Badhaadhinaa Siyaasa Oromoo

  demonstration in America including all black Africans!!America stop support terrorist groups for the sake of successfu...
03/09/2022

demonstration in America including all black Africans!!

America stop support terrorist groups for the sake of successful politics in the horn of Africa!!

Ethiopian community and many African countries including war pressures of western countries in Africans must stop!!

America stop war against black Africans!!
Americans stop terrorist support for the sake of benefit only!!

Yaa haadhaa. Dugda kee gadi qabdee dugda keenya ol qabde.Dugdi haadhaa gadi jennaani dugdi ilmaanii kan inni ol jedhu.Ha...
19/02/2022

Yaa haadhaa. Dugda kee gadi qabdee dugda keenya ol qabde.
Dugdi haadhaa gadi jennaani dugdi ilmaanii kan inni ol jedhu.
Haati yoomuu hin rakkatin. Guyyuu haa gammaddu.
😍😍HARMEE OOLMAAN KEE HIMAMEE HIN DHUMU😍😍

13/01/2022
12/11/2021

“Waraana amma keessa jirruf bu’urri rasaasa otoo hin taane
oduu sobaati”
-Doktar Abiyyi Ahmad
=======================
Waraana amma keessa jirruf bu’urri rasaasa otoo hin taane
oduu sobaati jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad
sagantaa “Addis Wag, mata duree Waamicha birmadummaafi
duula biyya baraaruu” jedhun gaggeeffamerratti argamuun
dubbataniiru.
Diinni yoo sobe qaamni isa gaafatuufi akka hin sobne kan isa
dhorku waan hin jirreef akka barbaadde sobuufi oduu
pirooppaagaandaa tamsaasuu danda’a jedhanii, mootummaan
garuu akka isaanitti sobuufis ta’ee oduu pirooppaagandaa
tamsaasuuf hamilee hin qabu jedhaniiru.
“Injifatamuun seenaa keenya miti” kan jedhan Doktar Abiyyi,
Itoophiyaa gara nageenya amansiisaasheetti deebisuuf
hojjetamaa jira jedhaniiru.
“Itoophiyaan seenaa hedduu qabaattus, waggoottan 30f hojiin
obboloota qoqqoduu sirriitti irratti hojjetameera” jedhaniiru.
“Itoophiyaan qormaatawwan kunneen keessa obsaafi
injifannoon dabartee biyyoota biroof fakkeenya akka taatuuf
waareegamawwan hedduu kanfalaa jirra” jechuusaanii Waajjira Ministira Muummeetu gabaase.
Naannawaa keessaan eegaa
Raayyaa ittisaa deeggara
Adda waraanaatti duulaa
Raayyaa ittisaa deeggaraa

16/10/2021

Muudamni Koree Qindeessituu Aanaalee fi Bulchiinsa Magaaloota Godina Hararagee bahaa Ifoomeera.
1Aanaa Cinaaksan
•Abdunasir Mahammad Bulchaa Aanaa•
•Taajuddin Abdukarim I/A Bulchaa
•Mahammad Jamaal I/G paartii
•Mahammad Abraham I/G Siyaasaa
• Zuleeykaa Haashim I/G Ijaarsaa

2 Aanaa Jaarsoo
•Abduqadir Dasii Bulchaa Aanaa
•Fu'aad Ibraahim I/A Bulchaa
•Sharaf Aliyyii I/G Paartii
•Bayyaan Mahammad I/G Siyaasaa
•Jowaraa Abdallaa I/Ijaarsaa

3,Aanaa Dadar
•Mahammad Ramadaan Bulchaa Aanaa
•Fesal Aliyyii I/Bulchaa
•Maruwaan Mahammad I/G paartii
•Tamiimaa Ahimad I/G Siyaasaa
•Warquu Kiflee I/G ijaarsaa

4,Bulchiinsa Magaalaa Awwaaday
•Diinoo Again Kantiibaa
•AhmadNasir Abrahim I/A Kantiibaa
•Abiyyuu Tarreessaa I/G paartii
•Aliyyii Husseen I/G Siyaasaa
•Abadir Abraahim I/G ijaarsaa

5,Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee
•Kadir Gannaa Kantiibaa
•Ababaa Lammii I/Kantiibaa
•Musxafaa UmarI/G Paartii
•Mahammad Jamaal I/G Siyaasaa
•Foziyaa Mahammad I/G ijaarsaa
6Aanaa Haramaayaa
•Dr.Aqil Usmaan bulchaa
•Dr Jamaal Mahammad I/Bulchaa
•Alim Baker I/G paartii
•Lammeessa Ayyaanaa I/G Siyaasaa
•Muhadin Ahimad I/G ijaarsaa

7,Aanaa Baabbilee
•Taajuu Adam Bulchaa
•Andinat Dababaa A/Bulchaa
•Malikaa Mahammad I/G paartii
•Xayiyib Kalifaa I/G Paartii
•Musxafaa Mahammad I/G ijaarsaa
8,Aanaa Meettaa
•Aliyyii Mahammad Bulchaa
•Mahammadnur Bakar I/A Bulchaa
Maaruf Abdujabbaar I/Paartii
•Gammachuu Soorii I/G Siyaasaa
•Iftuu Ziyaad I/G ijaarsaa

9/Aanaa Qumbii
•Suruur Abdusalam Bulchaa
•Mahammad Tofiq I/A Bulchaa
• Iliyaas Mahammad I/Paartii
•Mahammad Hassoo I/G Siyaasaa
•Adam Hussen I/G ijaarsaa

10,Bulchiinsa Magaalaa Dadar
•Maannoo Soorii Kantiibaa
•Taajir Mummeed A/ Kantiibaa
•Iliyaas Shamshadin I/G Paartii
•Sufiyaan Yuuyyaa I/G Siyaasaa
•Helen Mahammad I/G Ijaarsaa

11,Aanaa Qarsaa
•Abdii Mahammad Bulchaa
•Saladin Yusuf I/A Bulchaa
•Jamaal Jamaal I/G paartii
•Mosisaa AbdisaavI/G Siyaasaa
•Shaamee Abdosh I/G ijaarsaa

12,Aanaa Gooroo Muxii
•Jamaal Mahammad Bulchaa
•Ashrafaa ya

Badhaadhinni Diina Hattuuti!======================Daandiin badhaadhinaa hattuu fi gantuuf mijataa miti. Badhaadhinni dii...
10/10/2021

Badhaadhinni Diina Hattuuti!
======================
Daandiin badhaadhinaa hattuu fi gantuuf mijataa miti. Badhaadhinni diina hattuuti! Hattuun jiraannaan badhaadhinni hin jiru. Kanaaf badhaadhinni hattuu mancaasee ofiif jiraata. Badhaadhinnii fi hattuun tasumaa waliin hin deemaan! Hattuuf gantuun har'a lafa dhiphisu kun gaafa Ida'amuun dhalatu warra lafa jala dhokatee, wayyaanee fi shaneef daandii ta'uuf yaala turedha. Har'a ammoo hoggansa tokko faarsaa tokko cabsaa kan deemu inni diina ilmaan oromoo maraati. Diinni keenya hattuu fi gantuu maqaa Oromoo fi Oromummaan daldaltudha. Daandiin badhaadhinaa hordoftoota daandii haqaaf mijata. Sobduu hin keessummeessu. Hattuus ta'ee gantuu kaleessa dukkana keessatti nu gatte tasumaa har'a hin simatu. Warri garee ijaaree hanna bare sun abjuu sobaa abjoota. Akkuma gareen sobduu fi hattuu ijaarame gareen daandii haqaa hordofu ijaaramee garee diina badhaadhinaa ni burkuteessa.

Badhaadhina lafa gurgurree, osoo hin taane itti jibbamnee aarsaa lubbuu itti kanfalleetu asiin geenye. Badhaadhinaan qoosaan hin jiru. Gaafa namni maqaa badhaadhinaa waamuun itti ulfaachaa ture sana badhaadhinni paartii keenya ta'uu, ida'amuun galma keenya ta'uu ifatti baanee himne! Har'a hattuun safuu fi saalfii hin beekne hooggansa oromoo gargar qooddee ofiif daandii hannaa banachuuf hooggansa tokkko faarsitee tokko maqaa balleessuuf yeroo yaaltu baay'ee nama saalfachiisa.

Qabsoon haala mijataa barbaadu ofittummaadha. Qabsoo keessatti haalli mijataan hin barbaachisu. Haala mijataa keessattis, haala hin mijanne keessattis qabsoon ni geggeeffama. Warri ruuqa gumbii turtee har'a maqaa badhaadhinaan fokkortu xiqqoo osoo saalfattee gaariidha. Kaleessas har'a wal beekna waan ta'eef yoo of qusatan bareeda! Qaanqeen Badhaadhinaa kaleessa wangoota keessatti qabattee har'a hubdaaf ifte kun biyya keenya Itoophiyaa qofaaf miti guutuu addunyaaf akka ifu shakkii hin qabnu! Qaanqeen har'a fagootti boba'e kun hattuu gubee balleessa! Badhaadhina ammoo hundeen mirkanee

03/10/2021

Ummanni mootummaa haaraa hundeeffamurraa maal eega?..
Ummanni Itoophiyaa yeroo duraaf filannoo haqa qabeessa, nagaafi dimokiraatawaa gaggeessuun mootummaa haaraa hundeeffachuuf jalabultiirra jira.

Ummanni biyya kanaa dheebuu misoomaafi dimokiraasii qabu sirnoota darban keessatti argachuu hin dandeenye. Fedhii garee tokkoo humnaan itti fe'uu malee fedhiifi gaaffiin ummataa eegamee hin beeku. Hacuuccaafi miidhaan ummatarra ga'aa tures daangaa hin qabu.

Ummanni biyyattii garuu dhiibbaa ture ofirraa fonqolchuuf qabsoo taasisen injifannoo isaa gonfateera. Injifannoo argame kanas lafa qabsiisuuf filannoon mirkaneeffateera.

Bu'aa filannichaarrattis hundaa'uun mootummaan haaraa ni hundaaffama.

Ummanni mootummaa haaraa hundeeffaturraa maal eega?
Qophiin mootummaa'oo maal fakkaata?

Ummanni gaaffii diimokiraasii, tajaajila haqaa, dinagdee, wal qixa fayyadamuufi nageenyi isaa akka mirkanaa'uuf barbaada.

Mootummaan haaraa hundeeffaamus dhimmoota kanneeniifi kan biroorratti xiyyeeffatee karooraan deebisuuf hojjetaa jira.

*Diimokiraasii- Erga mootummaan jijjiiramaa dhufee as dimokiraasii dhugaa lafa qabsiisuuf jaqabbii guddaatu jira. Dimokirasii kaleessa waraqaa qofaarra ture hojii hojjetameen har'a ummanni qabatamaatti itti fayyadamuu eegaleera. Sirni diimokiraasii yeroo tokkotti hin ijaaramu. Adeemsa qaba. Kana gochuuf ammoo ga'ee mootummaa qofa gadhanii ilaaluurra hunduu waan irraa eegamu guumaachuu qaba.

*Tajaajila siya'ataa- rakkoon guddaan furmaata barbaaduufi ummannis mootummaa haaraa hundeeffamurraa eegu inni biraan kenna tajaajila haqa qabeessa argachuudha. Ummanni tajaajila dhaabbilee mootummaarraa barbaadu siyaa'inaan, qulqul'inaafi baasii addaaf osoo hin saaxilamin argachuu qaba. Tajaajila qarshiin bitachuu hin qaba. kana dura tajaajila argachuuf baasii hin malleefi yeroo isaa qisaasessaa tureera. Kanaan booda garuu mootummaan haaraa hundeeffamu hattuufi kachachaltuuuf obsa hin qabu. Ummannis kana hubatee mootummaa waliin ta'uun hattoota saaxiluu qabu.

Send a message to learn more

ኢሬቻ — የጥንት የጠዋት ምንነቱ --------------------------------------(ይህ ፅሁፍ "ኢሬሳ/ቻን ስናውቀው" በሚል ርዕስ ከሁለት አመታት በፊት የፃፍኩት ነው፡፡)የሁለት ...
22/09/2021

ኢሬቻ — የጥንት የጠዋት ምንነቱ
--------------------------------------
(ይህ ፅሁፍ "ኢሬሳ/ቻን ስናውቀው" በሚል ርዕስ ከሁለት አመታት በፊት የፃፍኩት ነው፡፡)

የሁለት ምልከታዎች ወግ፡-

ይህ አጭር ዳሰሳ ታሪካዊ አይደለም፤ አንትሮፖሎጂያዊ ነው፤ ታሪክ በጊዜ ማዕቀፍ (temporality) የተቀነበበ፣ በዋናነት የለውጥ በመጠኑ ደግሞ የቀጣይነት ጥናት ነው፡፡ ኢሬቻ በጊዜ ሂደት ከጥንተ-ተፈጥሮው የለውጥ ሂደት ቢያስተናግድም፣ ይኽ ዳሰሳ ግን የጊዜ ማዕቀፍ የማይገዛው (atemporal) ነው፤ ከለውጥ ይልቅ የኢሬቻን ጥንተ-ተፈጥሮ ምንነት ለማሳየት የሚሞክር አንትሮፖሎጂያዊ እይታ ነው፡፡ ሁለቱን እይታ አለመለየት ለኢሬቻም ሆነ ሌሎች ብዙ ባህሎችና ትውፊቶች ስሁት ምልከታዎች ምክንያት ሆኗል የሚል ግምት አለኝ፡፡ (ብሽሽቅና ፖለቲካዊ አለማ ያነገቡ ማራከሶች ሳይረሱ፡፡)

ኦሮሞ እውነታን (Reality) በሶስት አንጓዎች ያስቀምጣል፡፡ እነሱም (1) Uumaa (ኡማ) ወይም Waaqa (ዋቃ)፣ (2)
Uumamaa (ኡማማ) እና (3) Safuu – (ሰፉ) ናቸው።

ለአረዳድ እንዲያመች ከሁለተኛው - ‘Uumamaa’ እንጀምር፡-

1) Uumamaa – (ኡማማ)
*************
ኡማማ፣ የ‹ቁሱ›ም የ‹መንፈሱ›ም አለም ወይም ፍጥረት ሁሉ ማለት ነው፡፡ ፍጡራን ወይም ተፈጣሪን በሙሉ ከነ’አርያም አሠራር' (cosmic order) ያጠቃልላል፡፡ በነገራችን ላይ፣ ኦሮሞ ፅርአ-አርያሙን (Universe’ን) “Walaabuu” (ዋላቡ) ብሎ ነው የሚጠራው፡፡ የፍጥረት ሁሉ መገኛ አድራሻ ለመጠቆም የሚገለገልበት ቃል ነው፡፡ ከአለቃ ታዬ ጀምሮ የመጣው “ከውሃ ወጡ” የሚል ትረካ ገና ድሮ መናቅ ነበረበት፤ የኦሮሞ ጥንታዊ መገኛ “Madda Walaabuu” (ማዳ ዋላቡ - የዋላቡ ምንጭ) ነው ተብሎ በየታሪክ መጻሕፍቱ የተከተበው ከፍ ያለ ስህተት ነው፡፡ የወላቡ ምንጭ ስያሜ፣ ትልቁ ዋላቡን በዚያች ትንሽዬ ምንጭ የማስታወስ ትዕምርታዊ ውክልና ነው፡፡

2) Waaqa (ዋቃ)
**********
የኦሮሞን concept of "Waaqaa" በአጭሩ ማስቀመጥ ከባድ ነው። የሆነ ሆኖ፣ አምላክ፣ Divinity፣ God" እንደማለት ነው፡፡ ‹ዋቃ› አልፋና ኦሜጋ ህልው ነው፡፡ ዋቃ የሆነውን ሁሉ አስገኚና አስቀጣይ (sustaining) ነው፡፡ በክርስትና “ሰማይና ምድርን የፈጠረ፤ የሚታየውንና የማይታየውን” እንዲል ፀሎተ ሀይማኖት፡፡ ዋቃ፣ ፍፁም፣ ዘለዓለማዊና አልቦ-ወሰን ነው፡፡ ዋቃ ባለብዙ እሴት፣ ባላብዙ መገለጫ ነው፤ “Tokkicha Maqaa Dhibbaa” – (“አንድ ሆኖ ባለመቶ መጠሪያ”) የሚለው አባባል ለዚህ የቆመ ነው፡፡ (በክርስትና ስለኢየሱስ ከሚባል አንድ አሳብ ጋር ይመሳሰላል፤ “አንድ ሆኖ ስሙን አበዛቺው”፡፡)
ከነዚህ መካከል፣ “Gurraacha Garaa Garbaa” – “ውቅያኖስ ሆዱ ጥቁር ዋቃ” - የማይደረስበት ምንጭ፣ ሙሉ በሙሉ የማይገለጥ፤ ብቸኛው ኦሪጅናሌ የሚል አሳብ ይወክላል፡፡ “Abbaan dhugaa Waaqa” – የሚለው የእውነት ባለቤትነቱን ሲያስረግጥ “Leemmoo Garaa Taliilaa” የሚለው ደግሞ ንፅህና ባህሪው የሆነ የሚል አሳብ ይሸከማል፡፡


በዚህ ላይም፣ አንድ በድፍረት እና/ወይም ባለማወቅ የሚሰራ ስህተት ጠቁሜ ልለፍ፡፡ ዋቃ’ን “Samii (ሰማይ)” ዋቄፈታ’ን “ሰማይ አምላኪ” የሚሉ አሉ፡፡ አሁንም ጥንተ-ትርጉሙ ከዚህ ጋር አይገጥምም፡፡ በዚህ ላይ መሪ የሆኑ ምርምሮች የሚሉትን ለአብነት እንዳስስ፡-

ገለታ ቆሮ ባሰናዳው መዝገበ ቃላት እንዲህ ተቀምጧል፡-
Waaqa (capital

21/09/2021

!
Kangaleef yeroon ...
Pirezidaantiin MNO Oromiyaa kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa ajajaa waraanaa ABO Shanee Zoonii Kibbaa kan turan Obbo Goollicha Dheengee, biiroo isaanitti simachuun waliin mari’atanii jiru.

Waamicha mootummaan naannoo Oromiyaa humnoota hidhatanii daggala jiran karaa nagaattii akka deebi’aniif taasise fudhachuun qabsoo nagaatti deebi’uuf murteeffachuun murtoo sirrii fi bilchina qabudha kan jedhan Obbo Shimallis, warreen hafanis qabsoo nagaatti akka deebi’ani waamicha dabarsanii jiru.

Gaaffilee siyaasaa fi diinagdee ummatni Oromoo yeroo dheeraadhaaf wareegama itti kaffalaa ture adeemsa jijjiiramaati asitti hedduun isaanii kan deebii argatan yoo ta’u kan hafan ammo akka ummata Oromootti tokkummaa fi tumsaan dhaabachuun qabsoo karaa nagaatiin furachuun akka danda’amuu fi ajandaan siyaasaa Oromoo wal waraansatti galchu akka hinjirre Obbo Shimallis ibsanii jiru.

Ajajaa Waraana ABO Shanee zoonii kibbaa kan turan Obbo Gollicha Dhangee gama isaaniitiin biyyaaf qabsa'uuf wanti humna shororkeessaa TPLF wajjiin nu hiriirsu gonkumaa hinjiru, Mana warra gumaa seenuun maqaa qabsoo Oromoo xureessuu irraa fedhii kiyyaan karaa nagayaatiin faayidaafi fedhii ummataaf qabsaahuuf biiyya abbaa kootti galeera jedhanii jiru.

Armaan booda Oromoo jidduutti lolli jiraachuu hinqabu kan jedhan Obbo Gollichi ilmaan Oromoo qawwee baatanii karaa sirrii hintaaneen ulee dinoota ummata Oromoo ta’aa jiran fakkeenyummaa isaanii hordofanii karaa nagaatti akka deebi’an dhaamanii jiru.

Address

Addis Ababa
Miesso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhaadhinaa Siyaasa Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share