𝐉𝐢𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞

  • Home
  • Ethiopia
  • Tafo
  • 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞

𝐉𝐢𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞 𝐘𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐍𝐮𝐧 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐢𝐬𝐢𝐧

Permanently closed.
Rabbiin Kara Haqarra Ija Isinin Dhorkin
25/09/2021

Rabbiin Kara Haqarra Ija Isinin Dhorkin

25/09/2021
إلى كل من يريد أن يستجيب الله له!عن أنس بن مالك قال: جاءت أم سليم إلى النبي صلى الله عليه وسلم، فقالت: يا رسول الله، علم...
25/09/2021

إلى كل من يريد أن يستجيب الله له!
عن أنس بن مالك قال: جاءت أم سليم إلى النبي صلى الله عليه وسلم، فقالت: يا رسول الله، علمني كلمات أدعو بهن قال: «تسبحين الله عشرًا، وتحمدينه عشرًا، وتكبرينه عشرًا، ثم سلي حاجتك، فإنه يقول: قد فعلت، قد فعلت». مسند أحمد (12207)، سنن النسائي (1299).
فلنكثر من هذا الدعاء خاصة في يوم الجمعة وفي ساعة الإجابة، ولا تنس الإكثار من الصلاة على النبي صلى الله عليه وسلم.

أكمل الناس وأهداهم في جميع أمور حياتهم، أكثرهم تعلقًا بكتاب الله! قال تعالى: {إِنَّ هَذَا الْقُرْآنَ يَهْدِي لِلَّتِي هِ...
25/09/2021

أكمل الناس وأهداهم في جميع أمور حياتهم، أكثرهم تعلقًا بكتاب الله!
قال تعالى: {إِنَّ هَذَا الْقُرْآنَ يَهْدِي لِلَّتِي هِيَ أَقْوَمُ وَيُبَشِّرُ الْمُؤْمِنِينَ الَّذِينَ يَعْمَلُونَ الصَّالِحَاتِ أَنَّ لَهُمْ أَجْراً كَبِيراً} (الإسراء:9).
يخبر تعالى عن شرف القرآن وجلالته، وأنه {يَهْدِي لِلَّتِي هِيَ أَقْوَمُ}، فمن اهتدى بما يدعو إليه القرآن، كان أكمل الناس، وأقومهم، وأهداهم في جميع الأمور، {وَيُبَشِّرُ الْمُؤْمِنِينَ الَّذِينَ يَعْمَلُونَ الصَّالِحَاتِ} من الواجبات والسنن {أَنَّ لَهُمْ أَجْراً كَبِيراً} أعده الله لهم في دار كرامته، لا يعلم وصفه إلا هو.
تفسير السعدي (4/264).

{وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدْرُكَ بِمَا يَقُولُونَ (97) فَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ وَكُنْ مِنَ السَّاجِدِينَ (...
25/09/2021

{وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدْرُكَ بِمَا يَقُولُونَ (97) فَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ وَكُنْ مِنَ السَّاجِدِينَ (98) وَاعْبُدْ رَبَّكَ حَتَّى يَأْتِيَكَ الْيَقِينُ (99)} [الحجر: 97 - 99].
كثيراً ما نبحث عن طريق طويلة لحلّ مشكلة ما، والطريق الأقصر أمامنا ، وهاهو التطبيق العملي لضيق الصدر والحزن الناتج عن كل مشاكلنا. (سبحانك اللهم وبحمدك)

Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 19by Sammubani - 2 months ago in Sababoota Duubatti Deebi'uu21-Dhiibbaa NaannooSha...
24/09/2021

Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 19
by Sammubani - 2 months ago in Sababoota Duubatti Deebi'uu
21-Dhiibbaa Naannoo
Shakkii hin qabu naannoon jiraattota irratti dhiibbaa qaba. Saniifi, mu’iminni amanti isaa keessatti akka hin qoramneef Nabiyyiin (SAW) mushrikoota waliin gurmaa’u, isaan waliin taa’u fi isaan waliin jiraachu irraa dhoowwe. Iccitiin dhoowwa kana keessa jiru, naannoo badaa qajeelfamoonni bu’uuraa, akhlaaqni fi amantin itti bade keessatti akkasumas, hawaasni akka horii kaayyoon isaanii ol’aanan fedhii ofii guuttachuu ta’ee keessatti dhiibbaan mu’minarra gahuu danda’a. “Isaan akka horii malee homaayyu miti. Inumaa san caalaa karaa irraa kan jallataniidha.” (Suuratu Al-Furqaan 25:44)

Kanaafi, Muslimaaf biyyoota akkana deemuun isaaf hin hayyamamu wanta dirqama ta’eef malee. Kan akka qorichaa, barnoota, daldalaa. Wantoonni dirqamaa kunniin qajeelfama shari’aa qabu. Qajeelfamoota kanniin asitti kaasuuf qorannoo keenyaa miti. Ani amma asitti dhiibbaa hawaasni badaan kuni nama achi keessa jiraatu irratti fidu dubbadha: namticha Islaama qabate, amanti isaa eegu, amaana Rabbiin irra kaa’e tiiksuu fi namootaaf fakkeenya ta’e tokko nan beeka. Dhimmoota jireenya isaa keessatti ol’aantummaa qaba. Namtichi kuni yeroo gabaabaa keessatti mana isaa meeshaa taphaa fi badii irraa qulqulluu ta’etti jijjiruu danda’eera. Maatii isaa hijaabatti ni ajaje, dhiira alagaatiin walitti makamuu irraa ni dhoowwe. Kitaabbanii fi kaasetti faayda guddaa qaban isaaniif fide.

Akkuma kana hojii isaa keessatti collummaa (ciminna) guddaa agarsiise. Ciminni kuni biyyoota kufrii keessaa biyya takka keessatti gahee hojii isaatiin akka kaadhimamu taasise. (Biyya kufrii tana keessatti akka gahee hojii tokko hojjatuuf ni affeerame). Innis diddaa tokko malee wali galee. Fitnaa fi fasaada (badii) biyya tana keessa jiru osoo hin madaalin achi deemu irratti wali gale. Ergasii innis gara biyya kufrii tanaa ni deeme. Hawaasa kaafiraa kanaan ni gowwoome. Isaanii fi qabeenya isaanii balaqessa’e baduu ni dinqisiifate. Gaheen hojii isaa ni xumuramee. Qalbiin isaa suuraa jallinnaa garagaratiin tan guuttamtu taatee gara maatii isaatti deebi’e. Mana gaarii gara jama’aa jaahilaatti jijjire. Qajeelfama bu’uuraa Islaama qabachuutti ni qoose. Gatii amantii gadi buuse. Manni isaa fakkeenya badiitii fi waxxee fasaadaa ta’e. Shakkii hin qabu, kuni dhiibbaa naannoo irraa kan dhufuu fi dhimmoota haala salphaan gubbaa isaanii qofa ilaaluti.

Ustaaz Fatih Yakun akkana jechuun dubbata: namtichi tokko gara Ameerikaa deeme. Biyya isaa keessatti Muslimaaf fakkeenya gaarii ture. Obboleeyyan isaa jidduutti hidhannaa gaarii itti hidhatan ture. Garuu biyya kaafira tana keessa waggoota muraasaaf turuun isaa gara nama biraatti isa jijjire. Haala duraa irraa ni jijjiramee. Naannoon badaan isarratti dhiibbaa guddaa uumee jira. Deemsa isaatiin dura ifa isarraa ifu akka dhabu taasise.

Namtichi biraas gara naannoma kanaa imale. Waggaa tokko caalaa gadi dhaabbachuu hin dandeenye. San booda ma’asiyaa keessatti lixe. Ergasii oduun isaa ni dhokate, faanni isaa ni bade. Hanga ammaatu xalayaa waggaa jalqabaa irratti naaf erge nan yaadadha. Xalayaan kuni warra da’awaa irratti hojjatan qeequu fi faallessun kan guuttameedha. Ergasii xumurri isaa karaa qajeelaa irra jallachuu ta’e. Gargaarsa Rabbuma irraa barbaadan.” –xumurame

Gaafatan akkana jechuun of gaafachu danda’a: gochi moo’atamuu fi duubatti deebi’u kanatti geessu maalidhaa? Anis akkana jechuun deebisa:

Ulfaatinna karaa fi ba’aatti xiyyeefachu dhiisu-Asitti nama yommuu hawaasa isaa keessa jiraatu balaa haalaa, ulfaatinna karaatii fi ulfaatinna ba’aatti xiyyeefannoo hin kennineetu jira. (Islaama qabachu keessatti ulfaatinnaa fi rakkoolee nama qunnamanitti hin xiyyeefatu). Yommuu gara hawaasa biraa deemu dhimmichaaf siinqi barbaachisu hin qopheefanne. (Beekumsa gahaa fi iimaana cimaa hin hidhanne.) Kanaafu, qormaata jalqabaa irratti kan kufu ta’e argita. Dhugumatti, karaan Islaama qabachuu qoreen kan guuttameedha. Namni kana baadhachuu hin dandeenye dhumti isaa kasaaraa fi badiidha.
Shakkii fi jallinni gariin nama keessa jiraachu-Kunoo asitti nama Islaama qabachuun isaa hundee sirrii irratti hin hundoofnetu jira. Tarii shakkiin, jallinni amalaa fi adeemsaa muraasni isa bira jiraachu danda’a. Hundeen amanti cimaa ta’e kan fedhii lubbuu isaatirraa isa deebisuu isa keessa waan hin jirreef yeroma jalqabaa qoramuun ni kufa.
Islaama hordofuu aadaa godhachuu fi hawaasa akkeessu-Asitti nama Islaama qabachuun isaa aadaa fi hawaasa keessa jiraatu akkeessu kan ta’etu jira. Naannoo kanarraa gara naannoo biraatti darbuu isaatiin kufaati ariifataa kan kufu ta’e argita. Sababni isaas, Islaama qabachuun isaa akkeessaa irratti kan hundaa’edha. Sababni yoo bade bu’aan isaas ni bada.
Namoonni inni waliin ta’u jijjiramu-Sababni jallinna kanaa naannoo lammataa keessatti warroonni inni waliin taa’u jijjiramu danda’u. Naannoo lammataa kana keessatti warra beekumsaa fi da’awaa, warra alkooli dhuganii fi sirbaniin bakka buusa. Kufaatiin asirraa jalqaba. Wanta dubbatamu keessaa tokko: Hasan Al Banna yommuu obboleewwan isaa keessaa tokko biyyaa addaati fi barnoota itti baratan ykn hojjatan kaa’u, wantoota lama irraa isa akeekachiisa: dubartii jalqabaa fi dhugaati nama macheessu jalqabaa.
Fitnaa irraa sodaachuu fi of eeggachuu dhiisu. Sababni isaas, jallinna biyya san keessa jiru herreega homaatu herreegu dhiisun kufaati kan labsuudha, yoo Rabbiin fedhe malee.
Ilmaan Muslimoota aasxaa kheeyri fi fooyya’insaa ta’anitti hasaasun mata duree kana xumura. Akkana isaaniin jedha; isin keessaa nama biyya isaa keessatti Islaama qabatutu jira. Yommuu gara biyya kufrii yookin inumaa biyyoota Muslima keessaa biyya biraatti jijjiramu gara nama biraatti kan jijjiramu ta’ee argita. Ijoollee Muslimootaa keessaa nama saalaa faallan walitti makamuu diduu fi irra of qusatutu jira. Maatii isaa of haguugu fi qaanii irratti dirqisiisutu jira. Rabbiif galanni haa galu kuni dhimma gaariidha. Garuu obboleessa kana yommuu biyya isaa keessaa gara biyya biraatti deemu bakka dhiiraa fi dubartiin walitti makaman keessa seenuu irraa of hin qusatu. Tarii akkuma kana maatii isaas qabee waliin seenu danda’a.

Kanaaf fakkeenya siif dhiyeessa: jiraattota Riyaad keessaa hanga nutti mul’atuun dargaggeessa gaarii, taqwaa qabu fi da’awaa gochuuf fedhii guddaa qabuu tokkotu jira. Fakkeenyaaf yommuu gara Jiddaa deemu, safuu fi qajeelfamoota bu’uuraa irraa duwwaa ta’a. Mataa ofiiti chaanalii babbadaa kan ilaaluu ta’e argita. Maatii isaa waliin moggaa galaanaa dhiiraa fi dubartiin walitti makaman irra taa’u irraa of hin qusatu.

Maaliif dargaggeesi kuni yommuu biyya isaa keessa jiru dubartiin walitti makamu dida, ergasii yommuu biyya biraa deemu dubartiin walitti makamutti gammadaa? Yeroo duraanii gadi qabachuun nama shari’aa waan ta’eef aadaa fi akkeessan didee? Dhugumatti, kuni gaafi nama isa deebisuu barbaaduudha?

Gariin isaanii kuni ragaalee ittiin morman qabu. Isaan keessaa, “kuni yeroo gabaabaa murtaa’aa ta’eedha. Dawa’annaa fi boqonnaa nafsee irra hin darbu.” jedhu. Kuni uzrii fokkataadha.

Akkana isaaniin jedha: sila Muslimni wanta Rabbiin dhoowween ni bashannanaa? Filmii sagaagalummaa fi wanta fokkuu agarsiisuu ilaaluun nafsee bashannansiisuun ni ta’aa? Kuni haraama ta’uu erga beektee maaliif isatti qajeeltaa?
Yoo hin beekin suni musiibaadhaa
Yoo beektee musiibaan guddaadhaa

Namoonni Islaama qabatan yommuu biyya isaanii keessaa gara biyya biraatti deeman maaliif yuniformii faasiqtotaa uffatuu? Kuni sababoota ijoo gara duubatti deebi’uutti nama geessan keessaa tokkoodha.

Dirqamni Muslima haqaa irra jiru ulfaatinna karaa beekuu fi dhoksaa ifatti Rabbiin ofirratti eegu (na arga jedhee sodaachu) dha. Fedhii nafsee isaatiif gadi jechuu hin qabu. Gabaabumatti, fedhii dachaa bakka murtaa’aa keessatti gahee murtaa’atti isa geessu qabaachu hin qabu. Yeroo biyya ofii keessa jiraatu nama taqwaa qabu, gaarii, fooyyessaa, yeroo biyya biraa keessa jiraatu immoo faasiqa, nama badii hojjatu, nama fedhii lubbuu fi salphinna hordofuu ta’uu hin qabu.

Yeroo baay’ee xumurri namoota kanniinii xumura gaddisiisaa ta’a. Innis duubatti deebi’uu fi addunyaa Aakhiratti salphachuudha. Sababni isaas, warri fedhii lama qaban yeroo dheeraaf itti hin fufan. Kufaatin isaanii dhimma murteefamaa shakkii hin qabneedha.

Furmaanni haala akkanaa ijjannoo fi jabeenya fedhii barbaada. Keessumaayyu gara alaa deemuf murtoo irra gahuu keessatti hubannoo fi qarummaa barbaaachisa.

Sertifikeetti Muslima amanti isaa irraa akka jallatu taasisu keessa Rabbiin barakaa hin godhin. Qabeenya Aakhiratti nama kasaarsu addunyaa keessatti kan nama fayyadu hin godhin.

Irra deebi’uun akkana jedhe: namoota birootiin yommuu wal-bira qabaman isaan kunniin muraasa. Rabbiif galanni haa galu. Garuu haala isaanii sirriitti barachuutu isaan irra jira.

Guduunfaa
✒Namni yommuu gara biyya alaa keessumaayyu gara biyya kufrii fi badiin itti baay’atu deemu, kasaaraa fi bu’aa wal madaalchisu qaba. Bu’aa addunyaa buufachuuf jedhe amanti isaa kan dhabu yoo ta’e, kuni dhugumatti bu’aa buufachu osoo hin ta’in kasaaraa guddaa kasaarudha. Kanaafu, iddoo amanti ofii itti dhabutti deemu hin qabu.

Madda: Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji

24/09/2021

Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 15
by Sammubani - 3 months ago in Sababoota Duubatti Deebi'uu
Kutaa darbe irraa itti fufuun sababoota duubatti deebi’iinsaa ni ilaalla:

16-Ruuhi leenjisuu fi qulqulleessu irratti kakka`uumsa dhabuu
Nafseen ilma namaa ruuhi fi qaama irraa ijaarramte. Qaamni haqa qaba, ruuhinis haqa qabdi. Abbaa haqaa hundaaf haqa isaa kennuun dirqama.

Haajaan namni ruuhi isaa soorutti qabu haajaa inni qaama isaa sooru caalaa barbaachisaadha. Sababni isaas, ruuhi soorun faaydan isaa addunyaa fi Aakhiratti yommuu ta`u faaydan qaama sooru immoo addunyaa qofarratti gabaabbata.

Mallattoo fi amantii ahli sunnah wal jama`a keessaa tokko: iimaanni ni dabalas ni hir`atas. Rabbiif ajajamuun ni dabala, Isaaf ajajamu diduun immoo ni hir`ata. Rabbiin olta`aan ni jedha: “Iimaana isaanii waliin iimaana akka dabalataniif” (Suuratu Al-Fatih 48:4)

Xabaraani fi Haakim akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaasanii jiru: “Akkuma uffanni moofu iimaanni qoma tokkoo keessanii keessatti ni moofa. Kanaafu, akka iimaana qalbii keessan keessatti haaromsuuf Rabbiin kadhaa.”

Dhugumatti, iimaanni dabaluun wantoota bu`uuraa ruuhi ittiin leenjisanii fi qulqulleessan keessaa tokkoodha. Namoonni baay`een marsaa ruuhi leenjisuu fi qulqulleessu akka darbanitti yaadu. Kuni wanta barsiistoonni gariin marsaa kana akka darbaniitti fi kufuu irraa sodaa akka hin qabne raga godhachuun dhiisaniidha. Kanarraa kan ka`e sheyxaanni karaa seensaa saalihota irratti argata. Tarii gara jallinnaatti isaan geessu danda`a.

Dirqamni nama irra jiru qalbiin qubbiin Rahmaan keessaa qubbiin lama jidduu akka jirtuu fi akka fedhetti akka jijjiruu beekudha. Karaalee ruuhi ittiin leenjisanii fi qulqulleessan dubbachuun dura namoonni bakka shanitti akka qoodaman ibsuu barbaada:
1-Nafsee ofii keessatti gaarii kan ta`e namoota biros kan fooyyessu (Ofiis tolchee namoota biroos kan tolchu (fooyyessu)). Kuni sadarkaalee keessaa sadarkaa ol`aanadha. Sadarkaan kunis sadarkaa nabiyyoota, sahaabotaa fi beektotaa fooyyessitoota ta`aniiti.
2-Nafsee ofii keessatti gaarii kan ta`e garuu namoota biroo kan hin foyyeessine (Of tolche namoota biroo kan hin tolchine). Kuni amala warra gara Rabbii namoota waamuu dhiisanii ibaada qofa hojjataniiti.
3-Namoota biroo fooyyesse garuu nafsee ofii kan hin fooyyessinee (Namoota biroo tolche kan of hin tolchine). Tarii warri kuni munaafiqoota irraa ta`uu danda`u. Tarii daa`iwwanii fi barattoota beekkumsa barbaadan kan sheyxaanni isaan gowwoomse ta`uu danda`u. Isaan keessaa nama tokko ni argita haala namoota fooyyeessuuf wanta qabu hunda kafaluuf qophii ta`a. Garuu ma`asiyaa (badii) Rabbiin malee eenyullee hin beekne isarratti argita. Tarii namoonni kunniin namoota Ergamaan Rabbii (SAW) haala isaanii ibsee keessaa ta`uu danda`u: “Namoonni gariin Guyyaa Qiyaamaa hojii gaarii hanga gaaraa gahuun dhufu. Ergasii Rabbiin akka daaraa bittinaa`e taasisa. Namoonni kunniin wanta Rabbiin dhoowwe waliin yommuu addatti bahan, ni hojjatu.”
4-Nafsee ofii keessatti badaa kan ta`e garuu namoota biroo kan hin balleessine. Kan akka nama filmii ilaalu fi wantoota dhoowwamo biro hojjachuuf addatti bahu.
5-Nafsee ofii kan balleessu namoota biroos kan balleessu- kan akka hiriyyoota babbadoo.

Karaalee ruuhi ofii ittiin leenjisanii fi qulqulleessan

A-Halkan salaataaf dhaabbachuu (Qiyaamu Leyl)

Salafu Saalih (dhaloonni gaggaariin darban) halkan salaataaf dhaabbachuu irratti kakka`uumsa cimaa qabu. Hanga Ibn Siiriin akkana jedhu gahuutti: Osoo hamma hoola elman gaheyyuu halkan salaatun waan hafuu hin qabneedha.” Ragaaleen halkan salaatu agarsiisan garmalee baay`eedha. Rabbiin olta`aan akkana jedha:

17:79
“Siif [ibaadaa] dabalataa akka ta`uuf halkan irraa isaan (Qur`aanaan) salaati. Gooftaan kee iddoo faarfamaa si dhaabuun ni abdatama.” Suuratu Al-Israa 17:79

76:26
“Halkan irraa Isaaf sujuudi, halkan dheeraas Isa qulqulleessi.” Al-Insaan 76:26

“Aayaata Keenyatti kan amanu warra yommuu isaaniin yaadachiifaman sujuuda bu’anii fi faaruu Gooftaa isaanitiin [Isa] qulqulleessan qofaadha. Isaan of hin tuulan. Cinaachi isaanii ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine irraas ni baasu.” Suuratu As-Sajdah 32:15-16

“Dhugumatti, ka’uumsi halkanii [arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Suuratu Al-Muzzammil 73:6
“Dhugumatti, ka’uumsi halkanii” kana jechuun hirriba booda yeroo halkanii salaatun, “[arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Kana jechuun Qur’aana qara’uu fi hiika isaa hubachuuf guyyaa caalaa halkan yaanni fi niyyaan walitti sassaabamu. Sababni isaas, guyyaan waqtii namoonni faffaca’an, sagaleen itti baay’atuu fi yeroo galii jireenyaa itti barbaadataniidha. Guyyaa caalaa yeroo halkanii arrabaa fi qalbiin walitti galuu (wal simatu). Kana jechuun wanta arrabaan jedhan qalbiidhaan ni hubatu, itti xinxallu. Qalbiin yeroo halkanii na argaa, fedhii lubbuu, jeequmsa fi kkf irraa duwwaa ykn bilisa waan taatuf wanta arrabaan jedhan sirritti hubatan.

“Dhugumatti, isaan san dura toltu hojjattoota turan. (17)-Halkan irraa xiqqoo qofa kan rafan turan. (18)-Isaan obboroo araarama kadhatu.” Suuratu Az-Zaariyaat 51:16-18

“[Isaan] Gooftaa isaaniitiif sujuudaa fi dhaabbataa kanneen bulaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:64

Abdullah ibn Qays ni jedha: salaata fardii erga salaanne homaayyu itti hin daballu jechuun namoota odeessan ilaalchisee yommuu Aa`ishah biratti dubbatamu akkana jette: Rabbiin wanta isaan irratti dirqama godhee irraa malee isaan hin gaafatu. Garuu isaan ummata guyyaa dogongora hojjataa oolaniidha. Nabiyyiin keessan isin irraa ta`ee osoo jiru isin isa irraa eessa jirtuu? Nabiyyi (SAW) halkan salaataaf dhaabbachuu isaa dhiisu hin argine yoo dhukkubsate malee. Yommuu dhukkubsates taa`ee salaata.` Ergasii aayah halkan salaataaf dhaabbachuu dubbattu gadi fuutee tarreessite.

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula130-133

Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 16by Sammubani - 3 months ago in Sababoota Duubatti De...
24/09/2021

Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 16
by Sammubani - 3 months ago in Sababoota Duubatti Deebi'uu
Ajaa’iba namni gariin saalfachuun milkaa’inna irraa duubatti deebi’a. Islaama waan hordofuuf nama keessa isaatti qaaniin itti dhagahamutu jira. Inumaa, wanti kanarra badaan namoota saalfachuun Islaama qabachuu dhiisudha. Islaama qabachuu kootiif maaliif namoota saalfadhaa? Isaan eenyu ta’aniitin isaan saalfadhaa? Saalfannaan wanta badaa irraayyi malee karaa milkaa’innaa keessa deemu saalfachuun wanta hin jirreedha. Shamarri hijaaba uffattu saalfachu hin qabdu, dargaggeessi areeda dheeressuu fi surree gabaabsu saalfachu hin qabu. Kana irra, hijaabni kabajaa ishii akka ta’ee sirritti beeku qabdi. Sababoota Islaama akka hin qabanne nama taasisan keessaa tokko namoota saalfachuudha.

17-Namoota Saalfachuu
Haala garii irratti hundaa’un nama dhiibbaan isarratti uumamutu jira. Kanaafu, sababa kanaan Islaama qabachu dhiisa. Yommuu isaan falman akkana jedha: Ani gara karaa kanaatti deebi’u barbaada, garuu namoonni ‘kuni nama dhaaba (ijjannoo) hin qabne’ nan jedhu sodaadha, ijjannoo kiyya murteessu irratti dandeetti hin qabu.

Ilaalcha namootaa sodaachuun gufuu guddaa irra darbuu hin danda’amnee ta’ee jira. Sodaan kuni namoota duubatti deebi’an gara Islaama qabachuutti deebi’uu irraa dhoowwa. Inumaa yeroo garii Islaama erga qabatanii akka duubatti deebi’an sababa ta’a.

Dargaggeessa amantii kanaaf fedhii guddaa qabuu fi beekumsa barachuuf nashaaxa qabu tokkotu ture. Dheerinna yeroo inni Islaama itti qabatee beekuuf waa’ee isaa ollaa isaa gaafadhe. Namni umriin guddaa ta’e tokko dargaggeesi kuni yeroo salaata fajrii masjiida keessatti mu’azzina akka dursuu natti hime. Garuu hiriyyoota babbadoo karaa kanaa fi isa jidduu seenaniin wal barate. Yommuu jijjirama isarratti arguu, isa daawwadhee isa waliin falme. Innis ni jedhe: Ani gara jama’aa qulqulluu kanatti deebi’uu barbaada. Garuu maatii fi hiriyyoota kiyya kan ani ma’asiyaa fi wantoota babbadoo irraa isaan dhoowwaa ture ergasii ofii kiyyaa itti deebi’uun isaan waliin hojjadhu maal godhaa? Akkamitti haala haarawaan itti deebi’ee isaan dhoowwaa? Fuula kamiin isaan qunnamaa? Karaa rakkoo kana hundaaf na saaxilutti hin deebi’u. Islaama qabachuun naaf hin danda’amu. Wanta gaariitti hin ajaju, wanta badaa irraayyis hin dhoowwu. Haala amma keessa jiru kana keessatti osoo na dhiiste bareeda.”

Anis nan jedhe: jecha namoota sodaachuun karaa kanarraa of ni dhoowwitaa? Yommuu Islaama qabachuu dhiistu namoonni `Haala kiyya kanarratti na dhiisan` jettee ni yaaddaa? Yommuu Islaama qabachuu dhiiste, nama dhaaba hin qabne jechuun si ibsanii jiru. Namni Islaama qabatee fi namni Islaama qabachuu dhiise jecha namootaa irraa nagaha hin ta’u. Inni dhimmota lama keessaa hin bahu:

A-Yommuu Islaama qabachuu dhiistu, warri kheeyrii fi hiriyyoonni kee duraanii ‘nama dhaaba hin qabne’ jechuun si ibsu. Dubbiin isaanii kuni adabbii hatamtamaa ta’u malee wanta biraa ni ta’a jedhee hin yaadu. Adabbii boodarra dhufu Rabbiitu beeka.

B-Yommuu gara haqa irraa dheessiteetti deebitu, warri badii maqaa si balleessu, `Nama dhaaba hin qabne` jechuun si ibsu. Kuni siif qormaata waan ta’eef jecha isaanii kana irratti obsi.

Garuu saahiba keenya kana saalfachuun gara haqaatti deebi’uu irraa isa dhoowwe. Nuu fi isaaf Rabbiin qajeelcha kadhanna.

Kanaan mata duree kana ni guduunfina. Gufuun kuni gufuu yaadati (imagination). Eenyutu dubbii namoota irraa nagaha ta’aa? Akka gabaafametti Nabii Muusaan (aleyh salaam) akkana jedhe: Yaa Rabbii! Eenyullee akka na hin rakkifnee fi hin arrabsinee Si kadha.” Rabbiinis akkana isaan jedhe: “Yaa Muusaa suni wanta Ani Ofifu hin goonedha.”

Khaaliqni namootaa azaa fi arrabsoo isaanii irraa nagaha hin taane. (Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti, Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ni jedhan: Rabbiin ni jedha: Ilmi Aadam Na arrabsee jira, Na arrabsuun isaaf hin malu. Na kijibsiisee jira, [Na kijibsiisuun] isaaf hin malu. Arrabsoon isaa Ani ilma akka qabu dubbachuu isaati. Kijibsiisuun isaa immoo akkuma jalqaba na uume deebisee na hin uumu jechuu isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 3193)

Yaa gabricha dadhabaa ati hoo akkam taataa? Sababa kanaan Islaama qabachuu ni dhiistaa? Yoo akkana goote ati dogongoraadha, shakkii hin qabu. Suni dogongora keeti. Jallinna kee itti hin fufin. Soba itti fufuu caalaa dogongora ofii amanutu gaariidha.

Yaa obboleessa kiyya! Gooftaa kee irraa saalfachuu dhugaa saalfachuun sirra jira. Namoota saalfachuu sababa duubatti deebi’iinsaa fi karaa Islaama qabachuu itti dhiistu gochuun sirra hin jiru. Rabbiin hunda caalaa saalfatamu akka qabu beeki.

قال رسول الله ﷺ «لا تباشر المرأة المرأة فتنعتها لزوجها كأنه ينظر إليها». رواه البخاري Ergamaan Rabbii s.a.w akkana jedhe...
20/09/2021

قال رسول الله ﷺ «لا تباشر المرأة المرأة فتنعتها لزوجها كأنه ينظر إليها». رواه البخاري



Ergamaan Rabbii s.a.w akkana jedhe:

“intaloon takka hin tala biraa saahibdee abbaa manaa isiitiif akka waan ijaan arguu takkatti hin wassafiniif.” Bukhaariitu odeesse

Salawata Buftee Nabii Muhammad SAW irati hara Saalluu Alaal Nabiyyii Muhammad Allahumaa Saallii Wasaliim Wabariik Alla N...
20/09/2021

Salawata Buftee Nabii Muhammad SAW irati hara
Saalluu Alaal Nabiyyii Muhammad Allahumaa Saallii Wasaliim Wabariik Alla Nabiyyinaa Muhammad Salalahu Aleyhi Wasalaam ✍️♥️♥️♥️
هل صليت على النبي محمد صلى الله عليه وسلم اليوم صلوا على نبينا محمد اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمدصلى الله عليه وسلم ♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅ﷺ✅

قال رسول الله ﷺ «أيما امرأة وضعت ثوبها في غير بيت زوجها فقد هتكت ستر ما بينها وبين الله عز وجل». صححه الألبانيErgamaan...
19/09/2021

قال رسول الله ﷺ «أيما امرأة وضعت ثوبها في غير بيت زوجها فقد هتكت ستر ما بينها وبين الله عز وجل». صححه الألباني

Ergamaan Rabbii s.a.w akkana jedhe:

“Dubartiin mana jaarsa isii bakka hin tahinitti uffata ifirraa lafa keesse dhugaa hagooggii waan isii fi Rabbi jidduu jiruu balleessiteeti jirti.” Albaaniitu galmeesse

Address

Oromiya
Tafo
JIRENYI,QORMATA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐑𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞:

Share