Labsii page

Labsii page Labsi

18/08/2022
26/10/2021

LAFA ILAALUUN KARAA GABAABAA YEROO DHEERAA NAMA DEEMSISA
Yeroo Waa Lafaa Funaannattu, Isa Lafa Bu'e Malee Isa Lafa Buuse Hin Ilaaltu.
Kanaaf Israa'elotni Maannaa Lafa Irratti Ilaaluu Malee Waaqayyoon Teessoo Irratti Ol Ilaaluu Dadhabanii Karaa Gabaabaa Yeroo Dheeraa Deeman!
Wanti biyya lafaa kanaa yoom illee Ilaalamees Funaanamees Hin dhumu; Utuu Ilaalluu Fi Utuu Funaannuu Umurii nuuf qoodame xumurree keessaa galla.
Gad Ilaaluu Caalaa Waaqayyoon Ol Ilaaluutu Rakkoo Kee Si Xumursiisa!
“Gara isaa ilaalaa, fuulli keessanis haa ifu! Deebitaniis qaaniidhaan lafa hin ilaaltan.” Far. 34:5

26/10/2021

KUN MAAL NAAF GODHA?
Kutaa 2ffaa
Akka gaaffii kana of gaafannu kan nu godhu;
2. WALLAANSOO EENYUMMAA
“Esaawuunis, "Anoo amma du'uu ga'e, angafummaan kun maal anaaf godha ree?" jedheen.”Uma. 25:32
Eesawu akka Yaaqoob mana oolee nama malaan jiraatu hin turre. Bakkee keessa jooree adamsee yoo argate nyaatee yoo dhabe gala. Gaaf tokko garuu adamoof bahee homaa dhabee agabuun hamma miidhamutti gahe. Hubadhaa namni kun jiraachuuf jooraa oola malee mana taa'ee miti.
=> Eesawu dadhabaa ooola; garuu homaa dhaba!
Adamsee gaafa dhabu garuu agabuun du'uu isaa irra eenyummaa isaa dhabuu fo'ate. Eenyummaa isaa gatee carraa isaatti fayyadamuutti dhufe.
= Hubadhaa yeroo hundumaa jireenya carraa jiraanna yoo ta'e, mudannoo keenya hunda keessummeessina; Mul'ata keenyaaf Kaayyoo ganamaa qabannee jiraanna yoo ta'e immoo eenyummaa keenyas iddootti eegganna.
==> Kaayyoon keenya fira Eenyummaan Keenyaa ta'uu qaba.
Eesawu GARAA isaaf jedhee eenyummaa isaa gate. Gaaffii inni yeroo sanatti of gaafatee ofiif deebisuu qabu ANGAGUMMAAN(Eenyummaan) Koo Maal naaf godhaa utuu hin taane ITTOON MISIRAA KUN MAAL NAAF GODHA? Kan jedhu ture.
Eesawu Agabuu torbee tokkoo yookaan Ji'a tokkoo yookaan immoo beela bara beelaan EENYUMMAA isaa hin ganne. Kan eenyummaa isaa gateef Beela battala tokkooti.
=>> Miirri Battala tokkoo Eenyummaa keenya umurii guutuu nurraa fuuti!
Egaa barri nu darba; Bor akka har'aa hin ta'uu har'a eenyummaa Kee Kana Hin Gatin!
-->> Garaan ofii Galaa ofii nama dhabsiisfti!... Kutaa 3ffaan itti Fufa...
Eebbifamaa
Taarraqaa Abarraa

26/10/2021

KUN MAAL NAAF GODHA?
Kutaa 3ffaa
Akka gaaffii kana of gaafannu kan nu godhu;
3. WALLAANSOO SABUMMAA
“Kana booddee Ribqaan Yisihaqiin, "Sababii durboota Heet kanaaf, ani jireenya koo nan jibbe; Yaaqoobis immoo durboota Heet sanyii durboota biyya kanaa keessaa niitii yoo fuudhe, JIREENYI MAAL ANAAF GODHA REE?" jette.” Uma. 27:46
Ribqaan asitti immoo kan akkas jettuuf Esawuu ilmi ishee angafaa eenyummaa isaa gatee gaa'ilaan saba ormaatti michoomee; eenyummaa isaa gatee namummaa isaa qofaan waan jiraatuuf Yaaqoobis akkas akka hin taaneef jetteeti. Yaaqoobis akkas yoo ta'e miixuu koo, dadhabbii koo fi gaaffii ani kaleessa waa'ee isaaniif Waaqayyoon gaafadhee deebii argadhetu akkasumaan ta'a jetteeti. Yoo Yaaqoob akka Esawuu ta'e immoo Kakuun isaaf Waaqayyo gale, Kakuun Yisihaaq fi Abrahaamiif Kakatame karaatti hafa.
Jireenyi Kakuu Waaqayyo ala jiraatan immoo Burjaaja'ummaadha. Yoo Waaqayyo Kakuu namaaf gale addaan kute immoo JIREENYI MAAL NAMAAF GODHA Ree?
Ribqaan durboota warra Heet kan jibbiteef sababa hedduu qabaachuu malti. Isaan ilma ishee of dagachiisan, isheef Yisihaaqiif hin taane, Waaqayoon warra beekanis miti. Akkasuma immoo Safuu namaaf Waaqayyo kan beekan hin turre. Sababni isaa Heetotni warra Waaqayyoon hin beekne, isas hin waaqeffanne waan turaniif. Kanaafuu gaa'illi Waaqayyoon hin gammachiifne, Kan toora safuu fi Aadaa hawaasa ofii gate MAAL NAMAAF GODHA?
Egaahoo nuyis bara safuun bade keessa jirra. Gaa'ila keessatti jireenya eegumsa qabuu fi gaa'ilaan duras jireenya safuu hawaasa ofii jiraachuun namoota baayyee biraa badeera. Umurii dargaggummaatti jireenya Manca'e jiraachuu fi gaa'ila dhaabbatanii utuu jiranii jireenya gad dhiisii jiraachuu fi wal hiikuu bara baayyatu keessa jira. Biyya lafaatti michoomnee safuu Wangeelaa fi Hawaasa keenyaa gannee jiraachuun kun maalitti nu geessa? Maal immoo namaaf godha?
==> Namni jireenya isaa hin eegganne, gatii isaaf hin malle baasa! Yeroo hundumaa mee oolmaa keenya keessatti yaada yaannuu fi gocha gochuuf murteessinu dura KUN MAAL NAAF GODHA? ofiin haa jennu!
“Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni biraa akka isa hin jajanne arguuf jira.” Gal. 6:4... Kutaa 4ffaan Bor itti Fufa...
Eebbifamaa
Taarraqaa Abarraa
Amboo

26/10/2021

KUN MAAL NAAF GODHA?
Kutaa 4ffaa fi Isa Xumuraa
Akka gaaffii kana of gaafannu kan nu godhu
4. WALLAANSOO HAALOTAA;
“Abboonni isaanii kun, humni isaan ittiin hubatan erga irraa darbee, jabinni irree isaanii ANAAF MAAL GODHA?” Iyo. 30:2
Iyyoob nama hinaaffaa Seexanaan miidhamuu irratti dabalee jecha namaan miidhameedha. Qabeenya yoo ta'e danuu argee dhabe. Hiriyoota qaba jedhu irraas gaarii eegee dhabe. Namummaa fayyaa qabus dhabee, amma kan caalu Waaqayyo qofa akka ta'e hubate. Namni waan biyya lafaa kana guutate jedhamu Iyoob qabeenya, namaa fi fayyaa isaa erga dhabee kana dubbata.
Jabina namaa yookiis jabina ofii utuu hin taane jabina Waaqayyootu falaaf furmaata namaaf kenna.
Yeroon waan harra hin qabne nuuf kennitee, waan harra qabnu immoo tarii bor nu dhabsiifti. Qabeenyi dhaala namaaf ta'ee jireenya har'aafis isa du'a boodaafis waa namaaf godhu Waaqayyo qofa.
Namni dhoksaan jireenya Waaqayyoo wajjinii yeroo galuuf kun maal naaf godha jedhee waan biyya lafaa kana tuffata. Kana jechuun, Wanta biyya lafaa kana irra jiru hundumaa iyyuu itti fayyadama malee wanti biyya lafaa keessa jiru kamuu namummaa isaatti hin fayyadamu.
Waaqayyoon waan hundumaa caalchifnee hin ilaallu yoo ta'e waan gatii hin qabnetu gatii nurratti godhata.
GUDUUNFAA
Namoota 'Kun Maal Naaf Godha?'jedhan Sadan Keessaa Ribqaa fi Iyyoob iddoo sirrii fi bakka sirriitti of gaafatan. Akkasuma immoo wanti gatii hin qabne akka gatii irratti hin qabaannee fi wanti gatii qabu akka harkatti gatii hin dhabneef of gaafatan. Esawuun immoo waan gatii qabu harka isaa jiru mudannoo battala tokkoof iddoo itti kennuu dadhabe. Kanaaf Esawu waan gatii isaaf qabu KUN MAAL NAAF GODHA jedhee gatii dhabsiise; Ribqaan immoo waan gatii hin qabne, jireenya ishee keessa galuuf dhufe KUN MAAL NAAF GODHA jettee gara waan gatii qabuutti xiyyeeffate. Iyyoob immoo dhuguma waan gatii hin qabne KUN MAAL NAAF GODHA? jedhe.
=> Namni waan gatii qabutti gatii kennee, Waan gatii hin qabne immoo gatii dhabsiisee yeroo irra tarkaanfatu jireenya moo'icha qabu jiraata.
Egaa
Mee iddoo jirrutti waa of haa gaafannu! KUN MAAL NAAF GODHA? Wanti nuyi goonu kamuu gaaffii kana keessatti calalamee yoo darbe gufannaa irraa of eegna. Kan gatii qabutti gatii kenninee Kan gatii hin qabne immoo gatii itti baasu haa dhiifnu.
Eebbifamaa
Taarraqaa Abarraa
Amboo

19/08/2021

YEROO AARRU WAAN 3 UTUU GOONEE AARIIN KEENYA GOOLII HIN KAASU!
1. RAFUU
Yoo teenye dubbii waan kaafnuuf marannee rafuun fala. Wanti jireenya keenya jeequmsa irra eegu rafuudha. Jeequmsaaf ta'anii deebii kennuun ibidda isaatti Boba'aa dabaluu irra rafanii dubbii humna dhowwachuudha!
2. NYAACHUU
Aarii keenya cabsachuuf midhaan sirriitti itti gad teenyee nyaachuu. Ammas dubbatanii nama nyaachuu irra callisanii waanuma argatan nyaachuun fala. Namni yeroo nagaa caalaa yeroo aarii utuu nyaata argatee baayyee nyaata. Aarii keenyaaf nyaata dhiifnee dubbii bobeessu irra nyaataan Seelota keenya gubatan bakka buufachuu wayya!
3. DEEMUU
Bakka wanti nu aarsuu fi namni nu aarsu jiruu baanee deemuun aarii keenya hirrisa. Bakka hojii keenyaatii wanti nu aarsu yoo jiraate baanee galuun yookaan hiriyaa keenya bira deemuun aarii keenya cabsachuu dandeenya. Yoo gaa'ila keenya keessatti rakkoon uumamee mana keenya keessaa walitti aarree jiraanne teenyee dubbannee wal aarsuu irra baanee deemnee aarii keenya cabsannee fi inni aares cabsatee walitti deebi'uu wayya. Gaafan deemuu jedhu immoo wal gatanii deemanii warra ofiitti yookaan bakka ofiitti galuu utuu hin taane hamma dubbiin qabbanaa'utti walk ba'anii deebi'uu jechuu kooti. Bakka fedhetti bakka wanti nu aarsu jiruu yeroof deemnee of tasgabbeessuu fala!
Kanaaf gaafa aarii keenyaa, dubbii jalaa callisnee marannee rafuu, Dubbannee of beelessinee ibidda dubbii qabsiisuun buddeen lagachuu irra sirriitti nyaachuu. Kana jechuun arrabaa fi gurra hojjechiisuu irra ilkaan hojjechiisuu jechuudha. Yeroo Ilkaan hojii irra jiru arrabni wilwil jettee dubbii balleessuu irra adabattee teessi. Yeroo ilkaan hojii irra jiru gurris nama hin dhaga'u.Yoo utuu nyaatanii nan dubbadha jette ilkaanii qaxii ishee kuta. Kana irraa kan hafe immoo dubbii hilanii ba'anii deemuun fala.
EGAA:
=> Dubbii galgala dhufe dafanii ciisanii jalaa rafuun dabarsu.
=> Dubbii maaddii irratti dhufeef immoo callisanii nyaata ofii nyaachuun arrabaa fi gurra hojii dhowwu.
=> Dubbii utuu ta'anii yookaan waa hojjetanii dhufe immoo dhiisanii gad ba'anii dabarsanii bira darbanii ol deebi'u!
Warri hojiif bakki hojii, Amantiif bakki amantii, Siyaasaaf bakki Siyaasa keessanii aarii malee nagaa dhabe Galaa rafaa, ba'aa deemaa; Akkasumas dubbii nyaachuu irra buddeen nyaadhaa! Warri Gaa'illi keessan Hojii Dhaabee Dubbii Kaasaa jiru mala kana fayyadamaa. Warri Gaa'ila hin qabne immoo silaa gaa'ila malee jiraachuun keessanuu dubbiidhaa hirribaan, nyaata fi deemsaan yeroo keessan dabarsaa!
Eliyaas gaafa dhaamsa Iizaabeliin aaree Waaqayyoon na ajjeesi jedhe Waaqayyo mala kana sadanitti fayyadamee Eliyaasiin tasgabbeesse(1Mot 19:1-6). Muka jalatti raffise, Ergamaa isaan isa nyaachise, Dhuma irratti immoo guyyaaf halkan 40 isa adeemsise. Kanumaan aariin Eliyaas irraa gale. Ergasii maqaa du'aa hin dhoofne! Waaqayyoonis na ajjeesi hin kadhanne; Waaqayyos isa fudhate malee isa hin ajjeefne.
Qooda Aartee of ajjeestu yookaan immoo dubbattee nama madeessuu yookiis rukuttee nama miiti maloota kanatti fayyadami! Kadhannaan immoo mala kana hunda tumsuudha. Kadhannaan hirriba nagaa namaaf kenna, nagaa namaas iddootti deebisa.
“Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu(Mat. 5:.9)
Eebbifamaa
Taarraqaa Abarraa
Amboo

01/07/2021

SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 1FFAA
~~~~~~~~~~~~
Iyyaasun abbaa isaa Mootii Walloo Raas Mikaa'el (duraan Raas Mahammad Alii) fi haadha isaa intala Minilik Shawaaraggaa irraa dhalate. Minilik Ilma dhiiraa hin qabu. Xaayitun(haati warraa Minilik) yeroo aangoo irraa dhorkamtu dargaggoo Mootummaa Minilik dhaaluf qophaa’u jalaa gufuun tokko buqqa’e. Waggaa isatti bara 1903 bakka bu’aa (እንደራሴ) isaa kan ta’e Bitwaddad Raas Tasammaan yeroo du’e immoo dargaggoo Iyyaasuudhan kan dorgomu ni dhabame Angoo guutuu dhuunfachu kan isa dhorke kan xuuxamee dhumee garuu du’uu dide qaama Minilik qofa ture Mootii moototaa tahuu yoo baateyyuu yeroon aangoo Iyyaasuu bara 1903 hanga bara 1909 ture, Haa ta’uu malee jalqabuma irratti qixa hin eegamne irraa humni taayitaa Iyyaasuu falmu dhalate Ajaja Xaayituutin Finfinnee akka hin geenye kan dhorkamee ture Raas Abaataan Nugusummaa irraa dhorkamuu Xaayituu akkuma bareen hamilee injiffannootin gara Finfinnee dhufee barcuma mootii Minilik qabachuudhaf yaada kan jedhu oduun faca’e Karaa tokko bakka Raas Tasammaa nama isaaf ta’u buusee karaa biroo immoo Zawdituu (intala Minilik) fuudhee yeroo isheen muudamtu maqaa isheetin bituudhaf yaala hamiin jedhuus ture Dubbichiis kan ifa bahe meeshaa masaraa mootichaa keessa jiru qabachuudhaf yeroo seenudhaf yaale ture. Waardiyyotni masaraa Fitawraarii Gabramaariyaamin hogganaman hin seensisnu jedhanii giddutti dubbin cimaan erga dhalatee booda Abuniin (hogganaa amantii Ortodoksii) gidduu seenee dhiigni otuu hin dhagala’in qabbanesse. Abaataanis gara naannoo bittaa isa jala jiru Kambaatatti deebi’uuf waliigale. Abbaa Iyyaasuu Raas Mikaa’elif garuu kun gahaa hin turre. Angoo seerri ilma isaatif kennu mormitotni itti baay'atanii waan rakkisanif fakkata. rakkoo kana guutummatti dhabamsiisudhaaf loltoota 8000 qajeelchudhaan Finfinnee dhufe Sana boodas Abaataa Kambaataa irraa waamsisee Maq-dhalaatti ergee hidhamee akka turu godhe.

Raas Mikaa'el finfinnee dhufee Raas Abaatee Kambaataa irraa waamee maq-dhalatti hiissise Kana giddutti kallattiin bahee mul'achuu irraa of dhoksee kan ture ejjennoon Fitawraarii HabteGiyoorgis(Qusee Dinagdee) cimaa dhufe Kambaataa Abaataan dhabe dabalachurra darbee hogganaa Makaanintoota Shawaa ta’ee olbahe. Yeroo tarkaanfin Iyyaasuu Mokaanintoota yaaddoo keessa galche Iyyaasuu angoo irraa buusuuf qindeesse. boodas yeroo abbaan Iyyaasuu Raas Mikaa’el ilma isaa angootti deebisuudhaf yaalii godhe fashaleessuu keessatti hojii addaat hojjate. Jabanni mootummaa Iyyaasuu jabana hibboodhan guutamedha.
Afaan guutanii gaarummaa isaa fi gadhummaa isaa dubbachuun nama dhiba. Carraa isaa ta’ee jabanni Iyyaasuu gabaabaa yoo ta’uu kan isa booda taayitaa qabate Tafariin faallaa isaa baroota dheeradhaf Itoophiyaa bituu isaa irrayyuu akka maqaan iyyaasuu tolaan ka’u hin barbaadu ture. Kanaafuu kitaaboota seenaa baay'ee keessatti irra deddeebi’amee kan himamu muslima ta’uu isaa, qoosaa fi tapha jaallachuu Iyyaasuuti. Kitaabota caalaa ummata qubee hin lakkaa’intu waa’ee tola Iyyaasuu dubbata. Bareedinni isaa, dandeetti dubbii fi nama ispoorti ta’uun isaa kan qalbii ummataa hawwatan keessaa turan. Qeeqa dalgaa mootummaaf xiyyeefannaa hin kennu jedhuufillee kun kan ta’eef ijoollummaa isaa irraa kan dhufe jedhee falmaafii ture ummatni. Iyyaasuun yeroo taayitaa isaa gabaabduu sana keessatti tarkaanfii hawaasummaa fi guddina dinagdee cimsu jedhaman tokko tokko fudhateera Qabeenyi dhuunfaa akka kabajamu fi gibirri yeroodhan akka sassaabamu, sirni himataa fi himatamaa walitti hidhee gidirsu akka hafuuf tarkaanfii fudhatera Akkasumas sirna Leebaa shaayii( Hattuu adamsanii qabu) jedhamee beekamu, garuu kan namootni ittiin haaloo walirratti bahuuf itti fayyadaman seera qabsiisudhaaf yaalera.

https://t.me/Jecha_Haayyotaa

01/07/2021

SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 3FFAA
yaalin Iyyaasuu kiristaanummaa Islamummaadhan bakka buusudhaf otuu hin taane na loogidhaan guutame haqee muslimoonni biyya isaanii irratti akka keessummatti ilaalamuu isaanii hambisuudhaf ture. Rakkoon Iyyaasuu imaammata isaa ifatti ibsuu fi hojirra oolchudhaaf tooftatti fayyadamuu dadhabuu isaati. Imaammata amantii iaalchisee hogganaan Iyyaasudhaan walgitu Itoophiyatti argameera jedhanii yaadun nama dhiba. Qixa kanaan yoo ilaalame imaammatni Iyyaasuu biyyattiin saba, sablammii fi amantaalee garaa garaa qabdu kun biyya wal qixxummaa fi haqaan tokkummaan ishee ijaaramu gochuudhaf yaalii isaa isa jalqabaati jechuun ni danda’ama. Garaa garummaan yaadaa Iyyaasuu fi diinota isaa gidduu jiru hagam bal'aa akka ta’e kan mul'isu himata Fulbaana 16 bara 1909 Iyyaasuu irratti dhiyaatedha. Himatichi akkas jedha "Iyyaasuun kan Islaamni qale nyaachudhaan biyyaan babal'isa jedhee ummata sossoba" kan jedhu ture. Imaammatni haaraan Iyyaasuu ummatoota biyyattii kan tuffataman akka biyya isaanii irratti kabajaa fi wal-qixxummadhan jiraataniif yoo ta’u karaa biraan mormitootni isaa lammiilee biyyattii humnaan qabatan dhiituu fi gabbarsiisuu malee imaammata biraa akka hin qabne mul'isa.
Himanni Iyyaasuu irratti dhiyaate amantii kiristaanaf yaaduu irraa kan madde otuu hin ta’in yaaddoo siyaasaa isaan qabateef amantitti fayyadamuun mijaa’aa ta’ee waan argameefidha. Mokaanintoota Shawaatif Iyyaasuun kan balaa ta’eef olaantummaa isaanii qormaata keessa galchuu isaati.
Jabana Minilik kabajamoo fi sodaatamoo kan turan jabana Iyyaasuu tuffatamuun isaanii isaan aarse. Kanaafuu otuu Iyyaasuun bakka jaalatu Ogaaden daawwachaa jiruu angoo irraa isa buusudhaf tumaa tumuu eegalan. Haala kana ibsuudhan Iyyaasuun dafee
akka deebi’u dhaamsi yoo isa gahes mokaanintoota Shawaa eessayyuu hin gahan jedhee tuffiidhan deebiseef jedhama.

Imaammatni Iyyaasun mokaanintoota Shawaa dadhabsiisuf qabu sadarkaa olaanaa irra kan gahe caamsaa bara 1906 abba isaa Raas Mikaa’eliin Mootii Walloo fi Tigree godhee muuduu isaati. Mataan isaa Lij malee mootii ykn mootii moototaa kan hin jedhamin Iyyaasun abbaa isaatif taayitaa olaanaa kenne. Raas Mikaa’elis Kaaba Itoophiyaa kallatiidhan kan hafe immoo karaa ilma isaa harka duubatin too’annaa isaa jala galchee biyyatti irratti Mootii beekamaa ta’e. Sirna muudama Raas Mikaa’el irrattiis Abuna Pheexroosin kan durfame jilli tokko kan ergame yoo ta’u Iyyaasuu bakka bu’uudhan kan argaman ministeera masaraa Ligabaa Walda Gabreel Baashaa fi ministeera maallaqaa Baajroondii Yiggezuu Bahabtee turan. Ayyaanichaaf miidhaginaa fi kabaja kennuudhafiis Iyyaasun masaraa Minilik Zawudii fi uffata muudamaa baasee erge. Imaammatni Iyyaasuu mokaanintoota Shawaa dallansiise kan biroo tarkaanfii muuduu fi shaaruu inni fudhateedha .
Imaammatni isaa kun mokaanintoota baay'edhaaf kan tolu hin turre. Fakkeenyaf ministeera raayyaa ittisa biyyaa kan ture Fitawraarii Habta giyoorgis taayitaa dura taa’ummaa mana maree ministeerotaa irraa buusee nama isatti dhiyaatu Nagad Raas Hayila giyoorgisiin muude. Dajjazmaach Tafariinis (Hayilasillaasee) madda galii isaa gumruka Hararii fi Dirredhawaa irraa kaasee nama hiriyaa isaa ta’e Yidilbii nama jedhamuf kaahe. Yidilbiin naannoo Gambeellas dabalee akka bulchuf muudame. Tarkaanfin kun namoota baay'ee waan mufachiisef
Iyyaasuu angoo irraa fonqolchuu yoomiyyuu caalaa barbachisaa ta’ee mul'ate. Waligalteen Tafarii(Hayilas
illaasee) fi Habtegiyoorgis Dinagdee yoo itti fufuu baateyyuu kan madde kana irratti. Sana boodas Iyyaasun mootummoota 3 gurguddoo ta'an ija isaanii Itoophiyaa irra kaayyatanii turan Inglizii, Faransaayi fi Xaaliyan irratti yaaddoo guddaa uume.

Walabummaan Itoophiyaa mootummoota Ingilizii Faransaayii fi Xaaliyaan yeroo hunda isaan wareersaa ture. Sababni isaas ummatoota naannolee ollaa Itoophiyaa bittaa kolonii isaanii jala jiran nurratti fincilsiisa jedhani waan sodaataniif. Kanaaf jecha bara 1899 Itoophiyaan olaantummaa isaanii jalaa akka hin baane waligaltee godhan.
Minilik mataan isaas walabummaan Itoophiyaa akka guutuu hin taane waan hubate fakkaata. Kanaaf jecha mootummota sadeen waliin imaammata dippilomaasii wal kabajuu fi wal danda'uu jedhu irra gahuu danda’ee ture. Imaammatni Iyyaasuu garuu kan madaallii hariiroo alaa kan diigu fakkaatee mul'ate. Balaan kun mootummoota sadeenitti kan ifa ta’ee mul'ate imaammata Iyyaasun Ogaadeniif qabu yeroo beekan ture. Iyyaasun naannoo sanaaf jaalala addaa waan qabu fakkata. Akka waan magneetin harkisuu naanna’ee naanna’ee achumatti deebi’a. Diinootni isaa kan aangoo irraa isa buusaniis otuu inni achi jiruuti. Imaammata amantii irratti akka arginetti yaalin Iyyaasuu ummatni sumaalee itoophiyummaa isaatin kabajaa isaaf malu akka argatuuf ture. Jaalala addaa Ummatni sumaalee Iyyaasudhaaf qabuus kan mul'ate gaafa inni taayitaa irraa buusame ummatichi Hararitti duuluu isaati. Iyyaasun abdii sumaalee cimsuudhaf tarkaanfii fudhate keessaa tokko nama Abdallaa Siddiiq jedhamu bulchaa Ogaaden godhee muuduu isaati. Mootummoota naannoo sana koloneeffatan kan naassisee wareerse garuu isa kana otuu hin taane erga isaan naannoo sana qabatan irraa kaase waggoota 15 keessumaa Inglizii fi Xaaliyan irratti waraana banee kan ture qabsaa’aa sumaalee Sayid Muhammad Abdulleetif gargaarsa hamilee fi meeshaa kennuu isaati. Kun marti kan ta’e immoo yeroo waraanni adduunyaa tokkoffaan adeemsisamu keessatti waan ta’eef koloneeffattoota naassisuu irra darbee kan waca bansiisu ture....itti fufakassise Ingiliz, Faransaayi fi Xaaliyaan Awuroppaa fi giddu galeessa bahatti Jarmanii fi Turkii wajjin hudhanii walqaban Iyyaasun ummata Afrikaa kolonii isaanii jala jiran akka fincilan godha jedhanii waan yaadaniif Iyyaasuu angorraa buusuu barbaadan. Kanuma kan jabeessu Jarmanii fi Turkiin akka Iyyaasun gara kaampii isaanii seenu sossobuu eegalan.

Iyyaasuun guutumatti yoo kaampii isaanii galuu baateyyuu mallattoo inni agarsiise koloneeffattoon
ni ollaa sadan bulanii otuu hin oolin Iyyaasuu taayitaa irraa buusuf warra shawaa wajjin akka dhaabbatan isaan gochuu danda'eera.
Egaa Iyyaasuu taayitaa irraa buusudhaaf gamtaan humnoota keessaa fi alaa kan uumame haala kanaan ture. Mormiin mootummoota koloneeffattoota ollaa
hammachaa dhufuun kan ifa bahuu danda’e yeroo isaan qaammee bara 1908 tarkaanfii isaa ilaalchisanii Iyyaasudhaaf xalayaa dinniinaa barreessan ture. Sana irra darbanii Iyyaasuu taayitaa irraa buusuf diinota isaa biyya keessaa wajjin erga waliif galanii booda muslima ta’uu Iyyaasuu kan ni agarsiisa jedhan suuraa fi sanadoota sobaa addaa addaa qophesudhaan kallattiidhan hirmaataniiru.
Akkuma barame Iyyaasuu angoo irraa buusudhaaf tumaan godhame kun kan ummataa akka fakkaatu godhameera. Himanni inni angafti waa’ee amantii waan ta’eef hogganaan tumaa sanaa dursaa amantii kan ta’e Walda giyoorgis ture. Warri tumaa kana tuman mana dursaa amantitti kan walgahan yoo ta’u kan haala mijeessu immoo Fitawraarii Habta giyoorgis ture. Carraan Iyyaasuu kan caalaa gaddisiisaa ta’ee argame warri inni ofitti dhiyeessee muudaa fi badhaasaa ture isa ganuu isaaniti. Iyyaasuu balaleeffachuudhaf kan hin jarjarin Abuna Maatiwoos qofa ture.
Dinootni Iyaasuu kakuu Minilik akka Iyyaasuu hin ganne jedhee kakachiise Abuna Maatiwoos akka irraa hiikuf gaafatanii jennaan Iyyaasun muslima ta'uu isaatif ragaan qabatamaan hin jiru jedhee morme.

https://t.me/Jecha_Haayyotaa

01/07/2021

SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 2FFAA
~~~~~~~~~~~
Lij-iyyaasun Herrega mootummaa odiitii gochisiisudhaan namoota qabeenyaa fi maallaqa mootummaa balleessan irratti tarkaanfii fudhachuudhan Itoophiyatti Iyyaasuun nama isaa jalqabaati. Kan nama gaddisiisu garuu nama jibbe kana sababeeffatee hidhuu isaati.
Walumaa galatti amallii fi imaammatni Iyyaasuu kan walmormanii fi itti fufiinsa hin qabne turan. Karaa tokkoon imimmaan namoota miidhamanii haquuf jecha Affaarota qabeenya ummata Oromoo walloo(jiillee) saaman irratti yeroo duulu argina. Baruma sana immoo kan bara baraan maqaa isaa xureessaa hafe duula ummata Gimiraa irratti adeemsisame hogganuu isaa fi namootni kuma hedduutti lakkaa’aman akka garbummaadhaf saxilaman gochuu isaati.
Waardiyyoota nageenya magaalaa eegan xurumbullee (poolisii) jedhamuudhan beekaman kan dhaabe Iyyaasuudha. Mootin kun galgala galgala immoo ofumaaf seera cabsee jara sanaa wajjin walitti dhukkaasuu irratti argama. Kun marti akka laayyotti kan bira darbaman turan. Badii Iyyaasutiif sababa kan ta’an Gimiraa irratti duuluu fi xurumbullee wajjin walitti dhukkaasuu isaa otuu hin taane waraana Adawaa booda siyaasa biyyatti tasgabbaa’e fi walii galtee dippiloomaasii mootummoota alaa wajjin ta’e jeequu isaati. Iyyaasun Mokaanintoota bara Minilik ulfina guddaa qabaachaa turan ayyaana irraa balleese. Mootii isaanii Minilikin marsanii bakka addaa addaa deemuu akka waan guddatti warra lakkaa’an mokaanintoota kana yyaasutii taa’uu qabu jechudhan kan armaan gaditti dubbifamu kan sammuu isaani cabsu ittin jedhe
”Yeroo ani namota dargaggoo ta’an fudhadhee biyya daawwachuuf ka’u hayyama kiyya malee na hordofuu hin dandeessan. Furdattaniirtu , dullomtaniittu. yeroo keessan abbaa kiyya hordoftanii biyya misoomsitaniirtu . amma garuu fiigdanii jalaa bahuu fi ariitanii qabuu waan hin dandeenyef teessanii dalagaa keessan irratti cimuu qabdu” jedhe.

Iyyaasun kan obsa dhabe mokaanintoota qofa irratti otuu hin ta’in Minilik mataa isaatti ture. Jireenyaa fi du’a giddutti rarra’ee turuun Minilik carraa siyaasa Iyyaasus akkasuma akka rarra’ee hafu waan godheef Walitti bu’iinsi waardiyyoota masaraa fi Iyyaasuu giddutti bara 1905 uumamees obsa dhabuu isaa kan mul'iseedha.
Minilik malee gooftaa biroo kan hin beekne wardiyyootni akkuma duratti Raas Abaataa masaraa seenuu dhorkan ammaas Iyyaasudhaan hin seentu jedhan. Sababni isaas Iyyaasuun Minilikin gara Ankoobaritti geessisuuf yaada qaba kan jedhu waan dhaga’aniif otuu nuyi hin du’in mootin keenya masaraa kanaa hin bahu jechuudhan Iyyaasuu irratti hulaa cufan. Iyyaasuniis masaraa marsuudhan wardiyyootaf waan tokkollee alaa akka hin seennef godhe. Dhukkaasni sa’aa 5 ture gidduu isaanitti banamee namoota 17 kan ta’an du’an. Xumura irratti hogganaan amantii Abuna Maatiwoos gidduu seenee wardiyyootni akka harka kennan ta’e. Iyyaasuniis hogganaa wardiyyootaa Fitawraarii Gabramaariyaam Begemidiritti (Gondaritti)qondaaltota hafan immoo Ankoobaritti akka hidhaman godhe. Iyyaasun injifannoo isaa booda Dajazmaach Tasammaa Gazmuu Masaraadhaf hogganaa haaraa muude.
Iyyaasun kan qormaata keessa galche mokaanintoota qofaa otuu hin ta’in olaantummaa amantaa Ortodoksiiti.
Diinootni isaa Iyyaasuu ummata biratti jibbisiisudhaaf akka meeshaatti kan itti fayyadamanis isuma kana. Iyyaasun warra amantaa kiristaanaa hordofan wajjin fuudhan walitti hidhatee jiraachun isaa otuma beekamuu kan afarsamee odeeffamu garuu dubartii muslimaa fuudhe kan jedhu ture. Bataskaana Qacanee Madaana'alamii ijaarsisuu fi gadaamii Dabraliibaanosiif gargarsa gochuun isaa dagatamee akka raajitti kan odeeffamu Masgiidota ijaarsise kan jedhu ture. Himanni bara 1909 Iyyaasuu irratti dhiyaates nama amantaa hin qabne kan jedhu ture.

https://t.me/Jecha_Haayyotaa

30/06/2021

GUDDINAA TUMSAA
Kutaa 1ffaa

Luba Guddinaa Tumsaan bara 1929 Wallagga keessatti iddoo Boojjii jedhamutti dhalatan. Luba Guddinaan obboleessa waa'ee Oromootif wareegame Baaroo Tumsaa jedhamu qabu.
Waldaan Makaana Yesuusii dandeettii geggeessummaa fi beekumsa obbo Guddinaa waan hubatteef, bara 1963tti gara Ameerikaa deemanii Luter Tiyoolojikaal Seminaaritti tiyooloojii akka baratan goote. Ijoollee isaanii shananii fi haadha manaa isaanii
Itoophiyaatti dhiisanii 1963 amma 1966tti achitti barumsarra turan. Yeroo barumsa xumuran baachiler digirii diviiniitii fudhatan.
Dura Ta'aa Waldaa Makaana Yesuus Ta'uu Isaanii
Erga barumsa isaanii xumuranii booda, Luba Guddinaan gara Itoophiyaatti deebi’an. Akkuma deebi’aniin Jeneraal Sekreeterii (Dura ta’aa) Waldaa Makaana Yesuusii Itoophiyaa ta’anii muudaman. Bara 1966 kaase hanga 1979 ajjeefamanitti jeneraal sekreterii ta’anii tajaajilaa turan.
Geggeessummaan isaanii waldaan Wangeela, kabaja ilma namaa fi walqixxummaa sabaa irratti akka xiyyeeffattu godhe. Yaadni isaanii tiyooloojii Kiristoos bu’uura godhatee fi guutummaa ilma namaa irraatti xiyyeffatu ture. Barumsa argachuu, dhukkubsataa yaaluu, guddina diinagdee, hawaasa tokkummaasaa cimaa, fi amantiitti cimuu walitti kan qabate ture. “Afrikaa keessatti siyaasni eenyu jiraachuu akka danda’uu fi eenyu du’uu akka qabu murteessa” jechuun komiidhan dubbatu.
Mootummaa fiwudaalii Hayila Sillaasee warraa balaaleffatan xiqqoo keessa Luba Guddinaan tokko turani. Boodarras waan mootummaan Dargii jedhe namoota “lakki” jedhan keessaa tokko turan.

https://t.me/Jecha_Haayyotaa

30/06/2021

Onesmoos Nasib

Onesmoos Nasib (1856 - Waxabajjii 21, 1931) dhalataa Oromoo Kiristaanummaa Luteraanii fudhatee fi yeroo jalqabatiif Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiike. Maatiin isaa yeroo ijoollumma isaa maqaa Hiika jedhamu baasaniif; boodarra erga Kiristaana ta’ee maqaa Onesmoos jedhu Macaafa Qulqullurraa baafate.

Onesmoos Nasib Kitaaba Waaqeffannaa Luteraanii Ameerikaa keessatti akka qulqulluutti(saint) galmeeffameera, gaafa Waxabajjii 21 jireenyi isaas yaadatamee hin oola. Waldaan Makaana Yesuusii mana barumsa Wangeelaa isaani ikan Finfinnee jiru yaadanno Onesmoosiif jecha maqaa isaatin moggaasun isa kabajaniiru.

Jireenya Isaa

Onesmoos Nasib bara 1856 godina Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu jedhamutti dhalate. Abbaan Onesmoos yeroo umuriin isaa 4 du’e. Hiikaan yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin bara 1869 butamee gabrumatti gurgurame. Nasib yeroo 8 ol nama adda addaatti erga gurguramee booda namni Warner Manzinger (1832-1875) jedhamu, Masawwaatti Itti-aanaa Qoonsilaa Faransaayi kan ture (naannoo Galaana Diimaatti, Eertiraa keessa) bilisa isa baase. Itti aansees Mishinarii Wangeelaa Iswiidin (Swedish Evangelical Mission) biratti Wangeela barachuuf carraa argatee iddoo Imkulluu jedhamutti wangeelas barate. Barumsarrattis barataa cimaa ta’ee aragame, gaafa ayyaana Faasikaa Sanbata Bitootessa 31, 1872tti cuuphame. Itti aansee barumsa dabalataa waggaa shaniif akka fudhatuuf Iswiidin, Johannelunds Teologiska Högskola Biromaaitti ergame. Erga achii deebi’ee booda, Masawwaatti Mihiret Hayiluu fuudhe.

Onesmoos dafee gara Oromoo Maccaa (gara biyya isaa) deemee Wangeela barsiisee Kiristaana taasisuuf karoorfate. Garuu Minilik II mishinariin biyya alaa kamiyyuu biyya keessa akka hin seenne waan dhorkeef karaa Sudaan Wallagga seenuuf yaali godhe. Gareen Onesmoos garuu Asoosa darbaa fagaatee odoo deemin duubatti gara Famakaatti akka deebi’u dirqame. Onesmoos achitti dhukkubaan qabamee dhukkubsatee ture. Kanaan booda gara Kaartumitti deebi’uf waan dirqamaniif gaafa Ebla 10, 1882 Kaartum ga’an. Onesmosis dhibee isaarraa fayyee gara Imkulluutti deebi’e. Achittii qajeelfama eeggachaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu jalqabe. Bara 1886, erga yeroo lammataaf Wallaga seenuuf yaalii godhee milkaa’uu dadhabee booda, guutummaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikutti deebi’e.

Onesmoos erga umurii ijoollummaa isaatii kaasee ummata Oromoo keessa jiraachaa waan hin turiniif jechoota fi jechamoota baayyee wan sirriitti hin beekneef gargaarsa isa barbaachise. Kanaafis nama isa gargaaru Asteer Gannoo (1874-1964) argate. Asteer Gannoo fi Onesmoos waliin Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikan.

Bara 1904, Onesmoos gara Wallaggaatti deebi’e. Bulchaan Wallagga Kumsaa Morodaas kabajaan isa simate. Onesmoosis haala duraan hin baramneen Wangeela Afaan Oromootin barsiisa ture. Kunimmoo Qeesonni warra Ortodoksii akka isa jibban godhe. Jaalala ummanni Oromoo isaaf qabuu fi Afaan Oromoon barsiisuun isaa warri qeesotaa Durbee Maaramii arrabsa jedhanii akka himmannaa irratti banan godhe. Bara 1906 Onesmoos himannaa kanaan Abuna Maatewoos duratti dhiyaate Abunichis akka inni biyya ba’u murteesse. Haa ta’u malee Minilik IIn murtee Abuunichaa jijjiiree akka inni Naqamtetti deebi’u godhe; Macaafa Qulqulluu garuu akka hin barsiifne dhowwame.

Waggoota itti aananiif hojiin Onesmoos mana barumsaa Naqamtee keessatti barsiisuu caalaa waan biraa hojjachuu hin dandeenye. Sanayyuu ta’ee biyyaan ari’ama yaaddoon jedhu yeroo hunda isarra jira ture. Bara 1916, Lij Iyyaasuun Onesmoosiif akka Wangeela barsiisu eeyyameef. Iyyaasuun erga aangorraa bu’ees booda eeyyamni wangeela lallabuu irraa hin fudhatamne ture. Onesmoosis hanga du’a isaatti Wangeela lallabaa fi Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo ummataaf rabsaa ture.

Suuta suutaan diinummaan Ortodoksiin warra mishineriitii qabu erga abunichi du’ee hirrachaa deeme. Warri mishinerii fi Onesmoosis ummata wangeela barsiisuu, dhukkubsataa yaaluu, fi dargaggoota mana barumsaa keessatti barnoota barsiisuu itti fufan.

Onesmoos erga nagaa kana argee booda umurii isaa wagga 75tti gaafa Dilbataa Waxabajjii 21, 1931tti du’e. Guyyaan sun Dilbata barii ture, Onesmoosis Wangeela lallaba/barsiisa jedhamee eeggama ture. Garuu guyyaa san tasa dhukkubsatee du’e. Achuma magaalaa Naqamtee keessati awwaallamee. Awwaalli isa iddoowwan seena magaalaa Naqamtee keessaa isa tokko.

Kitaabolee Inni Maxxanse

Kitaaba xiqqaa mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikiirraa gara Afaan Oromootti hiike.
Bara 1892 kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamu Afaan Oromootti hiike.
Bara 1885tti gargaarsa Asteer Gannootiin, Kuusaa jechootaa Oromoo-Siwiidiin, kan jechoota 6000 qabu qopheesse.
Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhamu hiikee maxxanse.
Bara 1894 tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanse. Mata dureen kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.
Macaafa Qulqulluu. 1893
The Oromo Spelling Book. Moncullo: Swedish Mission Press, 1884.

https://t.me/Jecha_Haayyotaa

Address

Kellem/d/dolloo
Nekemt

Telephone

+251918678993

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Labsii page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share