Samuee Bekele Terefa Peom

Samuee Bekele Terefa Peom Baga nagaan dhuftan , page kana hordofaa

Jaalalli ijaan dhufaKanaafan si laalaAkkasan si godhaKanatu siif mala
21/05/2025

Jaalalli ijaan dhufa
Kanaafan si laala
Akkasan si godha
Kanatu siif mala

❤️❤️Nan kolfa qasa'eeOsoon dhabaa ta'uuGuyyaa bor dabartuufMaal kan Ani raata'u?Nan boona gammadeeOsoon madaa qabuuYaada...
27/12/2024

❤️❤️
Nan kolfa qasa'ee
Osoon dhabaa ta'uu
Guyyaa bor dabartuuf
Maal kan Ani raata'u?

Nan boona gammadee
Osoon madaa qabuu
Yaada hin baay'isu
Rabbi nan dadhabu

Kaleessiiyyuu darbee
Ergan har'a ga'ee
Ammas kolfaan tiradha
Duran tabba ba'e

Kan na dhibu dhiibaa
Kan na jibbu jaallachaa
Imala kaayyookoo
Hin dhaabu ittan cicha!


Sami Bekele

Fayyaa Faayya!
09/10/2023

Fayyaa Faayya!

Shooleeko bucheeYaa intala calaqqistuuWanta baxabbaxxu kanaMaal Hããdha keef Hin dhiistu😁
28/09/2023

Shooleeko buchee
Yaa intala calaqqistuu
Wanta baxabbaxxu kana
Maal Hããdha keef Hin dhiistu
😁

 :28_30 ...!!28| Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akk...
19/08/2023

:28_30
...!!
28| Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatti waamamanidha.

29| Warra duraan dursee beekumsa isaatiin foo'ate, fakkaatti ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.

30| Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.
!
!

ASSALAMUALAIKUM WARAHMATULLAH WABARAKATUHU!Gufannaaf mufannaaHundumaa dandeesseeKaayyoodhaaf okkoluunNaafa si fakkeessee...
20/04/2023

ASSALAMUALAIKUM WARAHMATULLAH WABARAKATUHU!

Gufannaaf mufannaa
Hundumaa dandeessee
Kaayyoodhaaf okkoluun
Naafa si fakkeessee,
Siif gamu olka'aa
Cimus gadi teessee,
Ayyaana alfixirii
Baga Nagaan geesse!
EID-- MUBARAK!!!!

25/10/2022


~~~~~~~~~~~~~~~
Bara hamaa kana
Kan sooreessa deegsu
Bara wallaalaan hirkatee
Beekaa dhiibee jigsu
~~~~~~~~~~~~~
Damma dur mi'aa'u
Kan sitti hadheessu
Yoo nyaattus yoo dhugdus
Kan si jibbisiisu
~~~~~~~~~~~~~~
Alaa kan dhageessuu
Gurraafuu hin tolu
Manaatii maatiikee
Asiif achi kan goolu
~~~~~~~~~~~~
Yoo Laaltu gamana
Akka hongee guba
Millattus gama San
Kan argitu daba
~~~~~~~~~~~~~~~~~
Waa mara keessaayyuu
Waa tokko hin argannu
Mee kottaa sabakoo
Uumaatti haa amannuu
~~~~~~~~~~~~~
Adaraa deebinee
Haa eeggannu garasaa
Umaa waaqaaf lafaa
Amanuutu nu baasa



Like com share...

Address

Addis Ababa

Telephone

+251972484084

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Samuee Bekele Terefa Peom posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Samuee Bekele Terefa Peom:

Share