Asendabo TVET College

Asendabo TVET College Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Asendabo TVET College, College & University, Asendabo City, Jimma.

Kolleejjii  BLTO  Asandaaboo *Eebla 24/2016 Ministeera  Carraa  Hojii  Uumuu  fi  Ogummaa  Federaalaa fi Wajjiira Carraa...
07/05/2024

Kolleejjii BLTO Asandaaboo
*
Eebla 24/2016 Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Federaalaa fi Wajjiira Carraa Hojii Uumuu Godina jimmaa fi Wajjiira Carraa Hojii Uumuu Aanaa omoo Naddaa irraa dhufan waliin mar'ii gaggeesse.
*
mariin kunis dhimmaa dhiheessii humna nama baratee fi oomishaa fi oomishtummaa Paarkii Industirii Jimmaaf dhihessuu irratti kolleejjiin BLTO Asandaaboo akka humna ga'aa qabaachuu isaa qorannoo gaggeessuf turee.
**
Akkaataa qorannoo fi cheekilistii qorannoo isaanii irratti hundaa'uudhaan kolleejjiin BLTO Asandaaboo dhiheessii humna nama baratee industirii paarkii Jimmaatif yeroo gabaabaa keessa humna nama barateefi oomishuu danda'u akkata fedhii industirii keenyaatin dhiheessuuf humna gahaa fi qophii barbaachisu hunda qabaachuu isaa hirmaattonni kaasanii jiru.
****
mariin keenya ministeera carraa hojii uumuu federaalaa irraa dhufan Obbo Zariihun fi Obbo Marqoos waliin taasifne haala gaariin goolabameera.
****
Dhuma irrattis Daawwaannaa hojiiwwaan garaa garaa kolleejjicha keessatti hojetamaa jirus daawwataniiru.
****

Galatooma !

๐Ÿ‘ Ministeera Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Federaalaa.
๐Ÿ‘ Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Jimmaa
๐Ÿ‘ Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Omoo Naddaa

** Kolleejjii BLTO Asandaaboo*

11/03/2024
Kolleejjii  BLTO  AsandaaboottiBitootessa 2/2016 Leenjiin Ijaarsa danddeettii Leenjistootaa fi Hojjettootaa Cimsu  kolle...
11/03/2024

Kolleejjii BLTO Asandaabootti
Bitootessa 2/2016 Leenjiin Ijaarsa danddeettii Leenjistootaa fi Hojjettootaa Cimsu kolleejjii BLTO Asandaabootti kennamuu eegaleera.
*******
Keenjii kanas kan jalqabsiisan Itti gaafatamaa Wajjira paartii badhaadhinaa Aanaa Omoo Naaddaa kan ta'an Obbo Amiin Shekalifaa banuudhaan barbaachisummaa leenjii ibsuudhaan leenjistootni fi hojjetootni kolleejjii osoo hin harca'iin hirmaatonni itti fufuu akka qaban dhaamaniiru.
*******
Leenjii kanas kan dursan itti gaafatamaa wajjiira Bulchiinsaa aanaa omoo naddaa obbo Abbas Tamaam fi itti gaafatamaan WCHUO aanaa Obbo seefuu Kamaal tuutaroota qabatanii leenjiin kun haala gaariidhaan jalqabee itti fufee jira.
*******
Leenjistootni fi hojjettotni kolleejjii keenyas harcaatii malee hirmaatani jiru.

KOLLEEJJII BLTO ASANDAABOO

๐‘จ๐’”๐’†๐’๐’…๐’‚๐’ƒ๐’ ๐‘ป๐’๐’˜๐’ ๐‘ช๐’Š๐’•๐’š  ๐‘ฎ๐’‚๐’•๐’† Kolleejjiin  BLTO Asandaaboo  Amajjii 17.2016  Seensa Magaalaa Asandaaboo (๐‘จ๐’”๐’†๐’๐’…๐’‚๐’ƒ๐’ ๐‘ป๐’๐’˜๐’ ๐‘ช๐’Š๐’•๐’š  ...
27/01/2024

๐‘จ๐’”๐’†๐’๐’…๐’‚๐’ƒ๐’ ๐‘ป๐’๐’˜๐’ ๐‘ช๐’Š๐’•๐’š ๐‘ฎ๐’‚๐’•๐’†
Kolleejjiin BLTO Asandaaboo Amajjii 17.2016 Seensa Magaalaa Asandaaboo (๐‘จ๐’”๐’†๐’๐’…๐’‚๐’ƒ๐’ ๐‘ป๐’๐’˜๐’ ๐‘ช๐’Š๐’•๐’š ๐‘ฎ๐’‚๐’•๐’† )Hojjechaa ture haala gaariin xumuruudhaan bulchiinsa magaalaa Asandaaboof dabarsee kennera.
============***********////////
Kolleejjiin Keenya hojii kalaqaa fi qulqullina qabu hojjechuudhaan hawaasa naannoo isaatiif dhiheessaa kan jiruu fi walittii dhufeenya guddaa uumuudhaan hawaasa naannoo isaatii waliin hojilee garaagaraa hojjechaati argama.
============***********////////
Kanaafuu namoonni tajaajila hojii sibilaa, barrii manaa (frenchdoor), city gate, teessoo mana barnoota fi kanneen biroo hojjechiisu barbaaddan karaa qulqullina guddaa qabuu fi si'ataa ta'een yeroo isin barbaaddan keessatti hojjennee isinii kennina isiniin jedha.
============***********////////
Kanaaf namonnii tajaajila kana barbaaddan hundi akkataa fedhii keessaniin ajajan isiniif hojjenna.
============***********////////
Leenjistoonni keenya ๐‘ช๐’Š๐’•๐’š ๐‘ฎ๐’‚๐’•๐’† kana haalaan akkana miidhagsitanii hojjettan galata guddaa qabdani. Ulfaadhaa baay'ee galatoomaa !
:_ Birahaanuu Bayyanaa fi
:_ Arabuu Shamsuu Galatoomaa !!๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
============***********////////
Kolleejjii BLTO Asandaaboo

Kolleejjii  BLTO  Asandaaboo tti :::::::::::==============:::::::::::///Muddee 8, 2016 kolleejjiin  BLTO  Asandaaboo  le...
18/12/2023

Kolleejjii BLTO Asandaaboo tti
:::::::::::==============:::::::::::///
Muddee 8, 2016 kolleejjiin BLTO Asandaaboo leenjii KAIZEN Hojjetoota Wajjira Carraa Hojii Uumuu, Wiirtuu Tajaajila kennaa Iddoo Tokko fi Leenjistoota kolleejjitif Leenjii guyyaa har'a kennaa oolera.
:::::::::::==============:::::::::::///
Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Wajjira Carraa Hojii Aanaa Omoo Naaddaa Bakka Bu'uudhaan Abba Adeemsa Tajaajila Industirii Ekisteeshinii kan ta'a Obbo Mika'el Walda Gabre'el akka jedhanitti Leenjiin kun intarpiraayizootaaf tajaajila ekisteenshinii industirii gahumsaaf qulqullina qabu kennuun intarpiraayizoota bu'uura industirii ta'an baay'inaan horachuuf leenjiin kun murteessaa ta'uu isaa ibsaniiru .
:::::::::::==============:::::::::::///
Leenjiin kunis dandeettii raawwachiisummaa ogeeyyii Tajaajila Ekisteenshinii Industirii fi KAIZEN sadarkaan jiranii cimsuun karoora gama kanaan qabame milkeessuurratti kan xiyyeefate ta'uu ibsaniiru.
:::::::::::==============:::::::::::///
leenjiin kunis intarpiraayizootaaf tajaajila ekisteenshinii industirii paakeejii guutuu beekumsarratti hundaa'e taasisuun oomishaafi oomishtummaa intarpiraayizootaa guddisuun imala badhaadhinaa eegalame galmaan ga'uudhaaf abdii guddaa kan ittiin horataniidha.
:::::::::::==============:::::::::::///
Kolleejjii BLTO Asandaaboo

๐พ๐‘œ๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘—๐‘—๐‘–๐‘–  ๐ต๐ฟ๐‘‡๐‘‚  ๐ด๐‘ ๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘œ๐‘œ:::::::::::::::::::::*::::::::::///Jilli I/G Misooma Magaalaaf Manneenii Godina Jimmaa Obbo ...
29/11/2023

๐พ๐‘œ๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘—๐‘—๐‘–๐‘– ๐ต๐ฟ๐‘‡๐‘‚ ๐ด๐‘ ๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘œ๐‘œ
:::::::::::::::::::::*::::::::::///
Jilli I/G Misooma Magaalaaf Manneenii Godina Jimmaa Obbo Yahyaa Aliyyiif Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Aanaa O/Naaddaa Obbo Amiin Shekalifaa Kolleejjii BLTO Asandaaboo Dawwatan
=============&=======
Sadaasa 19/2016, Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti Kolleejjiin BLTO Asandaaboo Hojii isaa idilee leenjii ogummaa kennuun cinaatti hojii inisheetiiviitii akka habaabii fi hojiiwwan gurguddoo mooraa kolleejjichaa keessatti hojetamaa jiruu daawwachuudhaan hojiiwwan kolleejjii keessatti kalaqaafi ariitiidhaan hojjetamaa jiran baayee kan jajjebefamuufi hawaasa nannoo bira gahuu akka qabuu dhaamaniruu.
=============:::::::::::::::***////
Akkasumas qophiin simmannaafi kaka'umsii hubannoo hawaasatti umamaa tures gaarii ta'uu isaafi kana caalattii hawaasni hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
=============:::::::::::::::***/////
Barattootni bara 2015 qormaata galumsa yuniversitii fydhatanii mana jiran hundii isaa gara kolleejjii BLTO Asandaabootti dhufuudhaan ogummaa kollejjicha keessatti kennamaa jiru kana keessatti galmaa'uudhaan abba ogummaa ta'anii ofii isaaniifi hawaasa naannoo isaanif carraa hojii uumuudhaan hojii eegatumma irraa gara hojii uumutti akka dhufaaniif ergaa guddaa dhaamaniruuf
===============::::::::::::::::***/////
killeejjin BLTO bakka ogummaan itii dhalatuufi itti guddachuudhaan hawaasa naannoo isaa bira gahuudhaan jireenya nama dhuunfaa bira darbee hawaasa naannoo jijjiiruufi guddina biyya keenya ogummaadhaa gonfachiisuudhan qaroomina biyya keenyaa bakka itti mirkannaโ€™u dha.
===============:::::::::::::::::*****////
Kanaaf carraa guddaa qabnu kanattii fayyadamuudhaan dhufanii leenjii oguummaa akka leenji'aaniif dhaamsa isaanii dabarsaniiru
===============::::::::::::::::*****/////
Itti Gaafatamaan Di

Duula sosochii simannaa Kolleejjii BLTO Asandaaboo harra 9/3/2016 magaala Aallee fi Bonayyatti bakka itti gaafatamaan Ca...
19/11/2023

Duula sosochii simannaa Kolleejjii BLTO Asandaaboo harra 9/3/2016 magaala Aallee fi Bonayyatti bakka itti gaafatamaan Carraa hojii uumuu fi ogummaa godina jimmaa, itti gaafatamaa carraa hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Oomoo Naddaa, keessuummoonnii Oromiyaa fi kantiibonnii magaalaa lachan argamanitti hubannoo gaarii ummata naannichaaf haalaa ho'aa ta'een kennamee jira. Nutis galatooma jechaa Kolleejjiin keenya qophii hunda xumuree Anaa dhufuu kottaa abbaa ogummaa gabaan Adunyaa barbaadu isiin goona jedha.

OMISHA HABAABII KBLTO ASANDAABOO
16/11/2023

OMISHA HABAABII KBLTO ASANDAABOO

Address

Asendabo City
Jimma

Telephone

+251471110021

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asendabo TVET College posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share