Dirmammuu baraa

Dirmammuu baraa yaa obboloota koo waannumti barbaade yoo isin quunnameyyuu, jireenya har'a
jiraattan, boru akka qaanessinetti jiraadhaa!

 !Maaliif shamarran keenya gaa'ela ijaarratanii, mana ofii erga galanii booda jireenyi itti dukkanaa'a? Maaliif manni ji...
03/05/2026

!
Maaliif shamarran keenya gaa'ela ijaarratanii, mana ofii erga galanii booda jireenyi itti dukkanaa'a? Maaliif manni jireenyaa inni nagaa fi gammachuu itti eegan, mana hidhaa fi qormaataa itti ta’a?

Guyyaa cidhaa gammachuu fi ilillee qabu sana booda, dhugaan bultii yeroo baay'ee haguugamee hafa. Uffanni cidhaa inni adii fi bareedaan sun darbee, jireenyi haaraa yeroo eegalu, abdii fi mul'anni dubartoota baay'ee dukkana keessa seena. Gammachuun mana haaraa ijaarrachuu gara gadda dhokataatti jijjiirama.

Shamarran hedduun erga gaa'elatti galanii booda jireenya qormaataa, lolaa akkasumas roorroo daangaa hin qabneen guutame jiraachuu eegalu. Mana ofii isa nagaa itti argatanii boqochuu qaban keessatti doorsifamu, ni miidhamu. Garuu, dhiphina kana hunda dhoksanii, imimmaan isaanii dhuunfaatti dhangalaasaa, fuula namatti ammoo kolfuu filatu. Jireenya bultii isaanii keessatti miidhaan qaamaa fi sammuu yoo irra ga'es, iccitii isaanii eeggachaa gidiraa baatu.

Maaliif sagalee isaanii dhageessisuu sodaatu? Sababiin inni guddaan dhiibbaa hawaasaati. Aadaan keenya "Dubartiin ni obsiti, bultiin akkasuma bu'aa ba'ii qaba, mana ofii diiguun qaaniidha" jedhee barsiisa. "Gaafas isatu siif caalee heerumte" ykn "Maatii kee hin qaanessin" jedhamuun sodaa isaan keessatti uuma. Kanaafuu, miidhaa qaamaa fi sammuu isaanii dhoksanii, aaduu fi of nyaachuu filatu. Sagaleen isaanii akka ukkaamamu ta'a.
Dhiphinni fi roorroon kun yeroo itti baay'atu, abdii kutannaan hammaata. Kaan isaanii roorroo kana dandamachuu dadhabanii, abdi-kutannaa daangaa hin qabne keessa galu. Jireenyi waan asumatti dhaabatu itti fakkaata. Dhuma irrattis, dukkana kana keessaa bahuuf filannoon isaanitti mul'atu tokko qofa ta'a: lubbuu ofii galaafachuu. Kun dhugaa hadhaa'aa, gaddisiisaa fi qalbii nama cabsu, kan hawaasa keenya keessa jiru dha.

Obboleettii koo ishee amma barreeffama kana dubbisaa jirtu, yoo haala akkasiin dhiphachaa fi booyaa jirta ta’e, siif haa galu: Gatii fi kabajni kee bultii keessatti miidhamuu hin qabu. Jireenya gaddaaf roorroo caalaa, filannoon biraa ni jira. Lubbuu ofii galaafachuun furmaata miti; inumaayyuu mo'amuudha. Ati jabduudha, haala ammaa kana keessaa bahuu ni dandeessa!
Gaddi fi rakkoon dhuma jireenyaa miti. Bultiin siif hin milkoofne taanaan, jireenyi kee asirratti goolabame jechuu miti. Inni kun boqonnaa jireenya kee tokko qofa dha. Boqonnaan biraa kan ifaafi gammachuun guutame fuuldura kee jira. Jireenya kee isa boruuf jettee, ofii keetiif dursa kenni. Rakkoo sammuu ykn abdi-kutannaan yoo sitti dhaga'ame, fira, hiriyaa, ykn namuma itti dhihaattu tokko mariisisuu hin sodaatin. Sagalee kee dhageessisi! Wanti darbuuf jiruuf jettee lubbuu kee ishee gati-jabeettii hin dhabin. Ati uumama addaati, kanaa gaditti hin uumamne.

Akkasumas nuti akka hawaasaatti, ilaalcha keenya sirreessuu qabna. "Obsi, bultiin akkasuma, diigamuu hin qabu" jechuun shamarran keenya gara boollaatti akka of darban gochuu haa dhaabnu. Dubartii miidhaa qaamaa fi sammuu hamaan irra gahaa jiru tokkoof obsi jechuun, murtii du'aa itti murteessuudha. Bultii ijaaruun kabaja dhala namaa eeguuf malee, bakka itti ukkaamamanii dhuman ta'uu hin qabu. Ceephoo fi qeeqaa caalaa, dhaggeeffattoota fi gargaartota haa taanuuf. Jireenyi dhala namaa wanta hundumaa caala!

Obboleettii too, jireenyi kee qaaliidha! Ati kennaa addunyaa kanaati.
Tarii barreeffamni kun lubbuu obboleettii keenya tokkoo abdi-kutannaa keessa jirtuu baraaruu danda'a waan ta'eef, waliif qoodaa!

Naaf jiraadhaa shamarraniif kabaja haa laannu eenyumaa gad tahuu dhiisuu isaanii of haa amansiifnu barfata haagodhannu!

baraa!

 'iba🤗...===========Ameerikaa, Mi'aamiitti...Maanguddoon ganna 82 tokko ganama hunda wiilcharii irra taa'ee gara hospita...
18/02/2026

'iba🤗...
===========
Ameerikaa, Mi'aamiitti...Maanguddoon ganna 82 tokko ganama hunda wiilcharii irra taa'ee gara hospitaala Jaaksan jedhamutti dhufee rakkoo onnee himata. Ganama hunda irra deddeebi'ee gara hospitaalichaatti dhufuudhaan, 'onnee koo...onnee koo....uuu....na qaqqabaa...' jedhee iyyata!. Ogeeyyonni fayyaas asiif achi fiiganii laabraatoorii kana san jedhanii hojjatuuf!!

Haa ta'u malee wanti ilaalamu hunduu rakkoo hin agarsiisu. Kun ogeeyyota fayyaatti gaafii ta'e. Doktoroonni heddu jijjiiramanii ilaalanis homaa hin agarre. Doktora fayyaa sammuus mariisisanii homaa dhaban. Akkanumatti jaarsi kun osoo ummata qoru guyyaa tokko narsiin takka ija maanguddoo kanaa waa irratti agarte🤗; Irra deddeebitee hordofuu jalqabde!

Edaa jaarsicha kan deddeebisaa ture dhukkubbii onnee hin turre; jaarsichi waan ijaan hordofutu isa deddeebisaa ture😂. Naarsii rifeensa diimaa, dhaabbii gaarii, fi dabbaa hawwataa qabdu takka🤗, tan fuulduratti dhukkubsattoota calalaa dabarsitu😆😅!!! Jaarsichi gara booddee ishee dhufee hanga takka erga daawwatee booda, kufee iyya😆!!

Gaafa dubbii kana bira gahanii gaafatan, maanguddichis dubbii kana hin mormine, 'Isheen ija kootiif boqannaa kenniti turte' jechuudhaan amane🤗! Kana nu haa baasu...Meeqatu akkanatti dhimma malee marmaaraa oola seetan!😅!

!

Cidha Ameerikaa fi Afrikaa ❶Nama waamame : 200➋Nama waamicha irratti argame: 198➌Kennaa Misirroof kenname : 198❹Meeshaa ...
27/11/2025

Cidha Ameerikaa fi Afrikaa

❶Nama waamame : 200
➋Nama waamicha irratti argame: 198
➌Kennaa Misirroof kenname : 198
❹Meeshaa bade: 0
➎Nagaadhan xumurame.


❶Nama waammame : 200
➋Nama waamicha irratti argame: 6234
➌Kennaa Misirroof kenname : 10
❹Meeshaa bade: Moobayilii 8, Saayinii 57, Burcuqqoo 34, Jookii farsoo 3, Araqee koddaa 1 Jeerikaanii bishaanii 2, Buddeen gogaa 74, Gaabii Uwwisaa 4, lafee indaaqqoo 3, saamuna fi fooxaa ittin harka qoorfatan 5, qadaadii barmeelaa 2
5. Lolli ka'eera; namni 8 buruqeera, mushurraan kuftee harki miidhameera, Obboleessa mucayyoo nama reebee hidhameera.

Lafaa nagaa Oola

 !Jireenya kee keessatti yeroo ta'e tokko"jaalala caalaa kabajni akka caalu,"walsimsiisuu caalaa wal hubachuunbarbaachis...
01/11/2025

!

Jireenya kee keessatti yeroo ta'e tokko
"jaalala caalaa kabajni akka caalu,"
walsimsiisuu caalaa wal hubachuun
barbaachisaa akka ta'e,
wal shakkuu caalaa wal amantaan
akka barbaachisaa ta'ee fi
obsi karaa guddaa waan kamiyyuu
galmaan ga'uuf si gargaaru akka ta'e ni hubatta.

=== (  .)Moora mana barumsaa cina yeroo gahangaruu... Maxxansa guddaa dallaa manabarumsaa irratti maxxansamee jiru argan...
29/10/2025

===

( .)
Moora mana barumsaa cina yeroo gahan
garuu... Maxxansa guddaa dallaa mana
barumsaa irratti maxxansamee jiru argan, itti
siqanii yeroo ilaalan suura Nimoonaa
guddisanii, qabxii olaanaa akka mana
barumsichaatti galmaa'ee hin beekne 608
fiduu isaatiin, rikardii mana barumsichaa
jechuun maxxanee jiru argan. Roobsan waan
qabee gadhiisu wallaale. Gammachuudhaanis iyyaa mooraa
mana barumsichaarra
naanna'e.
Nimoonaan fedhiinsa fayyaa barachuu ture.
Garuu Roobsii fi Biloo irraa adda ba'u waan
hin barbaanneef, Enginering filachuun. Sadan
isaanii kaampaasii tokkotti ramadaman.
Yeroonsaas ga'e yeroo Kaampaasii seenan
Roobsii fi Nimoonàan dep't tokkicha
Electrical Enginering, Biliseenis moora tokko
ta'anus, mechanical Enginering seente.
Barattoonni hundinuu mooraa seenaniiru,
Nimoonaa fi Roobsaanis yeroon laaqanaa
waan ga'eef, kaaffee deemuuf muka akka
Odaatti faayamte tokko jala ta'anii Bilisee
eegu turan. Osoo taa'anii "har'a nan
durfame" sagalee jedhu dhagaa'anii ofirra
garagalan. "Urgooftuun jedhama, ergan
kaampaasii kana dhufe as jalattan
kophummaa koo irraanfachaa" ture jette.
Niimoonaanis fajajee hafe, Roobsanis
walfakkatina urgooftuu fi Urjii walbira qabee
ajaa'ibsiifata. Dhaabbiin, dubbannaan,
uffannaan haalli ishee martuu urjii waliin
lakkuu isaan fakkeessa. isheenis taa'uu nan
danda'aa jetteen. Nimoonaanis osoo isheen
dubbattee hin fixin "EEYYEEN"jedhe.
Nimoonanis dhiifama "Urjii jedhee yoon si
waame naaf eyyamta jedheen. isheenis
"Yeah natti tola" jetteen. Nimoonaanis
hordofuunii jalqabe. isheenis miidhagduu fi
cimtuu turte. Jaalalanis amma dhumatti
waliin turan.
OBSI RIQICHA JAALALATI!!!
!
==================================

19/09/2025

😃 😀 😄 😁 🤣 😂 😃

Abbaa Koo Hin Filatinaa – Intalti Prezidaantii KaameeruunFulbaana 19, 2025 – Finfinnee (Oduu Waliif TV)Intalli prezidaan...
19/09/2025

Abbaa Koo Hin Filatinaa – Intalti Prezidaantii Kaameeruun

Fulbaana 19, 2025 – Finfinnee (Oduu Waliif TV)

Intalli prezidaantii Kaameeruun, Brenda Biya, uummani biyyattii filannoo Onkoloolessa bara 2025 irratti abbaa ishee Prezidaant Paul Biya akka hin filanne ifatti gaafatte.

Brenda’n vidiyoo gabaabduu TikTok irratti maxxansiteen, abbaa ishee waggaa 92 ta'e jiru akkaa dulloomee fi rakkoolee biyyaaf furmaata fidu hin dandeenye jechuun qeeqxee.

Prezidaant Biya waggoota 42 oliif biyyattii aangoorra jiraachuun hoggantoota addunyaa yeroo dheeraaf tajaajilan keessaa tokko ta’uun beekama. Haa ta’u malee, biyyattiin rakkoo hiyyummaa, hojii dhabummaa fi jeeqama siyaasaa hamaa keessa akka jirtu intalli isaa ibsite jirti.

Seenaa siyaasaa Afrikaa keessatti, mucaan prezidaantii tokko abbaa isaa duratti uummataaf “hin filatinaa” jechuun ifatti waamicha dabarsu kun yeroo jalqabaati.

Filannoon prezidaantummaa Kaameeruun Onkoloolessa 12, 2025 geggeeffamuuf karoorfameera.

  jabaadhu si duuka jirra!
19/09/2025

jabaadhu si duuka jirra!

Please Naa Jajjabeessaa🙏🙏
Dorgommii Qubee ElectronicsOromoon addunyaa mara irra jirtan suura koo kana like gochuudhaan badhaasa Qarshii 150000(Kuma dhibba tokkoo fi shantama) na injifachiisaa. Gadaa quufaaf gabbina.

Qubee Electronics giddugala gurgurtaa meeshaalee elektirooniksii yoo ta'u, Computer, Laptop, Tablet, Bibiloota smart ta'anii fi aksaseeroota garaa garaa orjinaala isaa amanamummaadhaan isiniif dhiyeessa. Biiroleef, bakkeewwan hojii dhuunfaaf, barsiisota, barattootaa fi daldaltootaaf meeshaalee elektirooniksii armaan olitti caqafaman bakka jirtanitti ni dhiyeessa."

Teessoon;
LAKK-1
Finfinnee, Boolee Madaaniyaalem, Gamoo Oromiyaa (Oromia Tower)
LAKK-2
Finfinnee, Markaatoo Gamoo Tafarraa jalatti argamna.
Lakkoofsa Bil; +251911539551

Dargaggeessa haadha fi intala fuudhe!Dubbiin akkasi ,,Haati sababa gaarummaa abbaa warraashee  intalli ishee irra deddee...
18/09/2025

Dargaggeessa haadha fi intala fuudhe!

Dubbiin akkasi ,,Haati sababa gaarummaa abbaa warraashee intalli ishee irra deddeebitee isheetti himtuf' "edaa dhiirri akkanaas jiraa" jechun gurbicha hawwiti. Intallis akka Haatishee dhirsashee barbaadde gaafa bartu abbaa warraa ishee haadha ishee waliin qooddachuuf abbaa warraashee eeyyamasaa gaafatti! Gurbaanis erga jettee tole"jedhee Haadhashees fuudhuf waliigale! Lamaanuu Ulfa❤

Amma haadhaa fi intalli ijoollee lama da'uuf qophaa'aa waan jiraniif maatii waliin ijaaruuf gammachuu guddaatu ​​nutti dhagahama jedhu🙂
Dhiirri fedha keessa eeguf kufee ka'a bar Dubartonni😭
Hariiroon ijoollee dhalatanii maal fakkaata?🤦 ♂️

Ilma rakkoo😆

13/09/2025
 .  (  ! )Niimoonaanis dhukkubsate HospitaalaAmaanu'eel seene...Achittis ji'a tokkoof erga yaalamee boodaguutummaa guutu...
10/09/2025

. ( ! )
Niimoonaanis dhukkubsate Hospitaala
Amaanu'eel seene...
Achittis ji'a tokkoof erga yaalamee booda
guutummaa guutuutti fayyee ba'e. Bilisee fi
Roobsan hedduu gammadani. Niimoonaanis
akkas jedheen "Obsa dhabuun urjii gatii
ishee kaffalchiiseera, obsi riqicha waan
hundaa ta'uu hubadheera, isinis na waliin
baayyee rakkattaniittu oolmaa keessan ani
danda'ee waanan baasu miti, waaqni siniif
ha baasu" jedhee osoo inni hin xumurin
Roobsan "Aboo nurra hin tuulin baachuu
dadhabaa jirraa" jedhee kolfe. Nimoonaanis
akkas jechuun waadaa isan galchisiise. Kana
booda rakkinni kamillee yoo nu muudate sadi
taane ofirraa qolanna" jedhan. Sadan
isaaniiyyuu wal haammatan.
Biliseenis qormaatni baranà nu jala darbe
jechuudhakaa" jette. Roobsanis gaddaa
"Eeyyeen sababni isaas ji'a lamaaf hin
baranne" jedheen. Nimoonaan garuu
"gonkuma" jedhe. Baranuma qoramnee
kaampaasii seenuu qabna" jedheen.
"Roobsanis "murteen kee ulfaataadha ati
utuu hin baratin qoramtus ni darbita nuyi
garuu barannus rakkoodha" jedhe.
Niimoonaanis "isa naaf dhiisaa akka
barsiisaatti sinan barsiisa, maaloo isa durii
irra cimoo haa taanu jedheen. Qormaataaf
ji'a tokko qofatu hafe. Sadan isaaniiyyuu
guyyaaf halkan osoo hin jedhin library mana
isaanii godhataniiru. Keessumaa jijjiiramni
Roobsan agarsiise adda ture. Mucaan yeroo
kitaaba argu mataan bowwaafatu qo'ataa
cimaa ta'e. dubbiin Nimoonaas sirriitti isa
jijjiire. Niimoonaan torban lama gidduutti
qophaa'ee xumuree isaaniin qayyabachiisuu
jalqabe. Yeroon isaas ga'ee qoramanii, Haala
gaariin hojjechuun qabxii isaanii eegaà turan.
Yeroonsaa yommuu ga'u Nimoonaan kan
Roobsan fa'a malee kansaa hin ilaalle.
Biliseen 399, Roobsan 431 fidan. Niimoonaan
qabxii isaaniitiin darbuu isaanitti baayyee
gammade. "Ati hoo meeqa fidde" ittiin
jedhan Roobsan fa'a. Deebiinsaa "hin ilaalle"
kan jedhu ture. isaanis rifachuun Ni kufte
moo dhuguma hin ilaalle jedhaniin. Roobsan
fiigee alatti ba'ee jilbeenfatee boo'aa akkas
jedhe. "Yaa waaq! Dhaga'i Nimoonaan kufnaan ofin ajjeesa" jedhe. Booda isaatii
Niimoonaan " ihiii qabxii koo argitaniittu moo
maaltu akkas sin godhaa? jedheen. Biliseenis
"ammaa haa ilaallu" jette.
Nimoonaan garuu koodii koo dagadheera
kanaaf darbuu fi kufuu koo mana
barumsaatii dhaqnee ilaalla" jedhee isaan
fuudhee ka'e. Yeroo mana barumsa gahan
garuu... Itti fufa.
Dafee akka si qaqqabuuf godhaa

Address

Holeta
WORK

Telephone

+251929059422

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dirmammuu baraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Dirmammuu baraa:

Share