22/11/2023
Qindeessaa muuziqaa fi weellisaa Dinqisaa Dabalaa rakkoo dhibee namatti himachuuf ulfaatuu fi yoo himatanis salphaa fakkaatu garuu immoo taa'uu fi ka'uu nama dhoorkuun Kintaarotii (Hemorrhoid) eega qabamee bulee, tutturee jira.
Dhukkubni kun eega itti dhufe har’a waggaa 10 guuteera. Ka’uumsi dhukkuba kanaas yeroo hedduudhaaf taa’aa turuufarraa akka namatti dhufu beekamaadha. Innis hojiin isaa qindeessaa muuziqaa waan ta’eef hojii kanammoo taa’ee waan hojjachaa tureef kanumarraan dhukkuba kanaaf saaxilame.
Hojiif biyya Baahireen yeroo deeme yaala baqaqsanii wal'aanuu argatus, wal'aansa san seeraan osoo hin xumurin biyyatti deebi'ee. Madaan sunis deebi'ee itti hammaatee ammas haala dhagahuus ta'ee ilaaluuf nama rakkisuun madaa kana baachaa akka dubartiitti dhiiga harcaasaa imaluun dirqama eega itti ta'ee bubbulee jira. Sababuma kanaan erga hojii dhaabees turee jira. Maatiin isaatis rakkoo ulfaataa keessa jiru. Waan dandeessaniin mucaa kana cinaa akka dhaabbataniif waamicha Oromummaa kabajaan isinii dhiheessa. Karaa TikTokn guyyaa jimaataa kan walitti qabamuuf yoo ta'u, Gofund me warri banuun akka gargaaramu warri gargaaruu dandeessan yoo jiraattan nu cinaa dhaabbadhaa. Quunceen wal gargaartee arba hiiti.
Ulfaadha !
1000480185386 Dinkisa Debela
Commertial Bank of Ethiopia
013201247568900 Dinkisa Debela
Awash Bank!
Lammitu Lammiif......