28/02/2025
Seenaa Gabaabaa
Gosa Arsii-Aboosaraafi Hortee isaa.
Seennaa Of beekun goosumma ykn Gandumma miti.
kan nun beyinees nu baraadhu mal akkaa tatee senaa gosaa ke qoraadhu my sister and brother 🫶💯🥰👌
Aboosarri Maali?
Aboosarri Obboleessa Leenchaati Leenci Aboosara Hin Tuqu, Aboosarris Leenca Hin Tuqa.Yoo Wal Arganis Karaa walii Kennanii Wal bira darbu. Dhugaan Kun Afoola Arsii Keessatti hedduminaan dubbatamaa jaarraa 3 hanga 4 tiif Dhalootaa dhalootatti darbaa dhufee.
Aboossarri gosoota Arsii keessaa isa tokko. Gosti kun lafa Baalee Kaasee hanga Arsiitti diriiree baldhatee Gosa jiraataa jiruudha.
Aboossarri namoota Gurguddoo, Aalimman hedduu, Abbootii qabeenyaa bebeekkamoo heddu gosa qabu.
Aboosarri Baaletti Aanaa Ginniir Ganda Guddaa Maqaan Isaan gosa kanaan Moggaafame, Naannoo Hasaasaa Aboosara Gora jedhamee kan waamamu, Aaanaa Digaluuf Xiijootti keessatti Aboosara Lolee, Aboosara Alkoo, Aboosara Gajoo(Bombii,) Aboosara Murqichaa, Aboosara Booladanaa,akkasumas naannoo magaalaa baatutti Aboosara Gaaloo Hirphee, Aboosara Daallee ,Bilbulaa fi Iddoo Birootis baay’innaan horee babal'atee argama.
Gosti Baldhaafi Beekamaan Kun Garuu Seenaan Isaa Beekuuf Qorannoo Gochuu Osoo Barbaadamee Kitaaba seeraan bareeffame dhiisii warqaa fuula lamaa ykn sadi qabdu argachuun ni dandama natti hin fakkaatu, Gosa baldhaa seenaa bareeda qabu, kan namoota barata hedduu qabu kana ilaalchisee wanti seenaa isaa ibsu jiraachuu dhabuun hedduu nama dhukkubsa, hedduu namas qaannessa.
Aboosarri Lafa Miidhagaafi Omisha Guddaa Irraa Argachuun Danda'amu Irra Qubatee Gosa Jiruu yoo ta'u ,
Waantaata aboossarri ittiin beekkamu keessaa kan iddoo hundatti dubbatamu hariiroo Leenca waliin qabuufiAyyaantummaa isaati.
Afoola keessatti
Namoonni yeroo Gajafa Keessatti
Leenca Leendaa Waliin Aboosara jedhama.
Aboosarri yoo Eebbisee ni Geessafi Abaarus Immoo Ni Balleessa, Kun Kennaa Rabbii Kenneef Akka ta'ee hubaadhaa