Suraf Oro

Suraf Oro I don hve business

04/08/2022
23/11/2021

1Yoh. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁹ Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.
¹⁰ Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.

Dubbisi si fayyadaati
29/09/2021

Dubbisi si fayyadaati

🤔Maal Gatii Qaba🤔
================
Dubartin suura ishee argitan kun Kirisda Rodargez jedhamti. Dizayinera fi barressituu yoo taatu, Addunyaa irratti beekkamtu fi Haadha Qabeenyaa turte.

Maarree Dubartin beekamtu fi Qabeenyi irra hafe kun, dhukkuba kaanseriidhan du'uu isheetin dura yaadanno ishee irratti akkas jettee barreessite....

1👉 Konkolaatan Addunyaa kana irratti jira jedhame fi gatin isa baay'ee minyawa ta'ee mooraa kiyya keessa dhaabate jira. Mal gatii qaba Ani amma Wilcheriidhani socho'a.

2👉 Mana koo keessa wayyaa dizayini babareedadhan hojjatamani fi qophe baay'ee gatii isaanii minyawa ta'etu jiru. Mal gati qaba amma wayyaa haphii mana yaalaatii naf kename uffadhen siliperi godhadhee jira.

3👉Lakkofsa Bankiikorra maallaqa biliyonan lakkawamutu jira. Garu na fayyisuu hin dandenye maal gatii qaba.

4👉Mannikoo Gamoo abba darbii 8titi siree baay'ee bareedutu keessa jira. mal gatii qaba amma kunoo Hospitaala kutaa xiqqo tokko fi siree xiqqo tokkorran ciisa

5👉Dur Hoteela abba urjii 5 ti gara Hotela abba urjii 10 jechan akka barbaadetti jijijjiiree keessatti bashanana ture. Mal gati qaba Har'a kunoo kutaa labratorii tokko gara kutaa labratoori tokkottin darba jira.

6👉 Dur namoota kumaataman lakkawamantu "si aja'ibsifanna" nuf mallatteessi" jedhe na rakkisa. Har'a garuu Doktarri na yalurre "Naf mallatessi"nan jedhe hin beeku.

7👉Dur dabbasa koo kanan ittin kukkulladhu Dayimendii fi Warqee gosa 7n qaba. Har'a garuu akkas gochuu hin danda'u sababni isaas dabbasaa hin qabu.

8👉Dur Xiyyaara mataakootinan qofa koo addunyaa kanarra iddoo barbaade dhaqee bashannana ture. Har'a garuu gadi ba'e qillensuma fudhachufillee gargaarsa nama 2 na barbaachisa.

9👉Dur manakoo keessa nyaata barbaade filadhen nyaadha. Har'a garuu kinini tableti laman akka nyaatatti nyaadha.

"Kun Hundumtuu Qabeenyaa ani qabu ture.Garuu mal gatii qaba dhukkubakoorraa na fayyisuu hin daandeenye. Hamma guyyan foonkoon du'u murteffameera. Garuu Yesus isa jireenya barabaraa Kennutti fi isaa karaa fi dhugaa ta'etti Wanan amaneef lubbuun koo gara goofta ishee deemti" jettee guyyaa lammaffattis gara goofta ishee deemte.
=================
Obboleessa koo obboleettii koo seenan dubartii kanaa tarii ergaa keedha. Ati amma akkamitti jirta?

Tarii amma yeroo ergaa kana dubbistu siree keetirra dhukkubsatte ciistee jirta ta'a, ykn immo foon kee kana fayyifachuuf jettee Hospitaala keessatti rakachaa jirta ta'a. Nama koo tarii foon kee dhukkubsate kana sif yaalani fayyita ta'a. garu lubbu kee ishe cubbuudhan dhukubsatte kana Yesus malee omtu sif hin fayyisu. Yesusin amantee Lafarra lubbun kee yoo dabarte biyya dhukkubni, gadadoon, qocolloon fi nagaa dhabun hin jirre dhaqxa. Waa lama dhabdu hin ta'in, amma iddodhuma cistee jirtutti murteessi Yesusin akka fayyisaa lubbuu keetti godhii fudhadhu.

Ilaamee inni fayya qabattee burraqaa jirtus sittan hima na dhaga'i..."inni na baasa, na fayyisa qabeenyaa kooti" jette qabattee jirtu calaqqeen biyya lafa kun hundumtuu akka fixeensa ganamaati.

🔹Qarshiin kee siree sif bita malee hirriba sif hin bitu

🔹Qarshin kee mana sif bita malee nagaa sif hin bitu.

🔹Qarshin kee foon kee kukkuula malee fayya sif hin bitu.

🔹Qarshiin kee biyya kanatti si beeksisee galmen jireenya sin beeku taanan mal gatii qaba.

Michuu koo na dhaga'i kan ati of harka qabdu hundi fonkelle utuu hin hafne tortoree bada. Yesusin fayyisakee hin godhanne taananis lubbun kee barabaraan gubatti.

Har'i guyya fayyina keetiti isa kan kooti jette baatte jirtu hunduma lafa kaa'i gara Kristoos koottu. Isa qofatu jireenya bara baraa sif kenne si boqochiisa.

YESUSIN HIN QABDU TAANAN GATII HIN QABDU JIREENYA BARABARAAS HIN QABDU.

“Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6
=================
Ergaa kana Lubbu tokkof dabarsi.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Barumsa dabalataaf

Youtube👉https://youtu.be/y-7v6C3ISRY
Tiktok👉
Instagram 👉
Telegram 👉

Faaruu keessan SOLDAN Studio tti qindessifachuf
👉0920583990
👉0922384530 Adress:- Holata

♥
15/12/2020

Shanee koo
10/01/2020

Shanee koo

30/12/2018

Address

Orphans Children Are Found To Live On Streets
Jimma
JIMMA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Suraf Oro posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Suraf Oro:

Share