29/01/2025
Yeroo rakkinaatti pirezidaantin qilleensarra Air Force One keessa taa'ee biyyattii bulchuu danda'a
Pirezidaantin US yeroo rakkinaa ykn balaan biyyaalessaa mudatetti xayyaara Air Force One keessa taa'un qilleensarraa ajaja kennaa biyyattii gaggeessuu danda'a.
Yeroo rakkoo cimaan biyyattii mudatu, nageenyi pirezidaantichaafi maatiisaa yaaddoo keessa jira jedhamee yoo yaadame, Air Force One kaasun pirezidaanticha yeroof qilleensa keessa akka turu ykn bakka mijataa biraa akka deemu godhama.
Xayyaarri kun qilleensarratti boba'aa kan guuttatu ta'uunsaa osoo hin qubatin fageenya dheeraa akka imalu taasisa.
Gama biraan ammoo wantoonni biiroo pirezidaantii Waayit Haawus keessa jiran hundi xayyaara Air Force One kessa jiru waan ta'eef, pirezidaantichi qilleensarra osoo jiruu biyyattiitti ajaja waraanas ta'ee murteewwan siyaasaa biroo dabarsuu ni danda'a.
Kanumaaf jecha, Air Force One Waayit Haawus Balali'u jedhamee waamama.
Gama biraan ammoo Wiirtuu Ajajaa (Command Centre) jedhamuunis ni waamama.
Pirezidaantin US qilleensarra osoo jiruu ajajoota waraanafi tikaa biyyattii qunnamuun murteewwan ykn ajaja waraanaa dabarsuu danda'a.
Guyyaa itti pirezidaantin xayyaara Air Force One keessatti sirna kakuu raawwate
Yeroonsaa bara 1963 yoo ta'u, pirezidaantin ajjeefame Kenediin xayyaara Air Force One fayyadamuun Jarman, Barlin deemee erga deebi'ee booda duula filannoo gaggeessaa osoo jiruu Teeksas Daalasitti ajjeefame.
Reeffi Joon F Kenedii Daalas keessaa baafamee gara iddoo itti awwaalamuu geeffamuuf Air Force One keessa seensifame.
Yeroo pirezidaantin biyyattii lubbuun hin jirretti ykn haala biyya bulchuu hin daneenye keessa jirutti, pirezidaantii ta'uun biyyattii kan gaggeessu ittaanaa pirezidaantiiti.
Pirezidaant Joon F Keneediin waan ajjeefameef, battalatti namni bakkasaa bu'uu qabu yeroo sana ittaanaasaa kan ture Lindan B Joonsan ture.
Osoo reeffi Keneedii xayyaara Air Force Onedhaan hin ka'in dura Lindan Joonsan achuma xayyaaricha keessatti kakuu akka seenu godhame.
Xayyaarri Ai