Jibril Abduljebar

Jibril Abduljebar - تلاوة القرآن الكريم - قِراءة القرآن الكريم Oromoo of Oromia

22/07/2025

America, Israel, Gaza, Ethiopia fi Egypt
****************************************
Ameerikaan humna ijoo addunyaati. Humna woraanaatiin kan isii gitu hin jiru. Diinagdeenis tokkoffaadha. Faayinaansiin addunyaa dollar ($) isiitiin geeggeffama. Teeknolojiinis addunyaa kan dursitu isiidha. Dipiloomaasiinis kan biyyoota funyoo itti dirtee naannessitu isiidha.

Pentagon yoo ilaalle— humna woraanaatiin addunyaan hundi cinaa tokko otoo goree isaan mohachuun itti ulfaata (woraana niiwukulaara hin makanneen jechuu kooti). Diinagdeen yoo ilaalle— gatiin oomisha mi’aa fi tajaajilaa (GDP’n) Kaalifoorniyaa qofaa bahu dachaa GDP biyyoota Afrikaa shantamii shananii wolitti dabalamee ta’uuf muraasatu hafaafi. Waa’ee dollar fi jiddugala faayinaansii New York (Wall Street) jiru fi dhaabbilee Washington jiran kan Ameerikaan naanneessitu kan akka IMF fi World Bank ilaaluun qoftis humni isii hangam akka gahu hubachuun ni danda’ama.

Handhuura argannoo fi teeknolojii addunyaa kan ta’e Silicone Valley achuma isaan bira jira. Maal kana qofa—industirii filmiitiin (Hollywood) jetta moo, kan muuziqaa jetta moo, dhaabbilee qorannoo fi barnootaa ijoo ta’aniin, qorannoo hawaa (NASA), tikaan (CIA fi kan birootiin) kan adduunyaa dursu Ameerikaadha. Maal kana qofaree—deeggarsa idla-addunyaa kennuu irratti kan isii (USAID) gitu hin jiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) iyyuu waan ittin jiraatu %25-tti kan hiiqu Ameerikaatu kennaafi.

Ameerikaan akka humna kana hunda qabduuf naamusa gaarii qabdi jechuu nu dandeesisullee; naamusa maleeettin akka isiillee hin jiru. Feetu mootummaa biyya walabaa tooftaan fonqolchiti. Kan faallaa isii deemuu fedhu qoqobbi diinagdee irratti buustee laamshessiti. Yoo sunillee itti muldhachuu dide biyya ollaa ykn mormituu biyya keessaa itti kaaftee ulee udaan tuqe gooti. Sunillee yoo aanjuufii dhabe ofumaa barartee dhaqxee tumti. CIA’n bara 1947 erga hundeeffamee as qofa fonqolcha mootummaa 50tti hiiqan (ifaan (10) fi harka lafa jalaatiin) akka milkeesse shakkama. Boombii niwukulaaraa kan magaalaa duuchaa daaratti deebisu, kan hoo’i isaa ilma namaa akka dhadhaatti bassee dhabama godhu—kan Heeroshimaa fi Nagasakii Jappanii irratti darbatte isima.

Ammas Israa’el ummata Gaazaa duguugdee lafa san akka fudhattuuf itti caldhisuu irra tartee, deeggarsa bifa garagaraa godhaafii jirti. Gaazaa boonbiin diigaanii fixuuf woma muraasatu hafe. Ummatni Gaazaa sodaatee fi beela’ee akka lafa isaa dhiisee baqatuuf yaaliin godhan hin milkoofne. Yaaliin ummata jiilchuuf iddoo raabsaa deeggarsa nyaataatti xiyyitiin tumuun ajjeesuus bu’a addaa fidaafii hin jiru. Ummanni asumatti dhumna malee Gaazaa isiniif dhiisnee hin deemnu ejjannoo jedhu qaba. Ameerikaa fi Israa’el ammoo iddoo ummata kana fe’anii itti darban barbaadaa jiru.

Silaa iddoon ummata kana itti godaansiisan—haala teessuma lafaatiin illee mijataan—biyyuma ollaa jirtu Masri (Egypt)dha. Egypt ni didde. Kan ammoo waa malee hin didne. Seenatu isiin akka diddu godha. Waan yeroo kana Egypt-iif cinqaa ta’e Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa (GERD) isanirraa dhaabna, isin ammoo ummata Gaazaa nurraa simadha jedhanis Masriin (Egypt) inuma didde. Maaf didde laata?

Akka seenaa irraa hubachuun danda’amutti, waldhabdee Paalistiinii fi Israa’eel irratti Mootummoonni Arabaa hanga Paalistiiniin fayyadan irra hamma isaan miidhantu caala.

Israa’el otoo hin hundaayin dura (bara 1948 dura) lafa amma Paalistiinii fi Israa’eel irratti woldhaban keessaa % 93 kan ta’u harka Paalistiinotaa ture. Lafa muraasa wohii qofatu Yahuudota Awuroopaa irraa dhumaatii duguuggaa sanyii Adolf Hi**er godhaa ture—Holocaust—dheessanii dhufaniin qabamee ture.

Bara 1947, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), lafti sun kan Paalistiinotaa ta’us, gara nyaattoo dhumaatii Yahuudota Holocaust irratti mudate irraa ka’uun, lafa % 55 ta’u Yahuudotaaf murteessuun, lafa %44 qofa ta’u ammoo Paalistiinotaa murteesse. Kun falmii cimaa kaase. Yahudonni murtee kana gammachuun akka simatan ibsan. Palistiinonnii fi Araboonni biroo murteen kun sirrii miti jechuun morman.

Yahuudonni bara 1948 haala daangaa UN murteesseen mootummaa fi biyya Israa’eel jedhamtu hundeessuu isaanii labsan. Kana hordofee borumtaa san woraanni ni ka’e. Biyyoonni Arabaa Shan (Masri, Jordan, Iraq, Sooriya, fi Lebanon) qophii malee, miiraan, borumtama san woraanatti seenan. Woraana seenan kanaanis mohatamanii, hundeeffamuu mootummaa Israa’el dhugoomsan.

Yahuudonni woraanicha mo’achuu qofa otoo hin ta’in lafa %55 UN murteesseef irra caalanii lafa %78 ta’u to’atan. Woraanaa kanaan Paalistiinotni %70 (750,000) ta’an qee’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifaman. Lafa %93 qabatanii turanis woraanuma kanan %22 qofatti hafan. Kanas, Paalistiinonni “Al-Naqba ykn Naqba” jechuun yaadatu. “Naqba” jechuun ‘balaa hamaa’ hiikkaa jedhu qaba. Lafti jidduu biyyaa hedduun Paalistiinota irraa Israa’eeliin ni fudhatame. Gaazaan woraana Masrii harkatti yoo haftu, West Bank fi Bahni Jerusalem ammoo Joordaaniin harkatti hafe. Ummata hagas gahu buqqisiisanii, lafa baldhaa (%78 ta’u) fudhachiisanii—biyyoonni Arabaa kun woraanicha goolaban.

Woggaa 19 booda, Bara 1967, woraanatti deebi’an. Woraana guyyaa jaha qofa fudhateen, Masriin Gaazaa ari’amtee, lafa gammoojjii baldhaa isii Sinai (Saynayi)-s dabalatee, Israa’eeliin irraa fudhatame. Woranuma guyyaa jaha qofa fudhate kanaan, Joordan kan Baha Jerusalem (Masjiidin Al-aqsaa keessatti argamuu) fi West Bank dhuunfattee turte, mohatamtee laficha Israa’eeliif dhiistee badde. Lafti guutuun Paalistiinotaa, kana woraanaa bara 1948 irraa hafeef—Gaazaa, Baha Jerusalem, fi West Bank dabalatee—guututti harka Israa’eel gale.

Maal san qofaree, Masriin biyya isii irraa Gammoijiin Saynayis irraa fudhatame; Soriyaan ammoo lafa garreen olka’a qabu Golan Heights jedhamu Israa’eeliin jalaa fudhatame. Waraana bara 1967 kanaan, biyyoonni Arabaa Palistiiniif qofa otoo hin taane ofiifis faayida dhabeeyyii ta’uu isaanii agarsiisanii mohataman.

Woggaa 10 booda, bara 1977, Masriin lafa ofii —Gammoojji Saynay (Sinai)— deebifachuuf, jiddu-galtummaa Ameerikaatiin Israa’eel wojji woliigaltee goote. Masriin Israa’eeliif beekamtii biyyummaa kennuuf, Israa’el ammoo lafa Gammojji Saynayi Masriif deebisuuf irratti woliigalan. Woliigalteen kun Masrii biyya Arabaa tan yeroo jalqabaaf Israa’eeliif akka biyyaatti beekamtii kennite isii taasise. Kun ummata Masrii fi Addunyaa Arabaa keessatti mufii guddaa uume.

Pirezedantiin Masrii woligalticha mallatteesse Anwar Saddat sababa kanaaf mallatteessee woggaa afur booda bara 1981 magaalaa Kayiroo (Cairo) giddutti ajjefame. Lafti tulluuwwan olka’aa qabu kan yeroo san Sooriya irraa fudhatame, Golan Heights, erga ammaa harkuma Israa’el jira. Bara 1994 ammoo Jordan luuxxee lixxee Israa’eeliif beekamtii kennuun hariiroo tolfatte.

Bara 2017 Donald J Trump, Jerusalem guututti (baha Jerusalem dabaletee) magaalaa guddoo Israa’eeliiti jedhee beekamtii kenneef. Kana irrattis biyyoonni Arabaa hedduun waan ibsa ejjannoo torban tokko caale hin goone. Ibsa gaggabaabduu baasanii usan. Kun akka waan jara hanqatee, saalfii tokko malee Donald J. Trump bara 2020 wolitti qabee Woliigaltee Ibrahim (Abraham Accords) jedhee, biyyoota Arabaa akka UAE, Bahrain, Morocco fi Sudan fuudhee Israa’eeliin shariika godhe. Isaanis beekamtii Israa’eeliif kennan. Hariiroo Israa’eel wojji qabaniis midheeffatan.

Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti (UN)tti— Gaazaa, West Bank fi Jerusalem cinaan bahaa—lafa humnaan qabame (Occupied Palestinian Territories) jedhama. Yoo xiqqaate, lafa kana irratti Paalistiinonni biyyaa fi mootummaa isaanii kan Baha Jerusalem akka magaalaa guddootti fayyadamu ijaaruu barbaadu. Israa’eloonni ammoo mala qubannaa Yahuudota babaldhisuunii fi woraanaan lafa humnaan qabatan kana irraa Paalistiinota buqqisaa lafa qofa dhuunfachuun Israa’el jala galchuu barbaadu.

Barootaaf Ameerikaan (the US) akka imaammata alaa isiitti, furmaanni woldhabdee Paalistiinii fi Israa’eelii—Paalistiinonnis mootummaa of-danda’e ijaaratanii biyya akka ta’an gochuudha jedhu. Inni kun ‘the two-state solution” jedhama. Afaniin haa jedhan malee gochaan waan kanatti hiiqu hin godhan. Donald J Trump ammoo akka pirezedaantota isaan duraa san jechaafu fakkeessuuf akkas hin jedhu. Bara 2017 Jerusalem cinaa bahaa, kan lafa humnaan Paalistiinota irraa fudhatame jedhamee UN-in beekamu kanas dabalatee akka Israa’eel dhuunfattuuf— Jerusalem magaalaa guddoo Israa’eel ta’uu beekkamtii kennuun Imbaasii Ameerikaa Tel-Aviv irra fuudhanii Jerusalem galchanii turan.

Amma immoo Gaazaa irraa ummata buqqisanii Israa’eeliif kennuuf akka sagantaatti qabatanii jiru. Donald J. Trump Gaazaa irraa Paalistiinotaa miiliyoona lama ta’an gara iddoo biraatti fe’ee, Gaazaatti real estate fi iddoo bashannanaa bareedaa fi hawataa ta’e ijaarra jedhaa ture. Israa’el ammoo jaruma woliin taanee haa buqqifnu malee kun waan hin argamneemi jetti.

Paalistiinota Gaazaa jiran kana ammoo Masriidhaan nurraa fudhu erga jechuu jalqabanii bubbulan. Masriin ammoo seenaa isii yeroo sadaffaaf irra deebitee xureessuu hin feene. Kanaaf, isin Gaazaa rukutuu dhiisaa malee, nuti biyyoonni Arabaa maallaqa barbaachisu wolitti yaafnee deebisnee ni ijaarrra ejjannoo jedhu qabdi. Karoora Gaazaa deebisanii ijaaruu milkeessuu danda’us qorattee biyyoota Arabaatiif mariif dhiheessitee turte.

Jidduma tana wonti Itoophiyaa fi Masrii wolitti fidu Hidhi Haaroomsaa Guddichi Itoophiyaa (GERD) akka meeshaa (tooftaa) ummata Gaazaa gara Masrii godaansisuu raawwachisuuf tolutti ka’e. Inni hoo akkam?

Itoophiyaan dhugumatti biyya hiyyeettiidha. Hiyyummaa tana jalaa bahuuf bara Mallas Zeenawii waan heddu jalqabaa turte. San keessaa tokko Laga Abbay (Naayil) irratti hidha ijaaruun humna elektrikii guddaa ta’e maddisiisuudha. Humni guddaan akkasii ammoo hiyyumaa jalaa bahuuf barbaachisaadha. Inni kan biraa immoo Parkiiwwan Industirii ijaarachuu ture. Biyyi takka hiyyumaa jalaa bahuuf qonna irraa gara industiriitti ce’umsa gochuu qabdi jedhu beektonni diinagde. Industirii ce’anii babaldhisuuf ammoo humni elektrikii (energy) barbaachisaadha. Industiriin humna elektrikii guddaan socho’a waan ta’eef. Kaayyoon ijoon Hidha Haaromsa Guddichas kana ture.

Itoophiyaan hiyyumaa qabdu irraa kan ka’e deeggarsa Ameerikaa fudhachuun biyyoota dursan keessaa takkadha. Donald Trump faati ammoo Ameerikaan yoo hin deeggarree—biyyi wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenne takka, kan Ameerikaan lammiilee isii miiliyoona 10 ta’an sagantaa safety net’n horattuuf—humna isii kamiin hidha hagas gahu ijaaratti jedhanii yoo yaadanis woma eeggamu. Kanuma irraa ka’ee irra-deddeebiin Hidhni Abbaayaa kun maallaqa Ameerikaatiin ijaarame jedha—Trump. Garuu fedhiin isaa qooda hidhicha irratti godhan himuu barbaadee otoo hintaane, Masriidhaan hidhicha sirraa dhaabsisuu ni danda’a ati ummata Gaazaa ofitti fudhadhu ergaa jedhu isaaniif dabarsuufi.

Amma irratti Itoophiyaan qormaata ciccimoo lamatu harkaa isii qaba: nageeyaa fi diinagdeedha. Diinagdee sirreeffachuuf liqaa IMF fudhachuunuu qormaata sadaffaadha. IMF fi Baankiin Addunyaa maallaqa biyya tokkoof liqeessuuf haal-dureewwan biyyi sun guutuu qabdutu jira. Haal-dureewwaan guuttamuu qaban (Structural Adjustment Program) sun ammoo kan hiyyummaa lammiilee biyya sanii hammeessan, garaagarummaa hiyyeessaa fi dureessa jidduu jiru garmalee baldhisan, kan birmadummaa diinagdee biyya sanii laaffisanii fi kan akka biyyi sun liqaa wojjiin dhamaatu godhaniidha.

Donald J Trump faati ammoo biyyi hiyyeettiin qormaatilee akkasii keessa jirtu waan nu jennu hin diddu jedhanii amanu. Dursanii luka tokko karaa IMF-tiin seensifatanii jiru. Kanaaf, Masriin yoo Hidhi Abbaayaa sun akka dhaabatu kan feetu ta’e, ummata Gaazaa kana haa ofitti haa fudhattu, hidhicha ammo nutu Itoophiyaan dhaabi (dhiisi jedhaaniidha) dubbichi. Yawu, Ameerikaan humna ijoodha, waan isiin sadarkaa kanaan barbaaddu (bara Trump kana fa’a) afoo dhaabbachuun gatii mootummaa biyya bulchaa jiru kaffalchiisu qaba. Dhiisi jennaan yookii ni dhiista yooki shiraafi humna jaraatiin nyaatamta—akka mootummaatti jechuu. Waan torbee kana deddeemaa jiru irraa, mootummaan keenna, kun ta’uu irra maa ummata Gaazaa nu isinirraa hin fudhanne waan jedheen fakkaata.

Qormaata GERD irratti dhufe kana Masriin diduun isii Itoophiyaaf waan gaariidha. Masriin garuu kabaja ofitiifi naatoo haga tokko ummata Gaazaatiif qabduuf didde malee Itoophiyaaf yaaddee miti. Duguuggaa sanyii Gaazaa irratti ta’u tumsuu irra kan waa’e hidhichaa Itoophiyaa wojji mari’atte (negotiate goote) woyyaaf. Kaanaaf, ejjannoo isii ni jijjiirti jedhee hin eegu. Itoophiyaan ammoo jarjartee ummata Gaazaa irraa buqqa’uufuu fedha hin qabne ofitti fudhadha jechuu irraa of qusachuutu isii baasa. Duguuggaa akkasii irratti hirmaachuun kabaja akka biyyaatti qaban nama dhabsiisuu danda’a—keessattu addunyaa Islaamaa biratti. Dhimmi Paalistiinota Gaazaa dhimma hamilee (greatest moral issue) addunyaa keenya yeroo ammaa ta’ee jira. Dubbistanii xumuruu keessan comment jalatti na beeksisa. Halkan gaarii!

17/06/2025
06/06/2025

Sagaleen wacu hundi isa harkaa wal hin dhahu, gaafiin asii ol yaa’u heddummaatus isa hin dogoggorsu, hawwiin uumamtoota isaa isa hin rakkisu. Yoo hunduma isaaniif kenneyyuu, homtuu mootummaa Isaa irraa hin hir’atu. ! Guddattee YAA RAHMAAN!

Inni kuun qabeenya barbaada, kaan haadha manaa kadhata, kaan ilmoo hawwa, kaan fayyaa gaafata, kaan immoo rakkoo isaa irraa akka hiikamu kadhata.

Kaan Afaan Hindiin kadhata, kaan Afaan Raashiyaan itti waywaata, kaan Afaan Arabaan kadhata, kaan immoo Afaan Ingiliziitiin,kaan afaan oromoo,kaan afaan Anuakaa,kaan afaan surmaatiin…rakkoo isaa himata!

Afaanota addunyaa isatu uume akkamiin isa dhibaree?

Hunduu laga isaatii waraabata,takkaa hin hir’anne. Hunduu itti lallabata takaa jalaa hin dinne. hunduma isaanii ni dhagaha.tokkos harka duwwaa deebisee hin beeku.

Dhugumatti Inni Samii’a (Kan Dhagahu), Mujiiba (Kan Awwaatu), Gooftaa bareedaa akkanaatti amanne! 💙

Gammadi Yaa Kan Isa Argatte!

Address

Adama
Nazareth
CONSERVATIONBIOLOGY

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jibril Abduljebar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Jibril Abduljebar:

Share