Adama Hospital Medical College - AHMC

Directions Website Contact the university

Adama Hospital Medical College - AHMC Adama Hospital Medical College (AHMC) is one of the 13 new medical schools opened to implement the N

03/10/2026

KOOLLEJJII FAYYAA HOSPITAALA ADAAMAA (AHMC)

❤️🫀 ODUU GAMMACHIISAA

🏥 Gareen Baqaqsanii Yaaluu Onnee fi Qomaa (Cardiothoracic Surgical Team) AHMC, haala qabeenyaa fi meeshaalee daangeffamaa keessatti, PDA (Patent Ductus Arteriosus) Division and Closure milkaa’inaan raawwateera.

✨ Yaaliin kun bu’aa baay’ee gaarii ta’een xumurameera.
Milkaa’inni kun: 🔹 Dandeettii yaalii onnee fi qomaa KFHA keessatti guddachaa jiru kan agarsiisu yoo ta'u;
🔹 Kutannoo fi ogummaa ogeessota keenyaa kan mirkaneessu;
🔹 Hojii garee cimaa fi tumsa dameewwan garaagaraa kan calaqqisiisu;
🔹 Tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa naannoo keessatti kennuuf tarkaanfii guddaa kan ta’edha.

🚀 Gufuuwwan gara carraatti jijjiiruun, daangaa gara milkiitti!
Kun Adaamaa fi KFHA keessatti yeroo jalqabaatiif kan raawwatame yoo ta’u, hojii tajaajila baqaqsanii yaaluu onnee fi qomaa keenya keessatti boqonnaa haaraa bana.

👨‍⚕️👩‍⚕️ GAREE MILKAA’INA KANAA

Dr. Desalegn Fekadu – Consultant General & Cardiothoracic Surgeon
Dr. Mekonen Feyissa – Consultant General & Cardiothoracic Surgeon
Dr. Nuredin Gebi – Year IV Surgery Resident
Dr. Feleke Birhanu – Year III Surgery Resident
Dr. Tekalign Lamessa – Anesthesiologist
Henok Urga – Anesthetist
Aschalew Mekonen – Scrub Nurse
Abera Shega & Arif Bakar – Circulator Nurses

👏 Garee keenya hundaan baga gammaddan!
Milkaa’inni kun bu’aa ogummaa, kutannoo, hojii garee fi abdii ti.

❤️ AHMC | Advancing Healthcare, Saving Lives

🌿 BAGA AYYAANA IRREECHAA BARA 2019 NAGAA FI GAMMACHUUN GEESSAN! 🌿Adama Hospital Medical College (AHMC)Hawaasni keenya hu...
03/10/2026

🌿 BAGA AYYAANA IRREECHAA BARA 2019 NAGAA FI GAMMACHUUN GEESSAN! 🌿

Adama Hospital Medical College (AHMC)

Hawaasni keenya hundumtuu Ayyaana Irreechaa bara 2019 baga geessan, baga waliin geenye!

Irreechi ayyaana galataa, araaraa, nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ti. Ayyaanichi hariiroo hawaasaa cimsuun, obbolummaa dagaagsuun, garaagarummaa dhiphisuun gara waliigaltee fi waliin jireenya nagaatti nu waama.

Ayyaana kana sababeeffachuun:
🤝 Obbolummaan haa cimu!
❤️ Jaalalli haa dagaagu!
🕊️ Nagaan haa mo’u!
🌿 Tokkummaan haa jabaatu!
🙏 Galanni haa baay’atu!

Ayyaanni Irreechaa bara 2019 kan nagaa, fayyaa, gammachuu, milkaa’inaa fi badhaadhinaa isiniif haa ta’u.
Baga Ayyaana Irreechaa Geessan!
Baga waliin geenye! 🌿💚

Adama Hospital Medical College (AHMC)

BAGA AYYAANA MASQALAA (GUBAA) GEESSAN!Hojjettoota Koollejjii Fayyaa  Hospitaala Adaamaa fi  tajaajilamtoota keenya, maat...
26/09/2026

BAGA AYYAANA MASQALAA (GUBAA) GEESSAN!

Hojjettoota Koollejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa fi tajaajilamtoota keenya, maatii fi deeggartoota keenya, akkasumas hordooffitoota amantaa kirstaanaa hundaaf,
Baga geessan jechaa;

Ayyaanichi kan gammachuu,ifaa,Abdi, nagaa, jaalalaa fi tokkummaa isiniif haa ta’u!

🌼🔥 BAGA AYYAANA MASQALAA GEESSAN! 🔥🌼

Koollejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa
“Tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu hawaasa keenyaaf.” 🏥💙

Congratulations!On behalf of Adama Hospital medical College community, we proudly congratulate Adama Hospital Medical Co...
23/09/2026

Congratulations!

On behalf of Adama Hospital medical College community, we proudly congratulate Adama Hospital Medical College on receiving the Health Innovation Award for Outstanding Performance in System Innovation (SBFR)!

ODUU AAGAA👇👇👇👇
22/09/2026

ODUU AAGAA👇👇👇👇

Adama Hospital Medical College (AHMC), Office of Academic and Research Vice Provost New Year Message for  2019 E.C Pagum...
10/09/2026

Adama Hospital Medical College (AHMC), Office of Academic and Research Vice Provost

New Year Message for 2019 E.C

Pagume 5, 2018 E.C.

As we welcome the Ethiopian New Year 2019, Adama Hospital Medical College extends heartfelt greetings to all its students, staff, partners, and the wider community. The past year has been marked by remarkable achievements in education, research, and clinical service milestones that reflect our unwavering commitment to excellence and community health.

In the year ahead, AHMC reaffirms its dedication to advancing medical education, strengthening research capacity, and expanding quality healthcare services for all.

Guided by our vision and values, we will continue to nurture innovation, collaboration, and compassion in every endeavor.

May the New Year bring peace, prosperity, and renewed strength to our institution and the nation.

Happy Ethiopian New Year 2019!

Dr.Abdinasir Wako

Academic and Research Vice Provost, AHMC

Adama

10/09/2026

KOOLLEJJII FAYYAA HOSPITAALA ADAAMAA

Hawaasni Koollejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa, tajaajilamtoonni, jiraattonni magaalaa Adaamaa fi Naannawaa isheetti argamtanii fi lammiileen biyya keenyaa hundumtuu baga bara haaraa 2019tiin isin ga'e jechaa; Koollejjiin Fayyaa Hospitaala Adaamaa bara darbe kana (2018) keessa tajaajiloota gargaraa gama Kenna Tajaajila Fayyaa, Barnootaa fi Qorannoof Qoo'annootiin kennaa turuun isaa ni beekama. Haaluma kanaan bara darbe kana keessa Tajaajila idileetiin Dhukkubsattoota deddeebi'anii yaalaman Kuma dhibba sadii fi afurtama(340,000)ol, Dhukkubsattoota ciisanii yaalaman Kuma Digdamii lama(22,000)ol, Haadholii da'umsaa naannoo Kuma kudhan(10,000), Tajaajila baqaqsanii yaaluu gurguddaa Kuma Sagalii fi Dhibba ja'a(9,600) ol fi Tajaajila Kenna Lammummaa kan ganna kanaatiin namoota Kuma Sagaltama(90,000) ol ta'aniif tajaajiloota kanneen akka

Calallii Dhiibbaa Dhiigaa
Calallii Dhukkuba Sukkaaraa
Qorannoo Vaayirasii Tiruu
Qorannoo kaansarii Fiixee Gadameessaa fi Harmaa
Qorannoo Dhukkuba Ijaa
Qorannoo mormaa olii
Qorannoo Dhukkuba HIV
Qorannoo Dhukkuba Daranyoo sombaa fi dhukkuboota gararaaf, akkasumas Dhukkubsattoota gargaarsaa fi namoota isaan gaafatu hin qabneef hawaasa mooraa keenyaa sochoosuun yaalchisuu dandeenyeerra.

Bara itti aanu kanas hojiiwwan kana cimsinee kan itti fufnuu fi hanqinoota jiran foyyeessuudhaaf qophii hunda kan xumurree jirru ta'uu isin beeksisaa irra deebiidhaan baga bara haaraa nagaadhaan geessani jechaa; barri haaraan kun kan Nagaa, Tokkummaa, Jaalalaa, Badhaadhinaa fi kan waan yaaddanitti milkooftan isiniif haata'u jedha.

Koollejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu Fayyaa hawaasaatiif ni kenna.
AYYAANA GAARII.

09/09/2026

KENNA TAJAAJILA LAMUMMAA(KTL) KFHA.

Tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu
Fayyaa hawaasaaf.

Address

Adama
84

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adama Hospital Medical College - AHMC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Adama Hospital Medical College - AHMC:

Shortcuts

Share