Osama Edris

Osama Edris Well come to Osama Edris Official page.
✍️1,Fidaaka😍Abi🦋Waa❣️
Ummi🥰Yaa💚Rasuulallah🦋۞ﷺ۞😘!
✍🏻2,𝐒alluu💚𝐀laa🥰Nabi 😍ﷴ💞ﷺ
.

 🙏🤔Waan Feete Hojjachuuf Yoo Rabbii Hin Sodaatina Nama Sodaaf Hojjachuu Hin Dhaabin.Namnis Jireenya Ofii Jiraata Atis Ji...
20/01/2026

🙏🤔
Waan Feete Hojjachuuf Yoo Rabbii Hin Sodaatina Nama Sodaaf Hojjachuu Hin Dhaabin.Namnis Jireenya Ofii Jiraata Atis Jireenyuma Ke Jiraatta. Namni Womas Siif Hin Dabaluu Sirraas Hin Hirdhisu. Ammas Namni Jireenya Ke Si Woliin Jiraattu Hin Jiru Waan Taheef

✓Jireenyi Kee Akka Gallaanatti Ykn Laggeenni Tahuu Qabaa Hamma Bakka Yaadde Geesutti Deemsa Ke Hin Dhaabin. Yeroo Kamiyy...
26/12/2025

✓Jireenyi Kee Akka Gallaanatti Ykn Laggeenni Tahuu Qabaa Hamma Bakka Yaadde Geesutti Deemsa Ke Hin Dhaabin. Yeroo Kamiyyu Waan Gaari Namaaf Yaadi
✓ Namoota Yaada Negative Qabna Irraa Fagaadhu.🙏

23/12/2025
𝐃𝐚𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮:-■𝟭. 𝗙𝗶𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶Hanga fira kee jaallattu, jecha isaan jettuu fi gocha isaaf gootu keessatti daan...
23/12/2025

𝐃𝐚𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮:-

■𝟭. 𝗙𝗶𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶
Hanga fira kee jaallattu, jecha isaan jettuu fi gocha isaaf gootu keessatti daangaa qabaadhu.

■𝟮. 𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Humnaa ol hojjachuun of dararuu fi humna kee qusachuun waan siin hin malle argachuu keessatti daangaa qabaadhu.

■𝟯. 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗚𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Yoo gammaddes keessa hin darbin /hin tarin. Yoo gaddites fagaattee hin deemin.

■𝟰. 𝗪𝗮𝗹𝗱𝗵𝗮𝗯𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Nama tokkoon yoo wal dhabde sababuma irratti wal dhabde sanitti gabaabbachuu yaali. Saniin ala garuu daangaa walitti dabruudha.

■𝟱. 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗝𝗶𝗯𝗯𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Nama jaallattuu fi jibbitus daangaa qabaadhuuf. Rabbiif jecha jaalladhuu Rabbiif jechas jibbi.

■𝟲. 𝗤𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Humnaa ol qabaachuuf hin bololin. Kennaan Rabbi namaaf kennu daangaa hin qabu, ati garuu qabiinsaa fi baasiinsa keessatti daangaa qabaadhu.

■𝟳. 𝗕𝘂𝗹𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Bultii keessatti jaarsaa fi jaartiin daangaa walii wollaaluu fi waliif kabajuu dhabuun bultii diiga. Daangaa irratti waliigaltan qabaadhaa....

■𝟴. 𝗕𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Wollaalaa taatees hin taa’in, hanga sadarkaa barnoonni si maraachuu fi kokaa si godhuttis hin baratin.

■𝟵. 𝗜𝗯𝗮𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Ibaadaan daangaa qaba. Baradhuutii daangaa isii eeggadhu.

■𝟭𝟬. 𝗛𝗶𝗿𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Nama ammuma walitti dhufee jaalalaan gaara koree, sa’aatii muraasa booda dhoqqee keessatti wajjiin kufu hin ta’in. Hiriyoota keetiif daangaa qabaadhu.

■𝟭𝟭. 𝗡𝘆𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶:-
Farda garaacha hin qabne hin ta’in, garaa kee soorataaf, bishaanii fi qilleensaaf qoodii jiraadhu.
Garaan daangaa hin beekne, diina abbaati.

Waan dubbiftaniif galatoomaa!🙏




"Namni si jaalachuu akkamiti beyitaa?" 💖✨️
23/12/2025

"Namni si jaalachuu akkamiti beyitaa?" 💖✨️

Sababaa hiyyummaa keeti beekta laata..🫴 Osama Edris 🔥❤️‍🩹
23/12/2025

Sababaa hiyyummaa keeti beekta laata..🫴 Osama Edris
🔥❤️‍🩹

Address

Addis Ababa
Yabelo
OSE

Telephone

+251909899383

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Osama Edris posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Osama Edris:

Shortcuts

Share