04/06/2026
IBSA GADDAA
Waa'ee Keetif Yeroo Hunda Duuna, Akka Hoolota qalamaniis Taane. Far 43:22
እሰመ በእንትአከ ይቀትሉነ ኩሎ አሚረ::
ወኮነ ከመ አባግዕ ዘይጠብሑ መዝ 43:22
"ስለ አንተ ሁልጊዜም ተገድለናል እንደሚታረዱም በጎች ሆነናል። መዝ 43:22
IBSA GADDAA
Eebbifamoo Abuna Eelsa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallabaa Arsii Fi Naannoo Sumaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii
Caamsaa 23 Bara 2018 irraa eegalee Biyya Lallaba Arsii Aanaa Asakoo, Aanaa Shirkaa fi Aanaa Honqooloo Waabetti Kiristaanonni 13 yoo Ajjeefaman Manni Kiristaanaa Qulqulluu Gabri'eelii Aanaa Asakoo Ganda Xalataa Caffaa Umurii Dheeraa Waggaa 101 lakkoofsise Guutumatti Gubate.
Mana Kiristaanaa Fayyisaa Addunyaa Kaarraa Kufiteenaa irrattis Saamichi kan taasifame yommuu ta'u Amantoonni Taabota qabatanii baqataniiru. Manni Jireenyaa fi qabeenyi Kiristaanotaas gubateera.
Namoonni Ajjeefamanis
1. Obbo Dammiroo Abarraa Umuriin 70
2. Kaffaalanyi Likkeelawu Umuriin 56
3. Hayiluu Nugusee Umuriin 70
4. Isheetuu Daammanaa Umuriin 42
5. Ababaayyoo Daanyee Umuriin 42
6. Sammuu Abbaayinee Umuriin 70
7. Milishaa 1
8. Obbo Amaraa Balaayinee Umuriin 80
9. Taree Dassee Umuriin 25 kan
10. Obbo Nugusuu Maandafroo Aanaa Honqooloo Waabee
11. Obbo Baqqalaa H/Mikaa'eel Aanaa Honqooloo Waabee
12. Gannanaa Xilaahun Aanaa Shirkaa
13. Murteessaa Xilaahun Aanaa Shirkaa
ta'an yoo ta'u walumaa galatti Namoonni 13 ajjeefamaniiru. Aanaa Asakootti Namoonni 280 ol immoo qa'ee isaanirraa buqqaafamanii baqataniiru.
Sababa rakkoo nageenyaa hamaa kanaafis Uummanni bakka itti dhalatee guddate, Dhalchee ijoollee fi maatii horate qe'ee godhatee qabeenya horaterraa dirqamaan buqqaafamaa jiraachuun ibsamaa jira. Rakkoon ajjeechaa fi buqqaafamuu kunis kan irra gahaa jiru sababa Amantaa fi eenyummaa isaanitiif qofadha. Kanaanis Waajjirri Biyya Lallaba Arsii Gadda Guddaa nutti dhagahame ibsachaa kanneen Boqataniif Lubbuu isaanii Waaqayyoon nuuf haa maaru, Mootummaa isaatti nuuf haa yaadatu, kanneen Gaddanis Gadda isaanirraa Waaqayyoon nuuf haa jajjabeessu.
Eebbifamoo Abuna Eelsa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallabaa Arsii Fi Naannoo Sumaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii
© Arsi Diocese Public Relations Department
© Biyya Lallaba Arsiitti Kutaa Sab-Qunnamtii
© የአርሲ ሀገረ ስብከት ህዝብ ግንኙነት ክፍል
© የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii ...✍️
👉 Liinkii Gadii Kana Hordofuudhan Gara Chaanaaliiwwan Miidiyaa Keenyatti Dabalamaa
👉 ከታች ያሉትን ሊንክ በመጫን ወደ ቻናሎቻችን ተቀላቀሉ
👉 FACEBOOK👇👇👇👇👇ፌስቡክ
https://www.facebook.com/share/1bp49TDKhZ/
👉 TIKTOK👇👇👇👇👇ቲክቶት
tiktok.com/.ku.la.arsii
WhatsApp 👇👇👇👇👇ዋትሳፕ
https://whatsapp.com/channel/0029Vb6ZyoHId7nSWz2Uq73X
Inistagram👇👇👇👇👇ኢንስታግራም
https://www.instagram.com/miidiyaablarsii?igsh=MXRsaDgyeXJwdDdkdQ==
Telegram Chanal 👇👇👇👇👇ቴሌግራም
https://t.me/Arsi21
Telegram Group👇👇👇የግሩፕ ቴሌግራም
https://t.me/+do8_6-C5_ek4MjFk
Telegram Cominicate
IMO👇👇👇👇👇ኢሞ
https://call.imo.im/BiyyaLallabaArsii