTA JAALALA DHUGAA KURNAN
# share gochuun waliif dabarsaa
Kan akka jalalaa jaalatamuufi faarfamu jira
hinfakkaatu.Hundi jaalachuufi jaalatamuu fedha.
Bineensotaafi allaattiis dabalatee. Jaalalli gammachuu
qaba. Jaalalli,seeraan hinqabamu tanaan, gadda, kufaatiifi
cabiinsa hamilee hamatti nama geessuus danda’a.
Gammachuu guddatti kan nama geessu jaalala dhugaati.
Miidhaafi hubaatii irraas kan nama tiksu isuma jaalala
dhugaati.Humni jaalalaa danuu ta’uu isaati kan kuni hundi
argisiisu.
Amaloota jaalala dhugaa
1. Jechoota kana sadan “Sin jaalladha”, “Galatoomi”,“Dh
iifama” bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu of hin
qabiin fayyadamuu.
2. Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa, facebook
fi namoota birootti haasa’uu dhiisaanii kallattumaan walitti
haasa’uu.
3. Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan
lameenii.Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa
isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii
100% kan waliinii ta’uu hin danda'u.
4. . Jaalalli dhugaan gocha.Jaalalli dhugaan waan gochaan
agarsiistu malee waan afaaniin odeessituu akka hintaane
quba qabaadhu.
5. Amanamummaa, iftoomina, walhubachuu fi waliin
haasa’uun dirqama. Icciitiin dhoksaa hedduun jiraachuu hin
qabu.
6. Jaalalli dhugaa nama hinhubu . Jireenya keessatti wolitti
aaruun, mufannaafi wolhubachuu dadhabuun jira. Bakka
jaalalli dhugaa jirus kuni inuma jira. Bakka jaalalli dhugaa
jirutti rakkooleen ykn hir’inni kunniin waan irra deddeebi’aa
mul’atanii miti, garuu.
7. Jaalalli dhugaa haasawa gaariin madaalama. Lafa jaalalli
dhugaa jirutti maqaa wolballessuufi wolyakkuun hinjiru. Yoo
haasoftu jechoota ‘akka natti fakkaatutti’ ykn ‘akka
amantaa kootiititii’ ykn ‘akka yaada kootti’ jedhanitti
dhimma bayuu yaali. Waan dhibbaan dhibbatti hinbeekne
namatti hinfe’in.Jechaafi shakkiidhaan wolhadheessuun
ganda jaalalli dhugaa jiruttii miti kan heddumaatan.
8. Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii waliif
kabajuu fi jaalachuu qabu.
9. Garaa garummaa walii hubatanii, waliif

NAMA JAALATEE DHABEEFBEENU NAGAAN TAA'I!Ergan si jaaladhee jaarraa lakkoofsiseDubbadhee sitti himuun garuu na rakkiseKab...
28/08/2019

NAMA JAALATEE DHABEEF
BEENU NAGAAN TAA'I!
Ergan si jaaladhee jaarraa lakkoofsise
Dubbadhee sitti himuun garuu na rakkise
Kabajan siif qabuuf yaaddootti of hambisee
Baasees hin dubbanne keessa koottan dhiise
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Garuu yeroo booda atis na hubattee
Akkan si jaaladhu haalakoo irraa bartee
Jaalalaa fi sodaa keessakootii agartee
Natti dhidhiyaatte irruma dabartee
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Walitti dhiyaannees yaada waliif qoodnee
Yeroos waliif laannee waliin tattaphannee
Wajjin baanee gallee wajjin dhugnee
nyaannee
Osoo hin dubbatiin gochaan Wal jaalanne.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Anis ariifadhee'sin jaaladha' hin jenne
Afaan na hidhamus yaadaan sin daganne
Ati garuu...........
Gochaakoo dagattee arrabakoo ilaaltee
Cinaatti na gattee ormaaf garaa laatte.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Anis yeroo booda aaree bulgaafadhee
Jaalalakoo baasee yeroon si gaafadhe
"Ati ustee turraan kan biraan jaaladhe"
Jettee yoo dubbattu an baay'een saalfadhe.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Kufta-cabda jedheen osoon si kunuunsuu
Akka daa'imaatti osoon si hurursuu
Kabajan siif qabuuf isan hedduu obsu
Maal si goonaan deemte osoon ani si
gorsuu?
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Akkan si jaaladhu hoo sirriitti ni neekta
Dubbii afaanii qofaa maaliif narraa eegdaa?
Jaalalan siif qabuhoo gochaan koo sitti hima
"Ani siifan gaggaba,siifan wareegama
jechuunkoo dirqamaa?
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Ati ijakeemoo gurrakee amanta?
Jaalala dhugaamoo oduudhaaf bitamta?
Arraba dheeraaf moo onneef bakka laatta?
Osoo ijaan argituu gurraan waa dhagahuuf
maalumaaf jarjartaa?
~~~Waanan jedhu hin qabu jiraadhu,
milkaa'i!
Argaa fi dhageettii,jaalalaa fi olola,arrabaa fi
laphee booda Adda baafatta,beenu nagaan
TAA'I!

JAALALA JECHUUN:☆ Bareedina barbaacha oliif gad fiiguu miti,☆ Bu'aa /faaydaa barbaachaaf anfariiruu miti☆ Wal-qunnamtii ...
07/10/2018

JAALALA JECHUUN:
☆ Bareedina barbaacha oliif gad fiiguu miti,
☆ Bu'aa /faaydaa barbaachaaf anfariiruu miti
☆ Wal-qunnamtii saalaa argachuu qofaaf fiiguu
miti
☆ Yeroo gammachuu qofa wal hammachuu miti,
☆ Waan jaalatamteef jaalachuuf of shukkumuu
miti,
☆ Waan si kabajeef kabajuuf sagal gad jechuu
miti
☆ Waan si gargaareef guyyaa eeggattee
gargaaruu miti.
።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።>
● JAALALA JECHUUN:
♡ Miira eenyummaa irraa bilisa taheen walii
yaaduu,
♡ Filannoo loogummaa irraa fagaatteen wal
filachuu,
♡ Murteessummaa qalbii sardamaa irraa
fagaachuu,
♡ Gargaarsa bu'aan keessaa hin jirre waliif
kennuu,
♡ Amdaandii jireenya keessa waliin imaluuf
qophaa'uu,
♡Aangoo ol'aantummaa irraa qulqulloofteen
waliin
buluu.
♡ Soba, fakkeessuu, akkeessuufi cubbuu irraa
fagaachuu,
♡ Shira, miidhaa, hijaafi inaaffaa keessaa harka
baafachuu,
♡ Rakkoo, gadda, dhiphina, gammachuu fi
haaloota
jireenya mara keessatti waliif yaaduu, wal
gargaaruu,
wal utubuu dha.
♡ Waan ati hin argatin namoonni biraa akka
argatan
hawwuu,
♡ Waan akka sirratti raawwatamu hin feene
namarrattiis raawwachuu dhabuu,
♡Yeroo kamuu, haala hunda keessatti wal
yaaduu fi
wal taliguuf kaka'uumsa qabaachuufi kkf yoo
qabaatte
Jaalalli Jaalala taati.
Erga dubbiftan booda 'like', 'share' 'comment'
godhuu
hin dagatinaa.

Mammagaala ija kuulaaKukkuullee ilkaan anaaniNootoo fii simboo qabanFuularraa walalaqiiDubarran biyya kootiiGuca maalumm...
30/09/2018

Mammagaala ija kuulaa
Kukkuullee ilkaan anaani
Nootoo fii simboo qaban
Fuularraa walalaqii
Dubarran biyya kootii
Guca maalummaa kootii

miidhagina jechuu akkan kunoo.yoo siitti toolee like goodhuu hin dagattin.
25/09/2018

miidhagina jechuu akkan kunoo.yoo siitti toolee like goodhuu hin dagattin.

byLeta Kenei AgaXalayaa - Facebook 'tiin!_ _Haaga'u nagaan koo jaalalaafi kabajaa kan yeroo hunda laphee koo keessa 'onl...
30/08/2018

byLeta Kenei Aga
Xalayaa - Facebook 'tiin!_ _
Haaga'u nagaan koo jaalalaafi kabajaa kan yeroo hunda laphee koo keessa 'online' jirtu jaalallee koof. Erga jaalalli kee na keessatti 'account' banaatee kaasee waa'eedhuma keen yaada. 'Logout' godhee jaalala kee keessaa ba'uuf yaaliin ani taasise naaf hin milkoofne. Dhugaadha baay'een si jaalladha!Kana booda nama 'follow' si godhu hunda qabee caccabsuufonnee koorraa 'confirm' godheera. Namni jaalalaaf si gaafachuu yaadaa jiru kamiyyuu karoora isaa dafee 'cancel' gochuu qaba. Kana ta'uu baannaan garuu sammuusaa 'deactivate' godheen dhagaafi dinnicha illee akka adda baafachuu hin dandeenyetti 'offline' isa taasisa. Atumti baga karoora kee karoora koorratti 'attach' goote malee kan isa kaanii na hin dhibu!_ _Bareedduu kiyyaa, erga ati 'request' koof bakka kennitee na wajjin jiraachuuf murteessitee booda jaalalli kee kan durii caalaa na keessatti 'add' ta'eera. Yaada garaa koo wajjinis si qofatu 'chat' gochaa oola. Bakka ati mul'attu hundatti akkan si wajjin mul'adhuuf adaraa kee ofirratti 'tag' na godhi. Icciitii kee immoo anarraa kan darbe nama tokkofiyyuu 'share' hin godhiin. Anarraa kan darbe akka namni kaan dhoksaa kee hin agarre 'privacy' kee seenii 'only him' kan jedhurra kaa'i. 'General setting' kees qajeellummaafi gaarummaarraa hin jijjiriin. 'Password' ittiin na jaallatte eenyumattiyyuu hin himiin! Sirriitti jabeeffadhu - hinaaftotni 'hack' godhanii tokkummaa keenya diiguu danda'u waan ta'eef! Arrabni namaa 'active' dha - oduutti ariifata. Akka namni nu gidduu seenee walitti dhufeenya keenya 'block' hin goone cimsii of eeggadhu._ _Guutummaa guutuutti amala kee 'like' godheen jira. 'Timeline'kee yommuun ilaalus nama aadaafi safuu beektu ta'uu keen arga. Waa'ee sabboonummaa kee irratti 'comment'n siif kennu hin qabu. Garuu maqaa biraatiin 'page' banachuu keetti sitti dallaneen jira. Otuu erga mariidhaan 'join' wal goonee booda banatte ta'ee gaarii ture. Waanuma fedheefuu hiriyyoota kee warra kottu magaalaa keessa deemna jedhanii'invite' si godhan immoo hin dhaggeeffatiin.Yoo didanii si rakkisan 'unfriend' taasisi. 'Group' baaltiifi sobaa hunda har'aa kaasii 'leave' godhi. Gorsa koo kana hunda immoo 'upload' gootee 'wall' kee irratti akka mul'istu abdiin qaba.Jaalalli kee akka 'delete' ta'uu hin dandeenyeetti sammuu kookeessatti 'post' ta'ee jira.Naaf jiraadhu!atami issin

Ga'eela keessatti Bu'aa Obsaa DhabuHaadha Manaa koo dhiira kan biraaf kennaan jiraa?*Roobsan fi Daraartuun erga wal fuud...
29/08/2018

Ga'eela keessatti Bu'aa Obsaa Dhabu
Haadha Manaa koo dhiira kan biraaf kennaan jiraa?*
Roobsan fi Daraartuun erga wal fuudhanii waggaa sagal ta’eera. Haa ta’u malee, mucaa hin godhanne. Kabaji waggaa 10 ffaa isaanii otuu hin ga’iin dura mucaa ni arganna jedhanii abdii guddaan waliin jiraatu. Hiriyoonni isaanii tokko tokkoo fi maatiin isaanii sababa isaan mucaa dhabaniif, akka isaan wal hiikaniif dhiibbaa irraan ga’aa turan. Garuu, jaalala isaan gidduu jiru irraan kan ka’e, wal hin hiikne.
Baatiin tokko erga darbee booda, guyyaa tokko Roobsan otuu hojii irraa deebi’uu haati manaa isaa dhiira waliin otuu karaa irra adeemtu fuulleetti arge. Haati manaa isaa fi namichi isheen waliin adeemtu kunis gammaddoo wayii fakkaatu.
Ammas galgala tokko Roobsan otuu hojii irraa deebi’uu, namichumti inni kana dura ishee waliin karaa irra adeemu sun har’a immoo konkolaataadhaan fidee balbalatti akka ishee buuse alaalatti arge. Roobsan Yeroo kana argu baayy’ee aare; ni gaddes.
Guyyaa lamaa booda, Roobsan hojii irra manatti galee bishaan burcuqqootti qabatee taa’ee dhugaa otuu jiruu, Kanuma gidduutti bilbilli bilbilame. Roobsanis bilbila kaase. Namichi bilbile “Hello giiftii, akkuman waadaa siif gale galgala Mana dhufeen si arga. Nan abdadha.....” Otuu inni haasa’ee hin fixiin Roobsan bilbila irratti cufe.
Sagaleen nama bilbilee kun sagalee dhiiraa ture. Namichi bilbile kun haadha manaa koo waliin isa ani arge sana akka ta’u shakkii hin qabu jedhee garaa isaatti yaadaan “Haadha manaa koo dhiira kan biraaf kennaan jiraa”? Jedhee na’ee hollachuu jalqabe. Yeroo kana burcuqqoon bishaanii harka isaa irra jiru lafa dha’ee iddoo baayy’eetti caccabe.
Kanaa booda Daraartuun gara kutaa abbaan manaa ishee taa’aa jiru kanatti fiigdee “nagaa keeti mitii? Maalti ta’e”? Jettee isa gaafatti. Roobsan garuu aarii dhaan achi of irraa ishee darbate. Isheenis ni kufte. Lafa kuftee ka’uus, socho’uus ni didde.
Sanaa booda Roobsan, akka isheen burcuqqoo harka isaa irraa lafa dha’ee caccabe sana irratti kufte hubate. Burcuqqoon caccabaa sun akka qaama ishee keessa sesseeneerus ni arge. Yeroo kana Roobsan gadi jedhee akka afuurri ishee keessa jiru fi onneen ishee dha’atu dhaggeeffate. Garuu haadha manaa isaa keessa afuurri hin jiru. Duuteetti.
Baayy’ee garmalee jeeqamee otuu jiruu, xalayaa harka ishee irratti arge. Xalayaa sana banee gaafa barreeffama achi keessa jiru argu baayy’ee na’e. Barreeffama isaaf barreessite ture. Barreeffamichis akkas jedha:
“Abbaa manaa koo isa jaallatamaa, waan natti dhaga’ame jecha ittiin ibsu waanin dhabeef, barreessuuf dirqame. Otuu wanta gammachiisaa kana sitti hin himiin Doctor irraa adda baafachuuf torban lamaaf deddeebi’aan ture. Doctoris ulfa akkan ta’e, ulfa kunis lakkuu akka ta’e fi ijoolleen lakkuu kunis ji’a toorbaa booda akka dhalatan naaf mirkaneesseera.
Doctori sunis obboleessa koo isa yeroo dheeraaf wal jalaa badne turre sana ta’ee argame. Inni anaaf ijoollee keenyaaf kaffaltii tokko malee, sirriitti kunuunsa gaarii akka godhu waadaa naaf galeera.
Akkasumas galgala har’aa dhufee nu waliin hir’baata akka nyaatu waadaa nuuf galeera. Yeroo hunda ana waliin waan dhaabatteef baayy’ee galatoomi...... haadha manaa kee ishee jaallatamtuu irraa”!
Barreeffamni kun harka Roobsan irraa lafa bu’aa otuu jiruu, balballi ni rurukkutame. Namichi balbala rurukkutes, isa Roobsan haadha manaa isaa waliin arge sana ture. “Helloo Roobsan, ani Gurmeessaan jedhama obboleessa haadha manaa keeti” jedhee Roobsanitti dubbate. Kanuma gidduutti dhiigni obboleettii isaa dhangala’aa akka jiru arge. Atattamaan gara mana yaalaa ishee geesse, garuu yeroon itti darbeera. Obboleettin isaa, haati manaa Roobsan ijoollee ishee lakkuu waliin duuteetti.
Barumsa isiniif haa ta’u.....
Haariiroo ykn walitti dhufeenya keessatti, akkasumas gaa’ela keenya dabalatee, waa’ee jaallallee keenyaa ykn waa’ee haadha manaa/ Abbaa manaa keenya waan argine ykn waan dhageenye tokko otuu isaan hin gaafatiin dafnee aarree murtoo hin taane keessa seenuun gaarii miti.
Waliin dubbachuu, wal amanuu fi obsi kennaa guddaa nuyi gara gaa’ela keenyatti affeeruu qabnu keessaa isaan angafadha.
Waa’ee abbaa manaa/ haadha manaa keenya wanti nuyi argine ykn dhageenye ykn amanne hundi dhugaa miti.
Gaa’eela keessatti obsi baayy’ee barbaachisa waan ta’eef, Waaqayyo hunda keenyaaf obsa haa kennu!

25/07/2018

maqaa dhiraa bareeda haala yeroo amma wajjii moogafamu qabuu kamii jaatu.nama nagaftee .

25/07/2018

Akkam jirtuu hordoftoota fb galmee jaalala dhugaa.waa'ee jaalala odafannoo tokko tokko isiin bareesina nu egadha.

Address

Waa’ee Jaalala Irra Tti Hubannoo Uumuu F
Hirna

Telephone

+251937375100

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Galmee Jaalala Dhugaa" posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share