Dhamdhama Dammaarraa cophuu

Dhamdhama Dammaarraa cophuu Kaayyoon page kana waan saba Oromoo qofa ilaalatu irratti hojjeta.

Shamarran gaa'ela hin dhaabbatin maraaf!==================A. Dubarri umuriin ishee 18-24 dhiirota dhugaatti gaa'elaaf ba...
18/01/2025

Shamarran gaa'ela hin dhaabbatin maraaf!
==================
A. Dubarri umuriin ishee 18-24 dhiirota dhugaatti gaa'elaaf barbaadan hawwatti. Garuu isheen:
* Heerumni gubachuu dha.
* Ani ijoollee dha.
* Yooman bashannanee quufe kkf... yaada jedhu deebisti.
√Yeroo kanatti dhiirota hedduudhaan filatamti waan ta'eef, gaafatamuu fi dhiirota boca qaamaa fi afaan ho'an jijijjiiruun yeroon ishee jalaa dhiphata (biizii taati). Malee dhiira gaa'elaaf dheebotee ishee barbaaduuf gurra hin laattu.

B. Shamarran umuriin 25-27 ammoo,warri ishee gaaffii gaafachuu jalqabu.
* 'Hanga ammaa jaalallee hin argannee?
* Umuriinkee deemaa jiraam.
* Hiriyyoonni kee hedduun heerumaniirum'...kkf.. jedhu.
√ Isheenis of gaafachuu jalqabdi:
- 'Ani dhuguma umuriinkoo deemeeyii?
- Hiriyaankoo sun gaa'elaaf qophiidhaa?
- Maal gochuun qaba?
- Yaaduu, yaadda'uu, guungumuu...

C. Umurii 27-30tti
* Dhiira wajjin gammaduuf osoo hin taane, gaa'elaaf qofa barbaaduu jalqabdi.
* Gaa'ela ... gaa'ela... Sanumatu gurra irraatii iyya.
√ Gaa'ela dhaabbachuuf lafti itti dhi'uu baatus, bakka kanatti waan nama gaddisiisu carraan gaa'elaaf gaafatamuu ishee haphachaa dhufa.

D. Umurii 30-35tti
* Hiriyyoonni ishee duraanii maaliif hin heerumnee ittiin jechuu jalqabu.
* Isheenis, situ jireenyakoo naaf murteessa moo? Ati Waaqayyoo dha moo?' Deebii jedhu, aariidhaan laatti.
* Heerumuu dhiisuun yakkaa? Isa jedhus itti dabalti.
* Hamilee cabuu jalqabdi.
* Abbaa manaa argachuuf amantii isheetti jajjabaatti.
* Dubbiin filannoo hafee, dhiirrumti haa argamuu qofa taati.
* Umurii kanatti dhiirri ishee fuudhuuf itti dhiyaatus, kan waggaa 45tti baayyata. Namni akkanaa ammoo, nama gaa'ela dhaabbatee diige, kan ijoollee qabu, yookaan araada qabu ta'uullee mala.

CUUNFAA YAADA KOO:
* Dhiirri sanyii facaasa. Dubarri ammoo, maasaa irra facaafamtuu dha. Sanyiin yeroo hundaa qophaa'aa ta'us, maasaan yeroo qaba.
* Dubaraaf umuriin murteessaadha. Yeroo kee hin gubin, bor gaabbiin of hin gubin.
* Waaqayyo waan hundaa yeroon daangessee kaa'e. Yeroo sanatti fayyadamuun barbaachisaa dha. Kadhannaan waan hundaaf deebii hin laatu. Waan Waaqayyo yeroo kaa'eef itti fayyadamuu dhiisuun kadhannaatti jooruuniyyuu Waaqa jeequu dha.
* Umurii keessanitti fayyadamaa.
* Beellama gaa'elaa waggaa dheeraa kaadhimaa keessan wajjin qabachuun, umurii keessan of jalaa hin gubinaa.

DABALATA: Yaadni ani kaase kun, hadhooftuu taatus, dhugaa dhibbentaa 75 raawwatamuu dha.
* Warri umuriin koo guddaadhaa yaaddoftanis, jiruu keessan irratti sona dabaluun, gaa'ela keessan milkeeffadhaa! Fakkeenyaaf: amala toluu, kaayyoo ofiitti cichuu fi, ofitti amanamummaa qabaachuuni.

21/12/2024
17/07/2024

:-
==============================
1.Xiyyaara kan balaliise =>Asfawuu Alii
2.Dubartiin Jeettii waraanaa Su-27 balaliiste =>
3.Dubartiin Jeettii balaliisuun jeetti diinaa qilleensa irraa buuste=>Asteer Tolasaa(Addunyaa irraayyis dubartii jalqabaati)
4.Ogeessa fayyaa kan ture =>Warqinaa Isheetee
5.Raadiyoodhaan oduu kan dhiyeesse =>Kabbadaa Mikaa'eel
6.Dubartiin karaa fooddaa Tv oduu dhiyeessite =>Illeenii Makuraa
7.Baankiin dubartootaan huddeeffame =>Baankii Innaat
8.Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ture =>Habta Giyoorgis Dinagdeeti.
9.Abbaa Waraana Ammayyaa =>Meejar J/Mulugeetaa Bulii
10.Mana barumsaa Ammayyaa jalqabaa =>M/B Minilik II
11.Daandiin Asphaaltii jalqabaa =>Finfinnee-Amboo
12.Fiilmiin jalqabaa =>Hiruut,Abbaan ishee eenyu?
13.Fonqolcha mootummaa kan qindeesaan =>Mangistuu Niwaayi fi Girmaamee Niwaayi
14.Abbaa Tiyaatira Ammayyaa kan ture =>Looret Tsaggayee G/Madiin
15.Abbaa ogummaa aartii =>aartist Afawarqi Taklee
16.Dubartiin Hoggaantuu paartii siyaasaa turte =>Burtukaan Miidhaksaa
17.Dubartiin Hoggaantuu Ministeera Barnootaa turte =>Gannat Zawudee
18.Ministiriin kutaa 6 barri eegale =>1938
19.Ministiriin kutaa 8 barri eegale =>1940
20.Qormaanni Maatirikii barri eegale =>1944
21.Muummicha Ministeera kan ture =>Akliiluu Habta Waldi
22.Kantiibaa jalqabaa kan ture =>Bitwaddad W/Tsaadiq
23.Dubartiin xiyyaara balaliiste:Mulu-immabeet Immirruuti(Afrikaa irraas dubartii jalqabaati)
24.Gaazexaan jalqabaa =>A'imiroo(Aimiro)

:kanan dubbise irraa

kan:

 !!!Haasa'a Abbaa warraa (A) fi Hakima (H) jidduutti gaggeeffame:  Obboo X hojiin keessan maalidha?   Baankii keessatti ...
17/07/2024

!!!
Haasa'a Abbaa warraa (A) fi Hakima (H) jidduutti gaggeeffame:
Obboo X hojiin keessan maalidha?
Baankii keessatti qacaramee hojjadha.
Haati warraa keessan hoo?
Isheen hojii hin qabdu, haadha manaa qofa
Ganama maatiif eenyutu ciree qopheessa?
Hojii waan hin qabneef, haadha warraa koodha.
Ciree hojjachuuf haati warraa keessan sa'aa meeqatti hirribaa kaati?
Ciree hojjachuudhaan dura mana qulqulleessuu qabdi waan ta'eef, obboroo sa'aa 11tti kaati.
Ijoolleen kee haala kamiin mana barumsaa deemu?
Hojii hin qabdu waan ta'eef, haadha warraa kootu isaan geessa
Ijoollee mana barumsaa erga geessitee booda hoo maal gooti?
Hojii hin qabdu waan ta'eef gabaa deemtee, achii deebitee nyaata hojjattee uffata miiciti.
Galgala hojiidhaa erga galtanii booda isin maal gootu?
Guyyaa guutuu hojjachaa oole waan ta'eef, boqonaan fudhadha.
Haati warraa keessan hoo?
Irbaata hojjatti, ijoollee kunuunsiti, meeshaalee qulqulleessiti, nyaata nuuf qopheessitee ijoollee raffifti.
**** Seenaa kana irraa eenyutu caalaatti hojjata jettanii yaaddu??
Ganama obboroo irraa eegalee hanga halkaniitti hojii hedduu hojjachaa kan turte haadha manaa keetiin "Isheen hojii hin qabdu jettaa? Eeyyen dhugaadha haadha manaa ta'anii hojii mana keessaa hojjachaa ooluun ragaa waraqaa qabaachuu dhiisuu mala. Haa ta'u malee, gaheen isaanii baay'ee olaanaadha. Haadha manaa keenya dinqisiifachuu qabna. Sababni isaas, aarsaan isaanii baay'eedha. Dubartoonni amala akka ashaboo qabu. Jiraachuun isaanii homaa nutti fakkaachuu dhiisuu danda’a. Jiraachuu dhabuun isaanii garuu wanta hunda dhandhama maleessa gochuu danda'a.
Dubartiin haadha
Dubartiin haadha warraati
Dubartii intala
Dubartiin obboleettidha
Dubartiin hiriyaadha
Share godhaatii dubartoonni hundi akka seeqataniifi dhiirri marti faayidaa dubartoota akka hubatan godha!!

Galatoomaa!!!
©️ Dr. Chala dida
🫱 Dr. Heeran

Address

East
Nekemte
AFRIKA

Telephone

+251919457337

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhamdhama Dammaarraa cophuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share