Finfine University Oromo Student FB Page

  • Home
  • Finfine University Oromo Student FB Page

Finfine University Oromo Student FB Page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Finfine University Oromo Student FB Page, College & University, .

21/08/2025

Odeeffanoo kana Ijoollee keenyaaf share godha !
Carra kana itti fayyadama!
Barattoota haara yunivarsiitii Finfinneetti barachuu barbaaddan hundaaf.
Yunivarsiitiin Finfinne bara barnoota 2018 E.C barattota idilee fi al-idileen ykn galgalaa simatee barsiisuuf qophii xumuruu isaa ifoomseera. Akka fuula midiyaa hawwaasa Yunivarsiticha irraa ilaaletti karaa sadiin barattota haaara simaatee bara dhufu (2018) E.C barsiisa.
Tokkoffa. barattoota mallaqa ofii kanafaliin barataniif (self-sponserd)
Kan irra eegamu :
A) Qormaaata seensa yunivarsiitii bara 2014-2017 E.C,fudhatee kan milka'ee.
B)Dabalataan qormaata yunivarsiitii finfinne(UAT) kennamu 50 ol qorame yoo fide.
C) Barattoota yunivarsiitii biratti barata turanii jijjirran yunivarsiitii finfinnetti barachuu barbaadan Kaffaltii (cost sharing) yunivarsiitii biratti barata turee kanfale ragaa yoo dhiheeffate.
D)Barattota remedial yunivarsiitii biratti baratanii milka'aaniif, qormaata yunivarsiitii finfinne kennamu qoramanii 50 ol yoo fidan barachuu danda'u.
Lammaffa. Barattota baasiin isaani motummaan kanffalamu (government sponsorship)
Kan irra eegamu
A.Qormaata sensa yunivarsiitii bara 2017 E.C qoramee qabxii darbiinsaa kan argatee .
B.nannoo (ganada)jiraatu irra waraqaa deeggarsa kan maatiin isaa mallaqa kanfalee akka isa barsiisu hin dandeenye ragaa dhiheffachu kan danda'u.
C .qormaata seensa yunivarsiitii finfinne kennamu (UAT) qoramee 50 ol yoo fide.
Sadaffa.Barattoota qabxii ol'aana fidan( for the AAU Presidential Scholarship)
A.qabxii seensa yunivarsiitii bara kana ( 2017 E.C. ESSLCE) qoramanii 500 ol fidan.
B.Qormaaata seensa yunivarsiitii finfinne kennamu (UAT) qoramee 50 ol yoo fide.
C.akkataa rammaddi yunivarsiitiichi mume itti kenname fedhiin fudhachuuf kan qopha'ee. Yeroon galmee amma irra kaatani hangaa yeroo qormaanni kuta 12ffaa gadhiifamuu ta'a.
Galmahuuf link kana fayyadama
https://portal.aau.edu.et
Odeffanno dabalataaf telegram group Ijoollee keenyaaf baname kan join godha https://t.me/aau2018ba

Guutuu biyyattiitti Ifaan badee jira.“Humna Elektirikaa Adda Cite Deebisuuf Tattaaffiin Taasifamaa Jira “ jechuun Tajaaj...
07/12/2024

Guutuu biyyattiitti Ifaan badee jira.

“Humna Elektirikaa Adda Cite Deebisuuf Tattaaffiin Taasifamaa Jira “ jechuun Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksiseera

Humna Elektirikaa guutuu biyyattiitti adda cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.

Maddawwan anniisaa fi buufataalee raabsaatti tattaaffii olaanaan taasifamaa jiraachuu ibseera.

Galgala kana rakkoo Siistama mudateen guutuu biyyattiitti Tajaajilli Elektirikaa adda cituu himeera.

Hanga rakkoon mudate furamutti maamiltoonni obsaan akka eegan gaafachuun, odeeffannoowwan jiran ariitiin kan beeksisu ta’uu eereera.

Obbo Taayyee Danda’aan hidhaa waggaa tokko booda gadhiifamanii maatii isaanitti makamanHidhaa waggaa tokko booda kaleess...
05/12/2024

Obbo Taayyee Danda’aan hidhaa waggaa tokko booda gadhiifamanii maatii isaanitti makaman

Hidhaa waggaa tokko booda kaleessa mana hidhaa Qilinxoo irraa yeroo bahan balbalatti qaamolee nageenyaan fudhatamanii gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti kan geeffaman Taayyee Danda’aa, har’a gadhiifamanii maatii isaanitti makamuu haati warraa isaanii Addis Standard’tti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon, “ganama isa gaafanne erga deebine booda guyyaa walakkaa nutti bilbilee baheera kottaa na fudhaa nuun jedhe. Nuti qaqqabuu waan hin dandeenyeef maatiin dhiyoo jiru dhaqee fudhatee amma mana galeera,” jedhan.

 Guyyaa kaleessaa (Dec-01-2024Gc) Hooggansa Olaanoo Mootummaa  Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO gidduutti walii galtee...
02/12/2024


Guyyaa kaleessaa (Dec-01-2024Gc) Hooggansa Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO gidduutti walii galteen araaraa mallatteeffameera. Walii galtee kana gama mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Andiisaa yoo ta’an, WBOn bakka bu'e jechuudhaan ammoo qondaala olaanoo WBO kan ta’an Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.

https://www.facebook.com/share/12BUdJbiRao/

Yuunivarsiitiin   eebbifamtootaaf madaallii ga’umsa ogummaa eegaluufi Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa kees...
09/05/2024

Yuunivarsiitiin eebbifamtootaaf madaallii ga’umsa ogummaa eegaluufi

Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yuunivarsiitiin Finfinnee baatii Fulbaana dhufuu eegalee sagantaa madaallii ga’umsa ogummaa eegaluuf ta’uu beeksise.

Yuunivarsiiticha waggaa lama keessatti guutummaan yuunivarsiitii ofiin of bulchu taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Itti Aanaan Pireezidaantiin Akkaadaamii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Jaluu Umar TOI’tti himaniiru.

Barattoota eebbifamanii gara Indaastirii hojii galaniif madaallii ga’umsa ogummaa kennuuf murtaa’uu fi sagantaan madaalli ga’umsa ogummaa kun damee hundaan kan kennamu ta’uu
eeraniiru.

Sagantichi sadarkaa idil addunyaa kan eeggatee fi fedhii gabaa bu’uura kan taasise ta’uu himaniiru.

Sagantichi eegaluun ogeeyyii ga’umsa qaban gabaarraa argachuu kan gargaaruu fi yuunivarsiitichi ergama dhaloota ga’umsaa fi dandeettii qabu horachuuf qabate kan milkeessu ta’a jedhan.

Hordoftootoonni amantaa Kiristaanaa hundi baga ayyaana du'aa ka'uu nagaan geessan, geenye!Ayyaanni du'aa ka'uusaa Iyyasu...
04/05/2024

Hordoftootoonni amantaa Kiristaanaa hundi baga ayyaana du'aa ka'uu nagaan geessan, geenye!

Ayyaanni du'aa ka'uusaa Iyyasuus Kiristoos dhala namaa hundaaf fannoo irratti hanga du'uutti ofiisaa dabarsee kennuun jaalala qulqulluu daangaa hin qabne kan itti agarsiisee fi akkasumas warri miidhan osoo hin hafiin dhiifamaa fi araara kan itti kenne, ayyaana yaadannoo du'as injifannoo itti taasise ta'uu isaatiin nutis, walii walii keenya haalduree tokko malee nama hunda jaalachuun, dhiifamaan, araaraa fi wal gargaaruun akka jiraannuuf Waaqni nu haa gargaaru. Karaa kanaanis duudhaalee keenya dadhabaniif ka'umsi haata'u.
Ayyaanichi kan jaalalaa, kan nagaa, kan dhiifamaa, kan araaraa, kan wal gargaaruu, kan gammachuu fi waliin jireenya keenya kan itti cimsinu haata'u.

Irra deebiin baga geessan, ayyaana gaarii.

Happy May Day!✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓Workers need a day of their own, To talk and rest and have some fun; May Day is one in ever...
01/05/2024

Happy May Day!
✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓
Workers need a day of their own,
To talk and rest and have some fun;
May Day is one in every town
For labourers, when shutters are down.

Who will not praise the ones who toil?
Who can live without tillers of soil?
The ones who slog must celebrate,
And think about their future days!

The world must pay a decent sum
To all who sweat and labour hard;
The toilers must not remain dumb,
But air their troubles like a bard.

Too many strikes, protests are bad;
Work struck turn nations poorer still;
But love of work, brethren, not wad,
Can make a task easy uphill!

And pray, you must to patron saints -
St. Joseph, Philip, James, others;
They work miracles for workers
Who love God, work and their brothers!
"(Copy right -Dr John Celes )
!

💔💘💘💔💘💔💘Amantii adda addaa irraa Yaa'ee walitti dhufee Warra Oromummaaf jechaBoolla tokkotti kufeEgeree labataaf jedhanii...
15/04/2024

💔💘💘💔💘💔💘
Amantii adda addaa irraa
Yaa'ee walitti dhufee
Warra Oromummaaf jecha
Boolla tokkotti kufe
Egeree labataaf jedhanii
Warra qopheessan gumee
Lubbuu tokkummaa lallabee
Boolla tokkotti dhume
Warra wal hin saaxille
Lubbuun isaan mararee
Guca Oromummaa keenyaa
Warra dhiigaan sarare
Faajjii tokkummaa kaasnee
Walii keenyaaf taanee humna
Qooda amantiin wal qoodnu
Boolla tokkotti dhumna
Jedhanii afaan diinaatti
Warra yeelloo uffisan
Harka wal qabatanii
Tokkuummaa isaanii mul'isan
Lubbuu Oromummaaf kufe
Yoomuu ittiin dhaadanna
Waggaa waggaatti miti
Guyyaa guyyaan yaadanna
💔💔💔💔💔💔💔💔💔
EBILA 15
Guyyaa kabajamaa, guyyaa tokkummaan Oromoo dhiiga ilmaan isaa qaaliin katabame!
Baga GGO geessan!

IID MUBARAK Obbolaan keenya Muslimaa hundi!
10/04/2024

IID MUBARAK Obbolaan keenya Muslimaa hundi!

Hawalle 2017 M.D Sidaamu daga diru soorro ayyaana keerunni iillishi'ni iillishinke. Diru keerunniha, hobbaatenniha, hagi...
06/04/2024

Hawalle 2017 M.D Sidaamu daga diru soorro ayyaana keerunni iillishi'ni iillishinke. Diru keerunniha, hobbaatenniha, hagiirunniha,loosunnihanna rosunniha ikkanno'ne gede halchummo.
AYIDDE CAMBALAALLA!!!!!!

Obbolaan keenya Sidaamaa baga geessan!

SAGANTAA IFXAARA YUUNIVARSIITII FINFINNEE
06/04/2024

SAGANTAA IFXAARA YUUNIVARSIITII FINFINNEE

Sagantaa   guddicha mooraa Yuunivarsiitii Finfinneettii qophaahe
05/04/2024

Sagantaa guddicha mooraa Yuunivarsiitii Finfinneettii qophaahe

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Finfine University Oromo Student FB Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your university to be the top-listed University?

Share