17/09/2026
🌟 KOOTTAA, IJOOLLE KEENYA OGUMMAA HAA HORACHIIFNU!
Feestiivaala Ogummaa Oromiyaa – Ogummaa, Kalaqaa fi Carraa Hojii
Maatii kabajamoo,
Jireenya ilma namaa keessatti murteessaan tokko, ijoolleen keenya boru maal ta’uu akka danda’an har’a maal akka baratan fi maal akka danda’an irratti hundaa’a. Kanaaf, ijoollee keenyaaf barnoota qofa osoo hin taane, ogummaa hojii, muuxannoo, kalaqaa fi of danda’uu kennuun gahee guddaa qaba.
Har’a addunyaan saffisaan jijjiiramaa jirti. Namni barnoota qabaachuu qofa osoo hin taane, waan barate hojiitti hiikuu, rakkoo furu, kalaquu, hojii uumuu fi carraa ofii isaa uumachuu danda’uu qaba.
Kanaaf, maatiiwwan, ijoollee keessan gara Kolleejjii Pooliiteeknika Yaaballoootti fidaatii ogummaa akka horatan haa taasifnu!
🎓 Maaliif Ogummaa?
Ogummaan nama waan tokko dubbachuu qofa irraa gara gochuu fi uumuu geessa.
Ijoolleen keenya ogummaa yoo horatan:
Hojii argachuu fi hojii uumuu danda’u.
Ofii fi maatii isaanii gargaaruu danda’u.
Rakkoo jireenyaa karaa kalaqaa furu danda’u.
Teeknooloojii fi meeshaalee ammayyaa fayyadamuu baratu.
Muuxannoo hojii qabatamaa argatu.
Ofitti amanamummaa isaanii guddifatu.
Gara fuulduraatti daldalaa fi abbaa hojii ta’uu danda’u.
Hawaasa isaanii keessatti gahee bu’a qabeessa taphatu.
🏫 Koollejjii Pooliiteeknika Yaaballoo – Bakka Ogummaan Itti Horatamu
Koollejjii Pooliiteeknika Yaaballoo keessatti leenjifamaan leenjii kutaa keessaa qofa osoo hin taane, leenjii qabatamaa fi shaakala hojii argachuuf carraa qaba.
Leenjifamaan waan leenjii'e meeshaa fi hojii qabatamaa irratti shaakaluun ogummaa isaa cimsachuu danda’a. Kunis yeroo gara hojii seenu, waan leenjii'e hojii irra oolchuu fi rakkoo hojii keessatti isa mudatu furuuf isa qopheessa.
Kanaaf, maatiin ijoollee isaanii kolleejjiitti erguun qofa gahaa miti; leenjii isaanii hordofuu, jajjabeessuu fi ogummaa akka horatan deeggaruun barbaachisaa dha.