26/08/2024
"Mariin Nageenyaa Godinaalee fi Magaalota Ollaa Godina Jimmaa Hirmaachise,Magaala Jimmaa Irratti Gaggeeffame!"
===========
Hagayya 20/2016
Mariin Haala Woliigala Hojii Nageenyaa irratti xiyyeeffate, Godinootaa fi Magaalota Ollaa Godina Jimmaa hirmaachise,Magaalaa Jimmaa Irratti Gaggeeffame.Maree kana irratti argamuun kan mariisisan Hogganaa Ittaanaa Izzii Daalool Jeneraal Abdurroo yommuu ta'an,Godinaaleen ollaa Godina Buunnoo Beddellee, Magaalaa Beddellee, Aggaaroo fi Magaalaan Jimmaa kan irratti himaatan yoo ta'u,haala hojii nageenyaa waliigalaa naannoo daangaa fi sochii keesoof alaan walqabatee hojiin hojjetamaa jiru maali akka ta'ee fi sadarkaa maaliirra akka jirus marii kanaan ilaalameera.
Keessattuu Aanoleen Daangaa Godinaaleef Magaalota irratti argamanu irratti xiyyeeffachuun haalli diinaa fi finxaaleeyyidhaan wolqabatee jiru gadi-fageenyaan qoratamee kallattiin gara fuulduraas kennameera.
Hogganaa Ittaanaan Izii Daalool Jeneraal Abdurroon akka jedhanitti Nageenyi bu'uura hojiwwan hundaafi jireenya dhala namaa ta'u eeranii, biyya kana keessatti nangeenya amansiisaa fiduun kan danda'amu nageenya kan hawaasaa taasisuun qindoomina ummataafi qaamolee nageenyaa akkasumas qindoomina hawaasa daangaa gamaafi gamanaa cimsuun misoomni itti fufiinsa qabu biyya keenya keessatti akka jiraatu hojiin wol-irraa hin cinnee hojjatamaa jiraachus ibsaniiru.
Marii kana irratti itti gaafatamtoonni Bulchiinsaafi Nageenyaa Godinotaafi Magaalotaa akkasumas Ajajoonni Poolisii, Bulchinsaaf nageenya Aanaalee fi itti gaafatamtoonni Milishaa Aanolee hundi qooda fudhataniiru.
"Bulchuun Nageenya!"
"ሰላምን ነው ማስተዳደር!"
"Leading Is Peace!"