06/10/2026
SEENAA GUUTUU
Video yoo barbaaddan Comment irraa argattu.
Gaaffiin guddaan tokko jira. Yuunivarsiitiin inni jalqabaa addunyaa kanaa eessatti argama? Bara kam keessa hundeeffame? Caalaatti immoo, eenyutu yaada dinqisiisaa kanaan dhaabbata dhaloota jijjiire kana uume jettanii yaaddu laata?
Yeroo waa'ee yuunivarsiitiiwwani fi seenaa barnoota addunyaa kaasnu, baay'ee keenyaaf sammuu keenya keessatti kan ka'u gamoowwan dhaabbilee Dhihaa kan akka Yuunivarsiitii Oksfoord (Oxford), Haarvaard (Harvard) ykn Cambridge ta'uu danda'a. Namoonni baay'een saayinsii fi barnoonni olaanaan Awurooppaa keessatti burqee addunyaatti babal'ate jedhanii yaadu. Garuu seenaan dhugaa addunyaa tanaa bakka eegametti fi akka yaadametti miti kan jalqabe.
Deebiin gaaffii kanaa kan argamu gamoowwan Dhihaa (Western countries) biratti osoo hin taane, onnee hawaasa Musliimaa keessatti, yaada bal'aa fi mul'ata fageenyaa dubartii beektu tokkoon barreeffame. Yeroo Awurooppaan dukkana wallaalummaa (Dark Ages) keessa jirtutti, Jaarraa 9ffaa keessa, dubartiin Muslimaa takka, yeroo fi qabeenya ishee guutuu fuula Rabbii fi guddina dhala namaatiif aarsaa gochuun hojii seenaa addunyaa jijjiire tokko raawwatte.
Maqaan ishee Faaximaa Al-Fihrii (Ummul-Baneen) jedhama. Har'a seenaa dubartii ajaa'ibsiisaa kanaa, imala jireenya ishee, ijaarsa Yuunivarsiitii Al-Qarawiyyiin fi dhiibbaa inni addunyaa irratti uume guutumaa isaa gadi fageenyaan waliin haa ilaalluu.
Faaximaa Al-Fihrii dubartii Muslimaa sanyiin ishee Araba Tuniisiyaa taateedha. Isheen kan dhalatte Jaarraa 9ffaa keessa, naannoo Maghreb, magaalaa seena qabeettii Qayrawaan (Kairouan) kan biyya Tuniisiyaa har'aa keessatti. Maatiin ishee maatii beekkamaa, kabajamoo fi dureessa turan. Abbaan ishee, Muhammad Al-Fihrii, daldalaa beekkamaa, abbaa qabeenyaa, fi nama beekumsaa fi amantii jaallatu ture. Muhammad ijoollee isaatif barnoota gaarii fi aadaa Islaamummaa gaarii ta'e kennuudhaan guddise.
Yeroo Faaximaan dargaggeettii turte, maatiin ishee jireenya haaraa fi carraa daldalaa barbaacha bakka jireenyaa jijjiirratanii gara magaalaa Fes (Fez), biyya Morookoo godaanan.
Yeroo sana, magaalaan Fes magaalaa teessuma mootummootaa fi giddu gala beekkumsaa filatamtuu turte.
Magaalaan Fes bakka daldalaa qofa osoo hin taane, giddu-gala beektonni, hayyoonni, qorattoonni fi barattoonni naannolee Aadunyaa adda addaa irraa walitti dhufan turte. Faaximaan obboleettii ishee Mariyaam waliin madaala beekumsaa fi aadaa magaalaa Fes keessatti guddattee bilchaatte. Obboleettiiwwan lamaan kunniin barnoota amantii, seera (Fiqhi), barreessuu fi dubbisuu bal'inaan baratanii turan.
jireenyi biyya lafaa jireenya gammachuu fi gaddis wal faana adeemaniidha. Jireenyi faaximaa kan gammachuun guutame sunis, dabaree isaatiin guyyoota gaddaa hamaa tahan qabatee dhufuun isaa hin hafne.
Yeroo gabaabaa keessatti abbaan ishee Muhammad Al-Fihrii, abbaan warraa ishee, fi obboleessi ishee addunyaa kana irraa darban. Dhibee fi sababoota adda addaatiin maatiin ishee guutuun yeroo gabaabaa keessatti tasa dhabaman.
Sababa kanarraa ka'uun Faaximaa fi obboleettiin ishee Mariyaam qabeenya dhaalaa baay'ee guddaa fi dinqisiisaa ta'e qofaa isaanii argachuuf carraa argatan. Qabeenyi abbaan isaanii dhiisee du’e sunneen hedduun isaa daldala milkaa'aa irraa kan argamee fi dhagaa warqii fi meetaatiin kan guutame ture.
Dubartiin mul'ata dinqisiisaa qabdu kun, qabeenya abbaa fi abbaa warraa ishee irraa dhaalte guutuu, jireenya qanaanii, uffata bareedaan bituu fi miidhagina dhuunfaatiif oolchuu mannaa, waan hawaasaa fi dhalootaaf gara fuulduraatti bu'aa qabu hojjechuuf murteessite.
Yaada dhaloota hedduu ce'u tokko sammuutti qabattee akkas jettee yaadde: "Qabeenyi kun kan Rabbii biraa dhufe. Ani immoo itti gaafatamtuudha. Qabeenyi kun dhaabbata beekumsaa kan dhalootni itti fayyadamu fi addunyaa jijjiiru ijaaruuf ooluu qaba" jettee murteessite. Qabeenya ishee dhuunfaas dabalatee saantima tokkoyyuu osoo irraa hin hambisin, guutumaa guutuutti sadaqaa dhabbataaf (Waqf) gochuuf murteessite. Kunis hojii seenaa addunyaa keessatti maqaa ishee jalqaba irratti galmeessiseef karaa bane.
YAADA GUDDAA FI IJAARSA AL-QARAWIYYIIN (BARA 859)
Bara 859, ji'a Ramadaana keessa, Faaximaan qabeenya ishee guutuu waqfii gochuudhaan, dhaabbata masjiidaa fi barnootaa guddaa tokko hundeessuu jalqabde. Lafas magaalaa Fes keessaa bal'inaan bitatte. Dhaabbanni kunis obboloota ishee kan Rakkina godaansaatiin Tuniisiyaa (Qayrawaan) irraa dhufan yaadachuuf Masjiida Al-Qarawiyyiin jedhamee beekkame.
Wanti nama ajaa'ibsiisu Faaximaan dhaabbata kana hundeessuudhaaf maallaqa kennitee qofa hin dhiifne. bu'uura ijaarsaa irraa jalqabdee hanga xumuraatti hordoffii cimaa gochaa turte.
Ijaarsa masjiida sanaatiif meeshaan ijaarsa masjiidichaas akka boolluma lafa sanaa irraa ba'u ajajje. Cirracha, biyyee fi dhagaa ijaarsaaf oolu guutuu lafuma bitame sana keessaa qotanii baasisuun ijaarsaaf itti fayyadaman,
Akka seenaan ibsutti, ijaarsi masjiidichaa waggoota hedduu fudhate. Faaximaan bu'uura masjiidaa fi dhaabbata Al-Qarawiyyiin erga jalqabsiifte booda, guutummatti hojii kanaaf of kennitee, ijaarsi sun hanga xumuramutti guyyoota guutuu soomaa fi du'aa'iidhaan hojii sana hordofaa turuu isheetu himama. "Yaa Rabbi, gamoo kana beekumsaa fi ibaadaa keetiif anaaf qeebali" jettee kadhachaa turte.
AL-QARAWIYYIN AKKAMITTI GARA YUUNIVARSIITIITTI JIJJIIRAME?
Yeroo jalqabaatti Al-Qarawiyyin iddoo masjiidaa ibaadaadhaaf ijaarame qofa ture. Garuu masjiidichi bakka namoonni ibaadaa qofa itti godhan ta'ee hin hafne. Yeroo gabaabaa keessatti gara giddu-gala barnootaa fi qorannoo guddaatti jijjiirame. Beektonni achitti walitti dhufan; barattoonni achitti baratan; marii fi qorannoon beekumsaas achitti gaggeeffamuu jalqabe.
Mooraa masjiidaa kana keessatti sirni barnootaa kan Halqaa jedhamu diriire. Barattoonni Sheikhota fi hayyoota marsanii taa'uudhaan baratu ture.
Suuta suutaan, barnoonni gara dameewwan beekkumsaa adda addaatti babal'ate. Barattoonni naannolee adda addaa irraa gara Fes dhufanii barnoota Islaamaa kan akka Qur'aana, Hadiisa, Fiqhii fi Afaan Arabaa barachuun alatti dabalataan, dameewwan saayinsii adda addaa barachuu jalqaban:
Kanneen keessaas:
Herrega fi Aljebraa (Mathematics & Algebra)
Astroonoomii fi Qorannoo Urjii (Astronomy)
Fayyaa, Qoricha fi Ogummaa yaalaa (Medicine & Pharmacology)
Qorannoo Uumamaa fi Ji'oolojii (Natural Sciences)
Seenaa, Og-barruu fi Afaanota adda addaa turan.
Haala kanaan Al-Qarawiyyin; beekkumsi saayinsii, herregaa fi fayyaa addunyaa irratti akka babal'atu gochuudhaan giddu-gala beekumsaa idil-addunyaa ta'aa dhufe.
BEEKTOTA AL-QARAWIYYIN IRRAA BAHANI FI MANA KITAABAA DURII
Walumaa galatti Al-Qarawiyyin yeroo gabaabaa keessatti madda beekkumsaa addunyaa ta'e. Dhaabbanni kun Mana Kitaabaa (Library) guddaa kan kitaabota harkaan barreeffaman (Manuscripts) kumaatamaan lakkaa'aman of keessaa qabu uume. Mana kitaabaa kana keessatti kitaabota herregaa, saayinsii, fi Qur'aana gogaa irratti jaarraa 9ffaa keessa barreeffaman hamma har'aatti ni argamu.
Yeroo dheeraa keessatti Al-Qarawiyyin beektoota gurguddoo addunyaa hedduu simateera:
Ibn Khaldun: Abbaa sosioloojii fi seenaa addunyaa kan ta'e, hayyuun Islaamaa guddichi ibn khaaldun Yuunivarsiitii kana keessatti barsiisaa fi qorataa ture.
Maimonides (Ibn Maymun): Hayyuu fi fiilosoofara Yahuudaa beekkamaa kan ta'e ibn maymuun kan baratee fi qorannoo yaalaa isaas kan gaggeesse Yunivarsiitii kana keessatti ture.
Al-Hasan ibn Muhammad (Leo Africanus): Hayyuu seenaa fi joogiraafara beekkamaa kan tahe Al hasan ibn Muhammad ykn leo africanus jedhamuun kan beekkamus iddon barnoota isaa asuma ture.
Gerbert of Aurillac (Pope Sylvester II): inni biraa ammoo Phaaphaasii Katoliki kan yuunivarsiitii kana keessatti lakkoofsa Arabaa (Arabic Numerals: 0, 1, 2, 3...) fi lakkoofsa zeeroo (0) baratee gara Awurooppaatti geesses iddoon barnoota isaa asuma yunivarsiitii al qarawiyyiin ture.
Kunis kan nu agarsiisu: Beekkumsi daangaa biyya fi amantii tokko akka hin qabneedha. Yuunivarsiitiin Faaximaan ijaarte kun Muslima, Yahuudaa fi Kiristaana osoo hin jedhin beekkumsa addunyaaf raabsa ture.
Yeroo waa'ee yuunivarsiitii jalqabaa addunyaa dubbannu, wanti tokko hubatamuu qaba: hiikni jecha "Yuunivarsiitii" jedhu yeroo gara yerootti jijjiiramaa dhufeera. Dhaabbileen barnootaa durii hedduun addunyaa keessa jiru. Garuu Al-Qarawiyyin, akka maddoota seenaa hedduutti, dhaabbata barnootaa olaanaa diploomaa fi digrii jalqabaa (Ijazah) kennuudhaan yeroo dheeraaf itti fufiinsaan hojjechaa ture keessaa isa baay'ee beekamaadha.
UNESCO fi Guinness World Records (Galmee Dinqisiisoowwan Addunyaa) irratti, Al-Qarawiyyin akka dhaabbata barnootaa olaanaa addunyaa keessaa isa durii fi hanga har'aatti itti fufiinsaan hojjetaa jirutti (Oldest existing and continually operating university in the world) jedhamuudhaan beekkamtii official ta'e kennaniifii jiru.
Seenaa Faaximaa keessatti obboleettii ishee Mariyam Al-Fihrii yaadachuun baay'ee barbaachisaadha. Mariyamis akkuma Faaximaa mul'ata guddaa qabdi ture. Maryam qabeenya dhaalaa isii gahe irraa qooduun magaalaa Fes keessatti Masjiida Al-Andalus hundeessuu keessatti gahee guddaa taphattee jirti. Kana jechuun obboleettiiwwan lamaan kun qabeenya dhaalan hawaasaa fi amantii isaaniitiif oolchanii jiru.
Faaximaa Al-Fihrii bara 880 keessa addunyaa kana irraa du’aan boqottus, hojiin ishee garuu waggoota 1,100 olii boodas bu'aa qabaachuu fi dhaloota tajaajiluu itti fufee jira.
Isheen dubartii sanyii Arabaa taatus, garuu qaroomina isheetiin addunyaa guutuu tajaajilte, seenaa keessatti maqaa ishee qabeenyaan osoo hin taane, beekumsaaf waan hojjetteen galmeessite.
Seenaa Faaximaa Al-Fihrii irraa barumsa gurguddaa 3 arganna:
Qabeenyi Kaayyoo Qabaachuu Qaba: Qabeenya qabaachuun qofti nama guddaa nama hin taasisu. Qabeenya sana maal irratti akka oolchituutu nama seenaa keessatti yaadatamu si godha.
Inni lammaffaan, Barnoonni Bu'uura Guddinaati: Faaximaan masjiida qofa hin ijaarre; bakka beekkumsi itti dagaagu fi babal'atu ijaarte.
Inni biraan, Gahee Dubartoota Muslimaa yoo ta'u: Dubartoonni seenaa beekumsaa fi qaroominaa keessatti bu'uura jabaa kaa'aniiru. Faaximaa Al-Fihrii fakkeenya dubartii hojii dhaloota ce'u hojjetteeti.
Faaximaa Al-Fihrii mana barumsaa qofa hin ijaarre. Seenaa ijaarte; beekumsaaf karaa bante; dhalootaaf dhaala dhiifte. Nuti hoo har'a maalin dhaloota itti aanu biratti yaadatamna?
Seenaa kana yoo jaallattan, Like, Share fi Channel keenyas Subscribe gochuun, seenaawwan ajaa'ibaa biroo akka isiniif dhiheessinu nu jajjabeessaa. Comment keessanis nuuf barreesaa.
TIKA RABBI KEESSA JIRAADHAA!.
Darunaim Multimedia