Bokkaa yandoo, Aduu saafaa, kun hundumtuu ni hafa

Bokkaa yandoo, Aduu saafaa, kun hundumtuu ni hafa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bokkaa yandoo, Aduu saafaa, kun hundumtuu ni hafa, Nek'emte.

27/04/2026

Kiristoosiin hir'uu garaa fi hir'uu baraa guuttachuu qofaaf hin amanatamu.
Yesuus hanga du'a garasiittiyyuu amanamaadha!

Gidduu kana Siidaan harka Maraa warqeen faayame Magaalaa Naqamtee bakka dirree masqalaa jedhamuun beekaamu seensa isaa i...
27/04/2026

Gidduu kana Siidaan harka Maraa warqeen faayame Magaalaa Naqamtee bakka dirree masqalaa jedhamuun beekaamu seensa isaa irra dhaabbachuu isaatu miidiyaa hawaasaa kana gubbaatti mul'atee naanna'aa ture.
Anis kanuma daawwachuuf gara sanattin dilbata galgala godheen ilaale.
Akkaataan dhaabbii Siidaa kanaa, isphaaltii karaa seensaa irraa gara keessaatti garagalee -irraa-gara-keessaatti-garagalee-'baga-nagaan-dhuftan!' waan jedhu fakkaata. silaa gara karaa guddaatti garagalee namootaa fi keessuummoota achiin darbanii fi dirrechatti ol seenanitti gara galee simachuu qaba ture akka yaada kootti!
Tarii waan ogeessi yaadee akkas godhe naaf hin galle! Siidaan sun wallagga biyya warqee agarsiisuuf akkuma dhaabbaate, simannaa hawaasaa bakka sana dhaquuf fi achirra darbu simachuuf dhaabbachuun isaas beekamaadha!

What's on your mind?There is only hope on my mind!
26/04/2026

What's on your mind?
There is only hope on my mind!

An elephant 🐘 and a female dog 🐕 became pregnant at the same time..Three months later, the dog gave birth to six puppies...
21/12/2025

An elephant 🐘 and a female dog 🐕 became pregnant at the same time..

Three months later, the dog gave birth to six puppies. Six months after that, the dog was pregnant again, and nine months later she delivered another dozen puppies. This pattern continued.

By the eighteenth month, the dog—now a mother many times over—went to the elephant and asked:

“Are you sure you’re even pregnant? We conceived at the same time. I’ve given birth three times, and my puppies are now grown into big dogs. But you’re still pregnant. What’s happening?”

The elephant calmly replied:

“There’s something you need to understand. What I’m carrying is not a puppy—it's an elephant. I only give birth to one every two years. But when my baby arrives, the earth feels it. When my baby walks across the road, people stop, look, and admire. What I carry is mighty and great.”

💁The message:

Don’t lose faith when you see others receiving blessings faster than you.
Don’t be envious when someone else’s prayers are answered before yours.

If you haven’t received your own blessings yet, don’t despair.

💁Tell yourself:

“My time is coming. And when my blessing arrives, the world will notice.”

Everyone’s journey is different.
Never compare your timeline with anyone else’s.

Your blessing is not delayed—it’s being prepared.

Yeroo dheeraaf, tapha kubbaa deeggaruuf sababa ga'aa ittiin deeggaru barbaadee dhabeen itti dhiisa. Amma garuu, Arsenal ...
05/12/2025

Yeroo dheeraaf, tapha kubbaa deeggaruuf sababa ga'aa ittiin deeggaru barbaadee dhabeen itti dhiisa.
Amma garuu, Arsenal akkan deeggaruuf sababa guddaa fi amansiisaa waanan argadhe natti fakkaata.
Waancaa nyaachuuf taphachuu isaanii Caalaa, Olaantummaa Waaqayyoo Addunyaatti mul'isuu isaaniif, An har'a irraa qabee Deeggaraa kilebii Arsenal ta'uu Koo anaaf beekamuu qaba.
Lolli kan Waaqayyooti! Mo'ichi kan ijoollee Waaqayyooti!

09/11/2025

With Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa – I'm on a streak! I've been a top fan for 10 months in a row. 🎉

08/10/2025

Hamaamota gidduu
Gaggeessaa Addooyyeef
otuun boo'ee sirbuu,ijjikoo si arge.
Argeen lafa ilaale.
Si moo?sii mitiittan
Weedduu Addooyyeedhaaf;
sirbamu wallaale.
Sumadha.
Kunoo tuuta gidduun
ijji kee nan baatu
Sumadha
Si taanaan,kan naatu

Eeyyen sumadha
Atis na argite

Garuu kan na dhibu
Erga kudhaamnikoo laphee keerraa citee..
Eeboo gaafa fuudhaa
Bullukkoon olgitee
Misirroo ta'uukee maaliif na dhoksite?
Galatoomi Daraartuu

06/10/2025

❣️Seenaa Gabaabaa kana Dubbisaa 👇
Guyyaa tokko hiyyeessa tokkotu nyaata kadhachuuf mana sooressaa dhaqa.

Abbaan manichaas, namicha nyaata kadhaa dhufe mana jala teessisee nyaata irraa hafaa/over left/ fidee kenneef. Nyaaticha erga kenneefii booda kadhatichaan, "Mee haakadhannu, erga kadhannee booda nyaatta" jedheen. Abbaan manaas, "Abbaa keenyaa Waaqarra kan jiraattu" jedhee kadhata eegale. Hiyyeessichi ammoo jalaa qabuun, "Waaqayyo abbaa kee Waaqarra kan jiraatu" jedhe. Yoona, namichi aree. "Waaqayyo abbaa keenyaa" jedhi jedheen. Hiyyeessichi didee akkuma duraa "Waaqayyo abbaa kee Waaqarra kan jiraatu" jedhee kadhate.

Sana booda maaliif akka inni jedhetti "Waaqayyo abbaa keenyaa" jedhee kadhachuu akka dide haariin gaafata.

deebisee, "Yoon Waaqayyo abbaa keenyaa jedhee kadhadhe, aniifi ati obbolaa taana. Yoo obbolaa taanee ati mana jalatti nyaata harca'aa(over left) naaf hinkennitu. Anis siiwajjinan maaddii kee irraan nyaadha ture.Haala amma ati ittiin nakeessummeessiteen nuti ilmaan abbaa tokkoo ta'uu hindandeenyu" jedheen jedhama.

barumsa guddaa barate. Innis Waaqayyo abbaa keenya ta'uu kan danda'u nama hundumaa akka obboleessaafi obboleettiitti yoo ilaallee gargaarreedha kan jedhu hubate.

Waan dubbiftaniif galatoomaa!🙏
maxxansa mimmiidhagoo akkasii argachuuf follow godhaa.

04/10/2025

Harkaa dhabuu
Ormaan cabuu
Meela okkoluu
Godaansaa fi kooluu
Roorroo Jireenyaa
unutti marse
Gooftaa Yesuustu
nurraa dabarse

27/08/2025

Ati Amma Nama Amantaa kiristaanaa Waa Beeku of seeta! Garuu, akka amma Yaada jirtu kanatti Ati kiristaanummaaf xobbee natti fakkaatta. Fuula Waaqayyootti kan gaafatamtu maqaa dhaabbata amantii utuu hin taane, Jireenya kiristaanummaa Kiristoosiin ibsu/calaqqisiisu jiraachuu keeti! Kaayyoon kiristaanummaa inni guddaanis, karaa Yesuus Kiristoos ilmaan namootaa du'a jalaa baraaruudha malee, umurii dheerina dhaabbata amantii tokkoo leellisuu miti!

Yaa Gooftaa utuu jettuu iyyuu jireenyatti hin galamu, Ortodoks ykn protestant jechaa Jireenya argachuun immoo waan hin yaadamnedha.

06/08/2025

Maal jettani ree waa'ee bokkaa kanaa!?

Address

Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bokkaa yandoo, Aduu saafaa, kun hundumtuu ni hafa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share