02/12/2021
WBOn Baha Shaggar injifannoo Guddaa Galmeesse!
Oduu injifannoo WBO duula imala gara finfinnee giddu galeessa Oromiyaatti waraanni bilisummaa Oromoo baha shagar, Ona Boosotti fi Fantaalle kan Magaala Adaamaa irraa Km 18 hanga 60 irratti argamu keessatti lola walitti fufinsaan sadaasa, 28 _ 30 bara 2021 gaggeesseen loltuu diina 110 ajjeesee 84 madeessuun, 4 harkaan qabee, qawwee PKM 2, AKM 21 fi meeshaalee waraana adda adda irraa booji'uun konkolaata patiroolii 5 daraa godhe.
Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBO'n gidduu galeessa Oromiyaa, baha Shawaa aanaa boosotti, ganda Rukeecha boqoree, bakka addaa bakka kaara torbaa jedhamutti tarkaanfii waraana garboofataa irratti sadaasa 28, 2021 fudhateen loltuu pp 20 ol ajjeesee 8 ol madoon yoo adabu, Sadaasa 29, 2021 ammoo WBOn aanaa Boosotti ganda siifa Banittee jedhamutti waraana gabroofataa kallatti adda addaan itti bobba'ee lola guyyaa guutuu taasiiseen loltuu pp 30 ol ajjeesee, 30 ol madoo tasiisee reeffa fi madoo guyyaa lamaa guurrattetti.
Gootichii WBOn baha Shagari aanaa fantaallee keessa soso'us gaafa sadaasa 30, 2021 aanaa fantaallee ganda Haroo qarsaa bakka addaa hadhotti jedhamutti waraana gabroofataa petrol afuriin (4) deemuun lola haxxeen daraa godhee, yeromaa wal fakkataatti bakka addaa haroo diimtuu jedhamutti haxxee duraa bahuuf yaalerratti tarkaanfii fudhateen sadii ajjeesse, 4 harkaan qabee jira.
Yeromu wal fakkataatti haxxee waraana pp magaalaa Matahaara petrol 2 reebuu baate bakka addaa funyaan boolla jedhamtutti haxxeen daraa taasise jira. Walumaa galatti lola kanaan loltuu gabroofataa 60 ol ajjeesee loltuu gabroofataa 36 madeessee Loltuu 4 harkaan qaqabee, konkolaata 5 dareessuun qawwee PKM 2, AKM 21 fi mi'oota waraana garagaraa irraa booj'ee jira. Walumaagalatti lola guyyaa 3 keessatti loltuu pp 200 ol hojiin ala taasiisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Injifannoo Uummata Oromoof!'''
Jajjabee Duratti!