Oromiyaa Biyya koo

Oromiyaa Biyya koo Follow

29/03/2024

my channel subscribe pls galatoma

20/10/2023
25/02/2023

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:
Waraanni bilxiginna godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti namoota hidhuun dararaa fi WBOn galaa jiraan burjaajii uumuu jabeessan.

(ONM-ABO Guraandhala 25,2023)

Hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi buqqaatiin ilmaan irratti bara bulchiinsa faashistii Abiy Ahimed taasifamaa jiru Oromiyaa mara keessatti jabaatee itti fufee jira.

Haala kanaanis ergamtootni bilxiginnaa godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Waanjaa Calliyaa keessatti dheengadda Guraandhala 23,2023 dargaggoota sadii qabuun dararaa erga irraan ga'anii, dargaggoo tokko maqaan isaa Qaasim Maammoo jedhamu qabanii deemuun mooraa waraana magaalaa Qondaalaatti reebichaan rakkisaa jiru.

Oduu biraatiin ammoo aanuma Qondaalaa keessatti murni bilxiginnaa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhufee harka kennachaa jira, baatanii simattuu fi araaraaf tole jedhaniiru jechuun waltajjiin uummata burjaajessaa akka jiran barameera.

Meeshaa nu irraa hiikan fidanii dhufaa jiru kan jedhan ergamtootni impaayerattii, araarri isin dubbattan kan koree tikinikaan bara 2019 geggeeffameen addaa jedhanii warreen gaaffii kaasaniif ifannaa fi doorsisa malee deebii waaraa kennaafii akka hin jirre maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Waraanni bilxiginnaa konkolaataan 50 Finfinnee irraa gara Lixaatti dabalataan bobba'uun barame.

(ONM-ABO Guraandhala 25,2023)

Murni faashistii bilxiginnaa qe'ee lammiilee bulchaan jira jedhu keessa wantoota qonnaaf barbaachisan akkasumas teekinooloojii haaraa hawaasa fayyadan deemsisuu irra waraana bobbaasuu erga hojii idilee godhatee waggoota lakkoofsiseera.

Murni faashistii dhiiga lammiilee isaatii akka alagaatti dhangalaasaa jiru waraana dabalataa, hojii abaaramaa kana raawwataniif Finfinnee irraa gara lixa Oromiyaatti bobbaasaa jira.

Kaleessa Guraandhala 24,2023 waraanni faashistii PP konkolaataan ja'atamni magaalaa Finfinneetii ka'uun Buraayyuu qaxxaamuruu maddeen ibsan.

Akka maddeen jedhanitti waraanni konkolaataa gurguddaa ja'atamaan

09/02/2023

Address

Wishing
Sanaa
OROMIA

Opening Hours

Monday 10:00 - 15:35

Telephone

+967779343348

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyaa Biyya koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Oromiyaa Biyya koo:

Share